Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: ABO dabalatee dhaabbileen siyaasaa kudhan walta'an
Dhaabbileen siyaasaa torba guyyaa har'aa [Jimaata] sanada waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu walif mallatteesaniiru.
Dhaabbilen siyaasaa kunnen Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Sidaamaa, Paartii Dimokiraatawaa Qimaant, Paartii Bilisummaa Uummata Affaar, Dhaabbata Sosochii Bilisummaa Uummata Benishaangul Nagaa fi Dimokiraasiif, Paartii Magariisaa Kafaa fi Paartii Dimokiraawataa Moochaa dha.
Sanadni waliigaltee fuulawwan Shan qabu fi dhaabbilee siyaasaa torbaan mallatteefame kun gara gamtaa uummachhuu, darbees gara walitti makamuutti ceesisuu kan danda'udha jedhameera.
Waliigalteen kun kan dhaabbileen siyaasaa kudhan tumsa uumuu fi mul'ataaf galma waliini qabaachuun faayidaa uummattoota bakka bu'anii kabachiisu, bilisummaa fi tokkummaa mirkaneessuu akkasumas karaa dimokraatawaa ta'een qabsaa'uf ittin waliigalanidha jedhameera.
Haaluma kanaan paartilen kudhan ji'oota jahaa oliif waliin mari'achaa akka turan saganticharratti himameera.
Haa ta'u malee Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden /ONLF/, Sosochiin Bilisa Baasaa Uummattoota Gaambeellaa fi Manni Maree Biyyaalessaa Agaw sagantaa sanada mallatteessuu har'aa irratti hin argamne.
Dhaabbileen Siyaasaa Kunnen Maal Jedhan?
Hayyu dureen Adda Bilisummaa Oromoo /ABO/ Obbo Daawud Ibsaa kanaan dura ijaarsi dhaabbilee siyaasaa dhiibbaa mootummootaan bocamaa kan ture ta'uusaa himan.
"Wanti walitti dhufeenya kana adda taasisu dhaabbilen kunneen walin taa'anii yaada fidanii walta'iinsa fi caasaa waliin tolchuu isaaniti" jedhan.
Ammatti tumsa waliif gochuuf waliigaluu isaanii himuunis "gara filannoo deemaa jirra, filannoo irratti akkamitti wal tumsina, akka dhuunfaatti akkamitti wal jabeessina, sana bira darbes gara adda tokkummaa ijaaruutti ce'uu akka hawwiitti kan lafa kaa'amedha" jedhan.
Walitti dhufeenyi dhaabbilee siyaasaa kun wareegama qabsaa'ootaan akka dhufe kan dubbatan Obbo Daawud "utubaawwan waliigaltee keenyaa nagaa, federaalizimii, heera fi filannoo biyyaalessaa naga qabeessa ta'e dha" jechuunis dubbatan.
Adeemsi haaraan kun dhaabbileen siyaasaa garaagaraa kan itti hirmaatan fi ce'umsa dimokiraatawaaf galtee kan ta'u akka ta'es himaniiru.
Dhaabbata Sosochii Bilisummaa Uummata Benishaangul Nagaa fi Dimokiraasiif bakka bu'uun waligalticha kan mallatteessan Obbo Ibraahim Hassan "mallattoon waliif mallatteesine kun kaayyoo guddaa kan qabu, faayidaa fi nagaa biyyaafis gumaacha olaanaa kan qabu dha" jedhan.
Jaalannus jibbinus uummatni keenya tokko kan jedhan Obbo Ibraahim Hassan "dhiibbaawwan kana dura turan cinatti gochuun bifa haaraan uummata keenyaaf qabsaa'uu qabna" jedhan.
"Cunqursaa nurratti raawwatamutu walitti nu fida. Dhaabole biroo ofitti dabaluunis humna keenya ni guddisna" jedhan.
Mallattoo mallatteessuu qofa osoo hin taane qabatamaan walin akka hojjetanif waamichas dhiyeessan.
Paartii Dimokraatawaa Qimaant bakka bu'uun waligalticha kan mallatteessan Obbo Walda-Amaanu'el Zannaba ummatni keenya baroota heddu kan dabarse lammii Itoophiyaa ta'ee miti jedhan.
"Deeggaraa lammiilee fi galtee lakkoofsa lammiilee biroo ta'uun ture" jedhan.
Amma garuu uummatni Qimaant xiqqaas ta'u hafuura galfateera jechuun kan dubbatan bakka bu'aan paartichaa kun "adeemsi marii paartilee kunneeni biyyattif fakkeenya kan ta'u fi biyyattis balaa itti aggaamamee baasuu kan danda'udha" jechuun himan.