Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Oromoo: ABO, KFOfi PBO walta'insa tolfachuun Oromoof maal akeeka, Paartii Badhaadhinaafoo?
Paartilee mormituu Oromoo akka biyyaatti dorgoman keessaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), Kongirasiin Federaalistii Oromoo (KFO) fi Paartiin Biyyaalessa Oromiyaa (PBO) filannoo dura wal - ta'umsaan hojjechuuf mariirratti akka argaman maddeen ni ibsu.
Xumurri marii kanaa ifatti ibsamuu baatulleen kaayyoon walta'iinsa paartilee kanneenii sagaleen ummataa osoo adda hin faca'iin walitti dhufanii humna godhachuun filannoo irra -aanuu akka ta'e keessa beektoonni ni dubbatu.
Gaazexeessituufi hundeessituun Addis Standard Tsadaalee Lammaa paartileen kunneen marii gosa sadii taasisaa akka jiraniifi yoo milkaa'e akeekni isaa guddaa akka ta'e himti.
Biyya paartileen siyaasaa 100 ol jiran keessatti filannoo adeemsisuun rakkisaa akka ta'eefi paartileen siyaasaa akka walitti dhufan MM Abiy Ahimad irra - deddeebiin ibsaa turaniiru.
Paartileen siyaasaas marii ummata waliin taasisan irratti akka walitti dhufan gaafatamaa akka turan ibsu.
Dhimma marii paartilee
Dura Teessuu Itti- aantuun PBO Aadde Seenaa Gonfaa kaayyoon marii kanaa ''akkaataa itti sagaleen ummataa osoo hin burjaaja'in gatiirra oolee mootummaa ummanni ofiisaatiin filatu uumamuudha,'' jedhan.
Sagaleen deeggartootaa akka hin qoqqoodamne akka yaadame kan dubbatan Aadde Seenaan, "sagalee ummataatiif gatii kennuu kan jedhudha wanti guddaan," jedhan.
Kunis, "bakkee paartiin tokko deeggarsa jabaa itti qabu walii dhiisaa dorgommiif dhihaatanii sagalee argatan walitti fidanii fuulduratti itti deemuudha," jechuun himu.
''Fakkeenyaaf, bakkee PBO'n itti dorgomu irratti beekamaadha deeggaraan paartilee sadeenitu jiru. Kanaaf, deeggaraan ABO, kan KFO kan PBO's PBO qofa fila jechuudha.
''Bakkeettii ABO'n deeggarsa guddaa qabuttimmoo deeggaraan paartii sadeeniitu ABO fila. Bakkee KFO'n dorgomu irrattimmoo deeggaraan paartii sadeeniitu KFO fila," jechuun ibsu.
Akkaataa kanaan, dorgommiin 'mootummaafi paartilee saba biraa waliin ta'a malee Oromoofi Oromoon walirratti hin dorgomu jechuudha,' jechuun galma mariirraa eegamu ibsu.
Mariin paartilee kanaa taasifamaa jiraachudha malee akkaataafi waan isaan irratti waliigalan ammatti ummataaf ifa hin taane.
Tibbana paartii KFO seenuun isaa kan ibsame Jawaar Mohaammad paartileen kuni waliti iqindoomuuf akka hojjetaa jiran tibbana miidiyaa Addis Istaandaardiif ibsee ture.
''Paartilee Oromoo gidduu garaagarteen ilaalchaa hin jiru'' kan jedhu Jawaar Mohaammad bu'uurri gaaffii Oromoo inni guddaan ''ofin of bulchuudha,'' jechuun ibsa.
Gaazexeessituu Tsadaalee Lammaa gama ishiitin marii paartileen Oromoo waliin qofa osoo hin taane paartilee naannoo biraa waliinillee akka itti fufe himti.
Tsadaaleen akka jettutti KFO'n Lixa Shawaa irratti deeggarsa cimaa qaba, paartiin B/J Kamaal Galchuu PBO'n immoo gara baaleefi Arsii akkasumas ABO'n gama Lixaafi Kibba Oromiyaa deeggarsa cimaa qaba jechuun ibsiti.
Maal akeeka?
Paartileen mormituu ijoo Oromiyaa keessatti socho'an humna wal laaffisu dhabuuf mari'achaa jiraachun isaanii hiika guddaa akka qabutti himti Tsadaaleen.
Paartiilee gidduutti dorgommii cimaa hin fida. Kunimmoo ummata Oromoodhaaf baay'e bareeda kan jettu Tsadaalan "Baay'ee barbaachisaadha kan jedhamu marii isaan filannoo dura taasisanidha," jetti.
''Akka paartii biyyaalessaatti dorgomuuf galmaa'un isaanii sagalee filattoota addaan facaasa yaaddoo jedhu qabu. Kana hambisuufi mariin kan taasifamaa jiru.
