Hormooniin 'dubartoota tokko tokko keessatti carraa ulfi irraa bahuu hir'isuu danda'a'

Noah maatiisa waliin

Madda suuraa, Samantha Allen

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi Samantha yaalii guddaa ega gootee booda dhalate

Progesterone dubartoota ulfi irraa bahuufi yeroo ulfa ta'anitti dhiigni yeroo malee bahuuf kennuun carraa isaan daa'ima argachuu danda'an akka fooyyessu qorannoon ni agarsiisa.

Progesterone gosa hormoonii gadameessa keessatti yeroo ulfaatiifi ulfa booda qophii barbaachisu taasisudha.

Qorattoonni Birmingham haadhoolii ulfa ta'aan 4,000 irratti qorannoo geggeessaniiru.

Samantha Allen ganna 31 yoo taatu, yeroo daa'ima ishee jalqabaa dhabdeefi yeroo lammaaffaa ulfa taatu ture kan kana arguu dandeesse.

Erga hormoonii torbee saddeetiif fudhattee booda ilmashee Noah dahuu dandeesseetti.

Progesterone hormoonii yeroo ulfaa barbaachisuudha. Kunis gadameesssi akka miciree utubee qabuufi humna qaama dhibee ofirraa ittisu akka dabaluuf fayyada.

Samanthaan Progesterone yaaliidhaaf kan guyyaatti al-lama fudhatamu yeroo isheen ulfa torbee 16 turte kennameefi ture.

Dhiignishee torbee tokko keessatti akka dhabbateefi ulfi ishee haala gaariin akka itti fuufe dubbatti.

Dubartoonni sabaaba ulfi irraa bahuudhaan daa'imman hin godhanneef carraan akka jiru abdii qabdi.

"Isaan kanaaf jedhanii of dhukkubsuu hin qaban jedheen yaada- qarshii qofa isiin baasiisa," jetti.

Ulfi namaraa bahuun dubartoota shan keessaa tokko ni miidha. Akkasumas, sadarkaa ulfaa torbee jalqabaarratti dhiigni gadameessa keessaa bahuun carraa ulfi akka irraa bahu taasisuuf carraa guddaa qaba.

"Yaalii kana gochuu kiyyaaf gammachutu natti dhagahama. Balaan ni uumaama jedhee hin soddanne, sabaabni isaas yaalii sadarkaa jalqabaa waan hin taanef," jetti Samanthan.

Noah maatiisa waliin

Madda suuraa, Samantha Allen

Ibsa waa'ee suuraa, Samantha Allen abbaa warraafi ilma ishee waliin

Yunvarsiitiin Birmingham dubartoota 2,000 ta'aniif Progesterone kennuun, garee biraaf ammoo qoricha faayidaa yaala hin qabne kenneefii qoranicha gaggeesse.

Dubartoonni sadarkaa ulfaa jalqabaarra jiraan hundinuu dhiigni irraatti mul'atee jira.

Yaaliin sun dubartoota sadarkaa ulfaa jalqabarra jiraan hundaaf hormooniichi faayidaa qabeessa ta'uu baatus garuu dubartoota duraan carraa ulfi irraa bahuun al lamaafi sadii isaan mudateef garuu foyyee qaba ture.

Arri Coomarasamy, ogeessi gadameessaa hospiitaala daa'imaniifi dubartoota Birmingham yoo ta'an akka isaan jedhanitti yaalichi lubbuu daa'immaan kumatamatti lakka'aman hambisa.

Ta'uus garuu yaalichi dubartoota ulfa baasan hundaaf hin fayyadu. Sabaabni isaas akka ulfi bahuuf sabaaboota hedduutu jira waan ta'eef.

Dabalataanis dubartoota rakkina Progesterone waliin wal qabatuuf qofa fayyada jedhu.

Jane Brewin itti gaafatamaan Charity Tommy gama isaanitiin akka jedhanitti, "Qorannichi maatii kanaan duraa ulfi irraa bahuun mudateef carraa gaarii gaariidha.

Isaan amma carraa yaalii gahaa ta'e kan lubbuu baay'ee baraaruuf yaaddorraa isaan dhorkuu qabu jechudha."

"Kunis immoo nuuf of itti amanamummaadhaan qorannoo gara fulduraa hedduu akka goonuufi yaalii bu'a qabeessa ta'e akka geggeessinuuf nu fayyada."