Ruwaandaan sagantaa sochii qaamaa dubartoota ulfaa labsite

Ruwaandaan dubartoonni garaatti baatan sochii qaamaa akka hojjetaniif sagantaa gargaaru labsite.
Sagantaa sochii qaamaa dubartoota ulfaa yeroo jalqabaaf magaalaa Kigaalii keessatti gaggeeffametti kan gammadan dubartoonni garaatti baatan mootummaan sagantaa kana cimsee itti fufsiisuu qaba jedhan.
Sagantaa Sanbataa fi Dilbata ture kanarratti dubartoonni ulfaa 100 caalan hirmaataniiru.
Qopheessitoonni sagantichaa kaayyoon sochii qaamaa kun dhaabbiin qaamaa dubartootaa wayita ulfaa akka hin badneef kan gargaaruudha jedhan.
Dhaabbata Miti Mootummaa magaalaa Kigaalii jiru tokko kan hoogganu Nelsan Mukasa nama yaada kana fidedha.
Nelsan Mukaasaan ilaachi dubartoonni wayita ulfaa sochii kamiyyuu dhaabuu qabu jedhu ni morma.
''Sochii qaamaa raawwachuu dhabuun haadhaa fi daa'imarratti akka balaa qabu namuu hubachuu qaba.''

Xumura sagantichaarratti dubartiin ulfaa Libérée Uwizeyimana wayita ulfaa gonkumaa sochii qaamaa hojjettee akka hin beekne BBCtti himte.
''Sochii qaamaa akkanaa hojjechaa waan hin turreef amma dadhabbiin natti dhagahama. Amma garuu dubartoota ulfaa kanneen biroo waliin sochii qaamaa wayitan hojjedhu hedduun gammada.''
Dubartiin ulfaa kan biraan Ruth Ntukabumwe sagantaan akkanaa irra deddeebiin gaggeeffamuu qaba jetti.
''Waan baay'ee nama gammachiisuudha. Sochii qaamaa ergan hojjedhee keessi kiyya hedduu natti tole. Daa'imni wayita sochootullee natti tola''
Ogeessi wal'aansa dubartootaa Dr Jean Nyirinkwaya dubartoota gara kilinika isaanii deeman hundaan ispoortii hojjedhaa jechuun gorsu.
''Bishaan daakuu,lukaan karaa dheeraa deemuu fi sochii qaamaa hojjechuun haadhaafis ta'e daa'imaaf baay'ee fayyada''













