Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaamoleen hegeree Itoophiyaarratti mari'atan hireewwan afur adda baasan
Hooggantoota jaarmiyaalee siyaasaa, rogeeyyiifi namootni dhageettii guddaa qaban marii iccitiin gaggeessaa turan xumuranii, hireewwan Itoophiyaa waggaa 20 boodaa mudachuu malan afur adda baasan.
Mariin bifa kana dura hin baratamneen hirmaattota kana guyyooota 11'f waliin oolchee, guyyoota 8 ammoo waliin bulche, namootni ejjennoo walirraa adda ta'e qaban walitti dhufanii dhimma waloorratti waliin nyaachaa taphachaa akka mariyatan carra kan banee ture.
Sagantaa kanarratti hooggantootni dhaabbilee siyaasa hiree biyyaarratti gahee olaanaa qabu jedhaman, namootni dhageettii guddaa qaban walumatti 50 ta'an seektaroota garaagaraa irraa of eeggannon filatamuu qopheessitota sagantaa kanaa keessa tokko kan ta'e dargaggoo Moonenus hundarraa BBC'tti himeera.
Adeemsi marii kanaa mala saayinsaawaa rakkoo furuu dandeessisuu 'Transformative scenario planning' jedhamun kan beekamu yoo ta'u biyyootni baay'een mala kanatti fayyadamuun rakkoo isaanii furuuf milkaahaniiru jedha.
Odeessa kanatti dhiyaatan biroo filadhaa dubbifadhaa:
Kaayyoon isaa guddaas walitti dhiyaatanii yaada ofiirra darbanii, yaada qaama isa balaaleffatan dhagahuu irratti haasa'uu gabbisuufi achiis waayee kaleessaa caala waayee boruu yaaduun mariyachuudha.
Hirmaattootni marii kanaas haala qabatamaa amma jirurratti hundaa'uun waggaa 20 booda hireewwan 4 Itoophiyaa mudachuu malan adda baasaniiru.
Broken chair (barcuma caccabaa)
Hirmaattootni hiree biyya kanaa ta'uu mala kan jedhan tokko Barcuma caccabaan fakkeesaniiru.
''Biyya ykn mootummaatu teessuma caccabatti fakkeefama. Teessumni jira, mootummaan jira haa ta'u malee aangoon ittiin biyya qixa barbaadametti gaggeessuuf dandeessisu hin jiru akka jechuuti'' jedha dargaggoo Moonenus.
Jaarimayaalee siyaasaa, saboonni adda addaa biyya kana keessa jiran osoo biyya gara gaariitti geessuuf fedha qabanii dandeettiin waa gochuu isaanii laamsha'ee dadhabanii argamuudhas jedha.
Qaamoleen biyya bulchan gama dinagdeen, siyaasaan, hawaasummaafi nageenyaan ni laamsha'uu.
Hegemony (abbaa Irrummaa)
Kan lammataa Abbaa Irrummaadha.
Biyya kana keessatti akkuma argaa jirru lammiileen gaaffii qabu kan jedhu Moonenuus, gaaffiiwwan kana halli mootummaan ittiin deebisu murteessaadha jedha.
''Amma sodaan jiru gaaffiin gaafa baayyatuufi mootummaarratti dhiibbaan gaafa cimu, gaaffiilee kana ukkamsuun qawweedhaan, hidhuudhaan, ajjeesuudhaan humnaan gara bituutti adeemuu mala kan jedhuudha.''
Hegeree akkasii keessatti mootummaan fedha uummataaf gurra dhowwatee aangoo dhuunfaa ykn garee eegsisuurratti xiyyeefata.
Divided house (Mana diigame)
Akka Moonenuus jedhutti Hegereen kun dhugoomuu kan danda'u abbaan irrummaa kun cimee gaaffiin uummataa deebii yoo dhabu, sabaa fi sablamoonni mirga isaanii eegsisuuf mata mataan biyya ofii ijaaruutti yoo socho'aniidha.
