Abiy Ahimed: 'Paartiin Badhaadhinaa akkataa nuuf tahuun bifa haaraan kan ijaaramedha'

MM Abiy Ahimed paartiin Badhaadhinaa gaaffii uummata Oromoo kanaan dura ture deebisuun gaaffiifi fedhii haaraa simachuuf qophii tahuu ibsan.

Abiy Ahimad ODP'n paartii badhaadhinaatti makamuuf murteessuu isaa himuun jaarmiyaaleen kanaan dura biyya bulchaa turan akkataa karaa guutu taheen gaaffii uummata keenyaaf deebii kennaniin hin ijaaramne jedhan.

''Akkaaataa nuu toluuf akkaataa, akkaataa nuuf maluun ijaaruu qofa osoo hin taane waan diinni ijaare diiganii waan firri ijaare cimsachuun barbaachisaadha,'' jedhan viidiyoo fuula Feesbuukii isaaniirratti gadhiisaniinii.

Namootni tokko tokko paartiin haaraan kun sirna federaalaa ni balleessa, mootummaa duraanii ni deebisa jedhanii dubbatu kan jedhan MM Abiy Ahmad ''paartiin kanaan duraa du'ee awwaalamee jira. Paartiin keenya ammoo kan du'e boollaa hin kaasu'' jedhan.''

Viidiyoo kanaan akka ergaa dabarsanitti paartiin isaanii isa jirutti lubbuu horuun sagantaa haaraa baasuun irratti mari'achuun, gaaffii uummata deebisuuf qabsoo haaraaf ka'uu ibsan.

''Paartiin keenya kan booruu malee kan kaleessaa miti'' jedhan.

Kana booda olaantummaa seeraa eegsisuun namni hundi yaada isaa uummatatti ibsachuun dorgomee aangoo karaa nagaa qabachuu danda'as jedhan.

Namoonni yaada gurmaa'aa tahe hin qabne , paartii keenya isa haaraadhaan kana gochuu hin danada'u jechaa himachuun qofa siyaasni biyya kanaa adeemuu hin danda'u jedhan.

''Kana booddee waa'ee keenya qofa dubbachuudhaan jiraachuun rakkisaa waan taheef akka yaada keessan uummataaf dhiyeesitanii dorgomuu dandeenyu ergaa koon dabarsa'' jedhan.

Qaamotni maqaa oromootiin biiya jeequu barbaadaniifi Oromoon biyya gaggeessuu hin dandeenye jechuunhookkara kaasan irrattis seeraan tarkaanfii akka fudhannu ibsuun barbaada jedhan.

Namni siyaasa keessatti bobba'uu barbaadu yaada dhiyeessee yaadaan mo'atee, caalee deemuu akka qabuu fi karaa jeequmsaa siyaasa dagaagsuu akka hin dandeenye akeekkachisaniiru.

Paartileen akka ODP, ADP fi kaanis gara paartii badhaadhinaa ijaaramaa jiruutti akka makamuuf murteessan ibsaa turan.