Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paartileen ADWUI walitti makamuu paartilee irratti walii galanii mirkaneessuu ibsaa jiru.
MM Abiy Ahimed paartii isaanii ADWUI jedhamuun waggoota 28'f biyya bulchaa ture walitti baqsuun paartii Badhaadhinaa [PP] jedhamu hundeessaa jiru.
Wal gahii ariifachiisaa har'a ODP fi ADP'n taa'aniin paartileen gurguddoon lamaan walitti makamuu paartilee raggaasisuu isaaniis fuula feesbuukii isaanii irratti barreessaniiru.
ODP'n wal gahii isaa magaalaa Adaamaatti taa'een walitti baquu ykn makamuu paartilee kana mirkaneessuu ibseera.
Haa tahu malee BBC'n ragaa guutuu qabaachuu baatus walitti makamuu kana ilaalchisee miidiyaalee biyya keessaa tokko tokkoo fi miidiyaalee hawaasaa irratti akka odeeffamutti miseensota koree gidduugaleessaa ODP gidduu waliigaltee guutuun akka hin jirre eera.
MM Abiy Ahimed fuula Feesbuukii isaanii irratti akka ibsanitti ammoo paartileen lameen sagalee guutuun walitti makamuu ykn baquu paartilee ADWUI mirkaneessuu ibsan.
Paartileen Naannoo Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumu fi Gambeellaa bulchaa jiranis walitti baquun paartilee fi dhalavchuun paartii Badhaadhinaa [PP] gaaffii keenya yeroo dheeraatu deebii argate jechuun makamuuf walii galuu isaanii ibsaniiru.
Walitti baquun paartilee kun hayyoota siyaasaafi paartilee obbolaa kaan biratti ammoo mormii kaaseera.
MM Abiy Ahimed paartileen 'Aggaar paartii' jedhamuun waamamaa turanis karaa guutuu taheen siyaasa biyyaa keessatti hirmaachuu waan qabaniif walitti baquun barbaachisaadha jechuun dubbataniiru.
Manni maree AWDUI wal gahii taa'eenis walitti baquu paartilee kana raggaasiseera. Afaa Oromoo, Afaan Somaalee, Afaan Tigiriffaa fi Afaan Affaar afaan hojii paartichaa akka tahan murtaa'uus ibsameera.
Waggoota 27 darban keessa ol aantummaan biyya bulchaa kan tureefi ol aantummaaan aangoo siyaasaa isa harka ture jedhamu TPLF garuu walitti baquu yaada jedhu akka hin fudhanne irra dedebiin ibsaa ture.
Haa tahu malee ejjennoo xumuraa isaanii uummata waliin mari'achuun akka ibsan beeksisaniiru.
Xiinxala: Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa keessatti ni milkaa'aa?
ODP'n yaada walitti baquu jedhu fudhachuu isaa ibseera.
Xiinxalaan siyaasaa Obbo Dajanee Tasammaa, bulchiinsi MM Abiy Ahimed jalatti ODP'n fedha isaatiin fudhatamummaa uummataa keessaa baheera jedhan.
Paartii Badhaadhinaa jechuun kan dorgoman yoo tahe maqaadhuma 'Oromoo' jettu illee waan of irraa gataniif mo'achuuf itti ulfaata jedhan.
Gama biraan ammoo TPLF gara baquu kanatti hin makamu yoo tahe hanga sirni federaalizimii jirutti naannoo isaa keessatti dorgomuun akkuma kanaan duraa naannoo isaa bulchuu danda'a jedhan.
Dabalataanis paartilee ilaalcha wal fakkaataa qaban waliinis tokkummaa uumuu danda'u jedhan. Kun ammoo sagalee Paartiin Badhaadhinaa naannichatti argachuu malu jalaa xiqqeessuu danda'a jedhan.
Paartilee walitti baqsuun paartii tokko qofa uumuun aangoo gara mootummaa giduugaleessaatti deebisuudha jedhanii namootni tokko tokko ni barreessu.