''Ilaalchi biyyoolessaa hafee Oromoon akka Oromootti Amaarri akka Amaaraatti, saboonni kaaniis ofiif qofa gara yaaduutti kan qajeelan yoo ta'eedha.
Waayee walo yaaduun hafee atakaroo fi dorgommiidhaan hunduu waayee saba isaarratti yeroo xiyyeefata ta'e gara biyya diiguutti adeema.''
Dawn (barii barraaqa)
Hegereen afraffaan biyya kana eeggata jedhame, ifa ganamaati.
Biyyi kun rakkoo keessa jirti gaaffii baayyeetu jira, hidhamuun, ajjeefamuun, walqooduu, walshakkuu fi wantoota yaaddoo ta'an jiru. dukkanatu jiraa jedha Moonenuus.
Haata'u malee dhawaata dhawaataan gaaffileen deebi'aa wal amantaan uumamaa, federlaizimiinfi dhaabbileen kana cimsan ijaaramaa wayita deeman biyyittiin gara Federaal Dimookrasitti ni ceeti abdiin jedhus jiraa jedha.
''Kun ammoo Lammilee biyyattiif aduu ganamaa akka ifu godha''
Marii kanarratti hayyu dureen ABO obbo Dawuud Ibsaa, dura taa'aan KFO prof. Mararaa Guddinaa, bakka bu'oonni paartii ODP duraanii, pireezidantiin dhaaba IZEMA Prof. Birhaanuu Naggaa, dura taa'aan ABIN Dr. Dassaalanyi Caannee fi kaanis hirmaataniiru.
Hirmaattotni marii kanaa hiree biyyattii boruu ta'uu malu jedhanii lafa kaahan afran kana keessaa Dawn(barii barraaqni) galma hundi keenyayyuu arguu feenudhaa jechuun waliigalaniiru.
Lammiilee biyyattiif aduun ganamaa kun akka bahus hunduu gahee isaanirraa eegamu bahuuf waadaa galuu qopheessitootni nutti himaniiru.
Hirmaattotni maal jedhan?
Barsiisaa Yunivarsiitii finfinnee kan ta'e Dr Baddiluu Waaqjiraa jalqaba gara sagantaa kanaattii affeeramee hirmaattoota sagantichaa gaafan argu dhuguma warra yaada faallaa qaban kanatu walitti siiqee waliigalaa jedhee yaadeen ture jedhu.
''San booda garuu namoonni yaadota diiganiidha kan jedhan keessaa yaada ijaaraa yoo baasan, yaadota mormaniif hiriyyummaa fi waliigalteen yaada ijaraa yoo kennan argeera."
"Rakkoon Itoophiyaa qaawween osoo hin taane waliin haasa'uun, dhiifamaa fi jaalalaan qofa kan hiikamu akka ta'e ejjennoo qabadheen bahe'' jedhan.
Pireezidantiin IZEMA Dr. Birhaanuu Naggaa qaama sagantaa kanaa kan turan yoo ta'u, ''Siyaasa keenya keessatti rakkoon jiru ilaalcha sababa gahaarratti hin hundoofne, miiraan oofamuu, qaamolee hoy hoy jedhan gammachiisuuf xaaruu dha'' jedhan.
''Workishooppiiwwan gaggeesinerraa kan hubanne namoonni waan sababa gahaa qaburratti hundaa'anii taa'ani yoo mariyatan, rakkoon hiikuu hin dandeenye hin jiru.'
Sinaariyoowwan keenye fi nu hin barbaachisan jenne sadii dhiifne isa sirriitti ha dhugoomsinu yoo jenne, siyaasa keenya miira keessaa baafne gara adeemsa sababa gahaarratti hundaa'etti geessuu akka qabnun hubadhee jedhan.
Dura taa'aan dhaaba ABIN Dr Dessaaleny Caannees sagantaa kanatti akkan galuu yoon gaafatamu mariidhuma kana dura baratame ta'a jedhee waaniin yaadeef hedduu abdii hin godhanneen ture jedha.