'"Haata'u malee, isaan walitti dhufanii [paartilee mormituu] akkanatti hojjennaan ummanni Oromoo paartii kami filachuu naa wayyaa kan jedhu kanarratti baay'ee gargaara," jetti.
''Yeroo duulli filannoo taasifamullee deeggartoonni isaanii akka walitti hin buune marii kana hambisuu danda'u kan taasisaa jiran.
''Yoo isaaniif milkaa'e akeekni isaa guddaadha. Filannicha dimookiraatawaa ni taasisa.
''Paartileen mataan isaanii walmorkii hintaane keessa seenu wanta dhabanif filannicha nagaa qabeessa gochuuf gargaara,'' jechuun dubbatti.
Walta'umsi paartilee mormituu Oromoo kun paartii biyya bulchaa jiruufi dhiheenya maqaa jijjiirrate, Paarti Badhaadhinaaf yaaddoo akka ta'u kaasti.
Magaalaalee muraasa keessati yoo ta'e malee Naannoo Oromiyaa keessatti olaantummaa qaban akka dhaban tilmaamuun salphaadha jechuunis ibsiti.
Kanaaf ammoo akka sababaaatti akkatti paartiichi dhiheenya maqaa jijjiiruun of beeksiseen alatti walitti dhufuu paartilee mormituu kaasti.
Ta'us, filannoo dhufuun ODP'n takkaatti olaantummaa dhaba jedhanii dubbachuun nama dhiba jechuun himti.
''Inni kuni baay'ee nama rakkisa. Paartiin Badhaadhinaa waan mootummaa waan ta'ef Oromiyaa keessatti bu'uura cimaa qaba. ODP'n qooda isaas xiqqeessee paartii humna qabu ta'e itti fufa yaadaa jedhun qaba.''
Paartileen sadan filannoo irratti yoo milkaa'an boodarra carraa 'tokkummaa uumullee danda'u qabu' jechuun himti.
Mootummaanis nagaaf jecha aangoo qooduun isaa akka hin hafne tilmaama ishee keessi.
Paartilleen sadan kunneen filannoo biyyaalessaa baranaa irratti akka biyyaatti dorgomuuf kan galmaa'anidha.
'Bishaan gara sadii fiddee baaldii tokkotti naquu'
Paartilee sadan marii eegalan seenaa garaa garaa qabu. ABO' yeroo dheeraa booda qabsoo karaa nagaatti kan deebi'e yoo ta'u PBO'nis erga Dura Taa'aan isaa B/J Kamaal biyya galanii maqaa jijjiiratedha.
Sadeen keessaa biyyuma keessatti qabsoo karaa nagaa kan gaggeessaa ture KFO qofaadha.
Waligaltee kanaan tarii paartiin tokko kaanirraa addatti ni fayyadama yaadni jedhu ka'ee ture kan jenneen Aadde Seenaaf kana deebisan.
''Paartiin tokko sagalee baay'ee fidee dhufuu yoo danda'e inni rakkoon isaa natti hin mul'atu. Inni kaanis sagalee xiqqaa yoo fide itti bahaan isaa boodde walumatti ida'ama.
''Bishaan gara sadii fiddee baaldii tokkotti naqxu natti fakkaata anaan. Nuti walitti makamnus, qofa qofaa dhihaannus ummanni kan barbaade fila,'' jedhan.
''Sagalee ummataa bakkee sadiitti qircuurra bakka waliif dhiisanii bakkee inni tokko hin mo'ata deeggarsa guddaa qaba jedheerratti inni kaan dorgomuu dhiisee waan argatan immoo booddee walitti fidanii mootummaa ummataa odoo ittiin dhaabani,'' jedhan.
Mariin kuni duraan dursa paartilee Oromoo gidduutti erga taasifame booda paartilee kaanitti akka ce'u himu.
'Dura akka paartilee Oromootti humna keenya walitti qocannee baanee immoo akka biyyaatti saba biraarraa dorgoman waliinis mari'achuf deemuun kuni biyya waliin ijaaruu keessatti qooda qaba' jedhan.
''Sadarkaa Oromiyaatti Oromoo waliin sadarkaa biyyaatti paartilee saboota biraa waliinis gara itti mari'annudha kallattiin isaa.''
PBO'n galmaa'ee?
Paartiin qondaala duraanii waraana Itoophiyaa turaniin hogganamu Paartiin Biyyoolessaa Oromiyaa [PBO] sababa alaabaan Boordii Filannoodhaa osoo hin galmaa'in hafeera.
Ergasii booda waan irra gahan kan gaafanne Aadde Seenaan ''Garuma argachuuti deemaa jira fakkaata,'' jedhan.
''Seera ilaallee jirra. Wanti alaabaa dirqisiisuu hin jiru. Yeroodhaaf isuma malee hayyama gaafachuutti jirra,'' jedhan.