Dhimma kana irratti Obbo Dajanee Tasammaa Heerri mootummaa kanaan dura ture aangoo guddaa kan kennu Ministira muummeefidha jedhanii erga paartiin haaraa hundaa'ee booda heerri mootummaa kan jijiiramu yoo tahe aangoo guddaa eenyuuf kenna kan jedhuun kan beekamu taha jedhan.
Murtee manni maree ADWUI dabarseen afaan Orpomoo afaanota kaan waliin Afaan hojii paartichaa ni taha jedhamuun murtaa'e.
Haa tahu malee afaan tokko ammoo naannoleef akka dabalamu ibsameera.
Obbo Dajanee Tasammaa afaan biraa kan jedhamu Oromiyaa irratti afaan Amaaraa taha malee afaan biraa tahuu hin danda'u jedhanii kanaan dura ODP'n hojii isa kaaniin milkaa'aa tahuu baatus afaan Oromootti fayyadamuu fi ittiin hojjechuudhaan akka guddatu taasiseera jedhan.
Murtoon kun garuu kana kan duubatti deebisudha jedhanii ''maagalota Oromiyaa garaagaraa keessa jibba afaan Oromoon afaanicha osoo hin baratiin warra turaniif carraa kennuun sagantaa siyaasaas tahe hojii kaan akka fedha isaaniin akka afaan Amaaraan gaggeessataniif carraa kenna malee Oromiyaaf addatti waan fayyadu hin qabu jedhan.
Kana jechuun paartileen siyaasaa Oromiyaa keessa socho'uu barbaadan kaan afaan Amaaraa akka afaan hojii isaaniitti itti fayyadamuu danda'u jechuudha kan jedhan Obbo Dajaneen kun ammoo guddina afaan Oromoo duubatti kan deebisuufi sabboonummaa fi eenyummaa saba keenyaa irratti dhiibbaa kan qabaatudha jedhan.
''Jalqabuma iyyuu murteen kun eenyuuf barbaadamee darbe?'' Caasaan mootummaa hanga gandaatti jiru afaan Amaaraanis hojjechuu danda'a jechuudha jedhanii akkuma bara Dargii sagantaa siyaasaa ittiin gaggeeffachuu danda'u jedhan.
Oromiyaa keessatti afaan lamaan hojjechuun maaliif barbaachise? kan jedhan Obbo Dajaneen naannolee kaan keessatti afaan lammaffaa dabaluun Afaan Amaaraa guddisuu malee saboota kaaniif waan dabalu hin qabu jedhan.
Sabboonummaan saba tokkoo hafuu hin danda'u kan jedhan Obbo Dajaneen sabbaanummaan hafee gara ilaalcha walootti deebi'uun kan danda'amu yoo gaaffii sabbaaonummaan jabaateef sana deebiste qofadha jedhan.
'Aggaar Paartii'.....
Paartiin Dimokiratawaa Uummattoota Benishaangul yaadni walitti baquu jedhu kun gaaffii nuyi waggoota dheeraaf gaafataa turredha jedhan.
Obbo Adiigoo Amsaayee hogganaan paartii BENGU waggoota 27 darban nuyi bulchiinsa Itoophiyaa jedhamtu keessatti qooda fudhataa hin turre jedhan.
Walitti baquun kun 'Aggaar' jedhanii paartii keenya ibsuun miidhaa xiinsammuu nurra ture nurraa kaasa jechuun BBCtti himan.
''Jalqaba tasumaa iyyuu wal gahii gallee sagalee kennuus tahe yaada kennuun nuuf hin eeyyamamu ture. Booda kana erga jijjiramni eegalee garuu namni lama galee wal gahii irratti ni hirmaata. Garuu yaada kennuu malee murtee dabarsuus tahe sagalee kennuu hin dandeenyu ture.'' jedhan.