''Namootan yaadaan walii hin galle, ejjenoo siyaasaa isaaniin garaagaraa namoota ta'an waliin yoo xiqqaate taa'anii mariyachuun akka danda'amu sagantaa keenyarraa hubadheera."
"Garaagarummaa yaadaa qabaanuyyuu garaagarummaan kun teenyee akka hin mariyanne nu hin danqu amantaa jedhu horadheeraa,'' jedhan.
Namni Siyaasaa Obbo Tsaggaayee Maammoos, ''namni tokko tokko hunda caala Itoophiyaaf(biyyaaf) kan yaadnu nu akka taane yaadna, amma garuu hundi keenyayyuu biyya kanaaf walqixa akka yaadnu hubadhee'' jedhan.
''Tokkoon tokkoon keenya sammuu keenyattii namootni akka bineensaatti yaadnuun dhugumatti nama ta'uu isaanii waliin teenyee mariyannee mirkaneessinerra."
"Namootni wal bukkee teenyaa laata jennu, teenyee yoo mariyanne, nu caala kan walitti bu'e uummatni Itoophiyaa waan hin jirreef yoo nuti kan gochuu dandeenye warri kaan hin dadhabanii jedhan.
Obbo Olbaanaa Leellisaa, namoonni akka namaatti wal diinomfatanii wal jibbaa kan turan, osoo wal hin beekiin ta'uu sagantaa kanarraa hubachuu nutti himan.
''Jalqaba yeroo obbo Dawuud achi seenu akka rifachuu namni ta'e jira. Isaaniis iddoo akkasii dhufuu jedhanii. Booda mariif gara isaatti deemaa turan.''
Warri wal baqatan, sodaafi jibba dogoggorarratti hundaa'e keessaa bahuu walitti siiquu danda'uu isaaniis nutti himan.
Waltajjichi yaada dogoggoraa qaamoleen biroon ajandaafi kaayyoo dhaabbileen siyaasa Oromoorratti qabatan akka jijjiiran carraa uumeeras jedhan.
Wanti achitti sadarkaa namoota dhaaba hooggananitti eegalame yoo dhaabbilee hogganan keesattis gadi bu'e jijjiirama guddaa fidaa jedhan.
Eenyutu qopheesse?
Marii kana hirriyoota sagala ta'antu dhimma kaleessaa fi har'aa caala waan hegeree irratti haamariyannuu jechuun yaada kan maddisiisee sochii Destiny Ethiopia 2040 jedhu eegalan.
''Rakkoo biyya keenya keessa jiru wajjiin walqabatee namoonni fakkeenya Liibiyaa fi Siiriyaa yeroo kaasan dhagaahama.
Biyyoota rakkoo walfakkaataan isaan mudatee irra aanuun milkaahan haa ilaalluu jennee fakkeenya biyyoota akka, Afrikaa Kibbaa, Kolombiyaa kaanadaa fi kaanis qalbii keenya hawwatee'' jedha qindeessaan Destiny 'Ethiopia Initiative' obbo Nugusuu Akliiluu.
Biyyootni akka fakkeenyatti fudhanneen kun mala 'Transformative scenario planning' jedhamutti dhimma bahanii jedhan.
Biyyoota kana keessatti qaamoleen murteessoon biyyattii dhoksaatti balbala cufatanii miidiyaafi taajjabdoonni bikka hin jirreetti yeroo gahaa bifa hin nuffisiifneen nyaachaa dhugaa waliin jiraachaa marii gaggeessantu biyya isaanii baraares jedhan.
Adeemsi hirmaattota shantam filachuu ofeeggannoon waan ta'eef ji'a jaha fudhachuu, sana booda Ji'oota jahan darbaniif ammoo workshopiiwwan sadii tokkoon tokkoon isaanii guyyoota sadii hanga shanii walumaagalatti guyyoota 11 fudhatan Bishooftuu fi Arbaamincitti gaggessu nutti himan obbo Nugusuun.