Dhaabni Naannoo Tigraay bulchu yeroo duraaf Yaa'ii waliigalaa atattamaa waame

Dhaabni Naannoo Tigraay bulchaa jiru Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay [ABBUT ykn TPLF] seenaa isaa waggoota 40 ol keessatti yeroo duraaf yaa'ii Waliigalaa atattamaa taa'uufi.

Yaa'iin kuni ALI Mudde 25 fi 26 [sambataafi Dilbata] Maqaleetti akka taasifamu ibsi waajjira dhaabichaa baase agarsiisa.

Haa ta'u malee, sababa maaliif yaa'ii ariifachiisaa waliigalaa akka waame bal'inaan hin ibsamne.

Yaa'iin atattamaa maaliif barbaachise?

Ministira Muummee Abiy Ahimadin kan hogganamu ADWUI'n yaada 'Dimookiraasii Warraaqsawaa' dhiisuun ''Ida'amuutin' akka hogganamu ibseera.

Dhaabni Naannoo Tigraay bulchaa jiruufi kana dura dhaaba ADWUI keessatti olaantummaa akka qabutti amanamu immoo kana mormaa ture.

Inumaa paartii ADWUI baqsuun kan biraa ijaaruurra waldhibdeen paartilee ADWUI keessa jiru akka fooyya'u akka hojjetamu gaafataa ture.

Koree Hojii Raawwachiiftuun ADWUI yeroo xumuraaf walgahii yeroo taa'ettis qondaaltota Tigraay 8 walgahiicharratti argaman keessaa harki caalu baquu ADWUI mormaniiru.

Ergasii dhaabbileen ADWUI hundeessan sadii paartilee deeggartootaa 5 dabalachuun baquuf murteessan.

ABBUT garuu adeemsa seeraa hin hordofne jechun mormii isaa kan ibsaa ture. Kanaanis, isaanitti hin dabalamne.

Murtee isaa xumuraa garuu yaa'ii waliigalaa taa'un akka murteessuufi murtee kanas waajjira ADWUI'tti akka beeksisan himan.

Yaa'ii waliigalaa kana dura garuu Koree Hojii Raawwachiiftuufi Koree Giddugaleessaa taa'een walitti baquu ADWUI ifaan ifatti mormeera.

Kanneen adeemsa Paartii Badhaadhinaa qeeqan paartichi adeemsa seeraa osoo hin hordofin paartii biraa hundeesse jechuun himatu.

Paartichi garuu MM Abiy Ahimad dabalatee bu'uura seeraa hordofanii akka adeemaa jiran ibsaa turani.

Paartiin tokko yeroo baqu paartii biraan waan bakka buufamuf kana murteessuuf aangoo kan qabu Yaa'ii walii gala akka ta'e labsii Boordii Filannoos ta'e Dambii Ittiin Bulmaata dhaabichaa ni ibsa.

Dhaabni Naannoo Tigraay bulchu Yaa'ii Ummataa torbee darbe waameen dhimma baquu irratti mari'achuu isaa ibseera.

Miidiyaaleen naannichaa akka gabaasanitti yaa'iin ummataa kuni baquu dhabuu ABBUT deeggaruun ibsa' Paartii Badhaadhinaa ni falmanna' jedhu baasee ture.

Ejjennoo kana dura tureen yoo ilaalame Yaa'ii Arifachiisaa dhaabni ABBUT taa'un murteen haaraa ni eegama jedhamee hin eegamu.

Garuu, akkuma dhaabiuchi durumaa ibsaa ture adeemsa hordofuu qabu hordofee raawwachuu isaa ibsuuf itti fayyadama ta'a.

Baatii Guraandhala dhufu waggaa 45 kan guutu ABBUT hanga yoonaa Yaa'ii Waliigalaa 13 taa'eera.