Obbo Mushee Sammuu: 'Dhaabni Tigraay Bulchu Paartii Badhaadhinaa seenuu danda'a'

Paartileen Adda Dimookiraasawaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) ijaaran afran keessaa dhaabni Naannoo Tigraay bulchu (TPLF) walitti makamuu dhaaba ADWUI mormus itti deebi'u danda'a jedhan xiinxalaan siyaasaa Obbo Mushee Sammuu.

Kana dura paartii mormituu keessa qooda kan qabaataa turan Obbo Mushee dhaabileen wal himachuurra akka of qusatan gaafataniiru.

Hireen dhaaba Naannoo Tigraay bulchu maali?

''Dhaabbileen siyaasaa kuni yoo miira diinaan wal himatan, wanti kuni gara hin taanetti qajeeluu danda'a. Fuula durattis karaa tasgabbii qabun marii taasifamu carraa dhabsiisa," jedhu.

Jarri kuni walii galuu hin dandeenye. Kanaafuu amma humnoota lamaanii irraa wanti barbaadamu wal abaaruufi ibsa dubbii hammeessuu baasuurra tasgabbaa'anii wantoota gamaaggamuu qabus akka Obbo Musheetti.

Yoo kana godhani yeroo hunda carraan jira kan jedhan Obbo Musheen har'a waliigalteen dhibe jechuun xumura addunyaati jechuu miti.

Waliigalteen dhibe jechuun lammata walitti dhufanii mari'achuun dhibe jechuus miti.

Kunimmoo piroppaagaandaa paartileen afran si'achii adeemsisan irratti hundaa'a.

"Wanti isaan waliigaltee dhabsiise dhiiga dhangala'e osoo hin taane, ilaalcha siyaasaa, caasaafi hojimaata waan ta'ef, yerootu hiika jedheen yaada."

Dhaabi Tigraay bulchuun ala Paartii Badhaahinaaf rakkoon mudatu jiraa?

''Dhaabni Tigraay bulchu Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay akka jedhutti harka dhibba ummanni Tigraay dhaabicha waliin yoo jira ta'e, sammuu dhalattoota Tigraay qabachuun salphaa hin ta'u.

Ummata sana waliin walitti dhihaattee, mari'attee carraan egeree ummata Itoophiyaa irratti murteessitu xiqqaa ta'a.

Haata'u malee, naannoo Itoophiyaa keessa jiru kamuu lakkoofsi ummatichaa hagamis haa ta'u qalbii guutuun si waliin yoo hin hojjenne miidhaa guddaa qaba.

Rakkoo amma keessa jirru keessaa bahuf kan nu gargaaru, walitti dhufanii garaagarummaa xiqqeessanii hojjechuudha.

Fagoo jiru, lakkoofsi isaanii xiqqaa dha jedhanii chilleessanii kan ilaalan miti.

Waligaluu dhabuun isaanii akkuma jirutti ta'e hojiin hojjetamu jiraachuu qaba.

Amma kan adda bahe mootummaa osoo hin taane paartiidha.

Paartiileen waan gargar bahanif walitti dhufeenyi ummata Tigraay ummata kana waliin qabu miidhamuu hin qabu. ''

Dhaabni Naannoo Tigraay bulchu Paartii Badhaadhinaatti deebi'uu danda'aa?

''Natti fakkaata. Dhaabichi durumaa eegale dhaaba iftoomina hin qabne waan ta'ef, dhuguma maal akka isaan wal dhabsiise baruun nama dhiba.

Wanti gochuu dandeenyu tilmaamuudha.

Akan tilmaamutti wanti amma ta'e walitti bu'iinsa itti fufu kan uumu miti.

Dhaabbioleen siyaasaa kuni dhimmoota walitit hin galle keessaa tokko ilaalcha siyaasaa ummata itit hogganaidha. Kun garuu gara waraanaatti kan nama geessu miti.

Carraan walitti dubbachuu dandeessisu ni jira jechudha.

Wanti akkanaa immoo osoo ummatatti ifa hin taasisin mariifi sirreeffamaan fala fiduun danda'ama.

Anaaf waan furmaata hin qabne miti.

Humnaani jedhanii yoo yaadan hunda isaaniitti ummanni fuula irraa garagalfachuu danda'a.

Sababa kanaaf, hireen dhaaba kanaa sababa kanneenin cite hafa yaada jedhu hin qabu.

Namoonni kuni waggaa dheeraaf qabsoo keessa waan dabarsanif sababni amansiisaan argamnaan dubbii tokko amanuu danda'u jedhee waanan yaaduufi.''