Iraan: Awwaalchaa Qaaseem Solemaanii irratti namootni 50 ol du'an

Iraan, sirna awwaalchaa Qaaseem Solemaan irratti argamuuf uummatamiliyoonaan lakkaa'amu imalaa turan keessaa, waldhiibuun walirraa dhaabachuun yoo xiqqaate namoota 50 lubbuun darbuusaa miidiyaan biyyattii gabaaseera.

Namootni 48 ol ta'an ammoo balaa kanaan mada'aniiru jedha gabaasichi.

Qaaseem Solemaanii magaala Kermanitti kan awwaalamu yoo ta'u, namootni miiliyoonaan lakkaa'aman sirna awwaalchaa kanaaf daandiitti bahuun gutaanii jiru.

Ajjeechaan isaa Ameerikaafi Iraan gidduutti sodaa waraanaa kaaseera.

Iraan keessatti Hogganaa amantaa Kameniitti aansuun Solemaaniin nama aangoo qabeessa isa lammataadha. US Solemaaniitiin akka shorokeessaafi akka nama looltoota Ameerikaatti rakkoo uumuu danda'utti ilaaltiin turte.

Haala gara biraatiin ammoo:

  • Ameerikaan Ministira haajaa alaa Inraan Jaavaad Zaariif torban darbe waajjira UN kan Niiw Yoorkiitti argamu dowwachuuf viisaa dhorku ishee haalte jirti. Sochiin akkasii kunis waliigaltee qondaaltoonni biyya alaa kamuu waajjira mummee Motummoota Gamtoomanii akka doowwataniif heyyamamuu qaba jedhu kan cabsuu ta'a.
  • Mr Zaafiif konfaransii Tehraan irratti haasaa taasisaniin, "Ameerikaan ajjeechaa Soleemaan raawwachuuf heerreega dogongoraa raawwachuun tirgaa guddaa taasiftee'' jedhaniiru.
  • Jarman loltootashee muraasa Iraaq keessatti haaluma qaama walta'iinsa waraana IS'f achi turan baasu eegalteetti.
  • Ameerikaan ammoo loltoota ishee Iraaqii baasuuf gabaasa jedhuu haaltee jirti. Kunis erga xalayaan janaraala US bahuuf akeeku ibsu tokko argameen booda ture.
  • Paarlaamaan Iraan garuu seera wixiinee waraana Ameerikaafi Peentaagon akka dhaaboota shororkeessatti ilaaluu mirkaneesseera. Kana malees humna waraanaa Solemaaniin ogganamaa turee gargaaruuf baajati dabalataa ramadeera.