Waliiti baquun kun yoo hojii irra oole akka lammii tokkootti sagalee kennuu fi murtee darbu keessatti hirmaachuu dandeenya.
Dabalataan bakka bu'insa madaalawaa tahe bulchiinsa federaalaa keessaas tahe koree biyya bulchu keessaa akka argannu nu taasisa waan taheef walitti baquu paartilee kana gammachuu guddaadhaan fudhanne jedhan.
Enyummaa fi afaan irratti miidhaa qabaachuu danda'a jedhanii beektotni siyaasaa tokko tokko kan qeeqan ilaalchisee miidhaa qabu tokko iyyuu hin qabu, sabaa fi sab-lammootni naannoo keenya keessa waan jiraniif akkuma dura afaan Amaaraa fayyadamaa turretti itti fufa jedhan.
Sabootni xixiqqaan garuu akka bakka bu'insa isaan madaalu argatan taasisa jijiIramni kun jechuun dubbatan Obbo Adiigoo.
Paartii Tokkummaa Sosochii Dimokiratawaa Uummata Gaambeellaa
Itti gaafatamaan damee siyaasaa paartii Sosochii Tokkummaa Uummattota Gambeellaa Obbo Ruwaach Bayak kanaan dura bu'uurri paartilee Aggaar jedhamanii horsiisee bulaa waan taheef Dimokiraasii Warraaqsaaf hin mijatu jedhamuun siyaasa biyyaa keessatti guutummaan hirmaataa hin turre jedhan.
Waanuma paartileen biyya bulchan murteessan hojiirra oolchuu qofa ture gaheen keenya. Filannoo biraa waan hin qabneef ture waanuma murtaa'e fudhannee hojiirra oolchuun hojjechaa kan turre jedhan Obbo Ruwaach.
Sababootni miseensa ADWUI tahuu hin dandeessan jechuun ibsaa turan bu'uura kan hin qabne ture kan jedhan Obbo Ruwaach ''nuun murtee biyyaa keessaa baasuufi qoollifachuuf qofa ture'' jedhan.
''Waliiti baquuf murteen darbe kun gaaffii nuyi waggaa dheeraaf gaafataa turrettu deebi'e.''
Jijjirama kana keessatti qoodinsa aangoo haqa qabeessa tahe arganna jennee amanna kan jedhan Obbo Ruwaach kanaan dura waggoota 28 keessatti sadarkaa ministeeraatti deetaa ministerotaa nama lama irraa kan hafe ministira tahee nama muudame tokko iyyuu hin qabnu ture jedhan.
Akka biyyaattii hirmaannaa nuyi qabnu loltoota raayyaa ittisa biyyaan ture bal'inaan jedhanii Aggaar' jedhamnee turuun keenya garuu ilaalcha tokkummaa biyaalessaaf qabnu irratti dhiibbaa qaba ture jedhan.
Koree hojii raawwachiistuu fi koree gidduu galeessaa ADWUI keessaa kanaan dura nama tokko iyyuu hin qabnu ture jedhanii amma walitti baquu kana keessatti garuu bakka buutotni keenya waan jiraniif waan nusodaachisu tokko iyyuu hin qabnu jedhan.
Biyyi kun qoqoodamtee waan turteef paartilee walitti baqsuun hundinuu bakka bu'aa akka qabaatu waan gargaaruuf gaariidha jennee fudhanna jedhan.
Yaad-rimeen walitti baqsuu ADWUI jedhu kun bara bulchiinsa MM duraanii Mallas Zeenaa akka tures kan himamu yoo tahu bara kana dhugoomuun paartii haaraan hundeeffamaa jira.
Paartiin Badhaadhinaa guutummaatti hundeeffamuu isaa kan mirkaneessu yoo tahe waggoota 28 ADWUI maqaan jedhu dhabamuun bifa haaraan filannoo dhufu irratti kan hirmaatu taha jechuudha.