UKtti daa'imman lama hin dhalataniif gadameessa keessatti tajaajilli baqaqsanii yaaluu gaggeefame

Ogeessonni daa'imman dhalachuuf torbeen tokko isaan hafuu lamaaf gadameessa keessatti tajaajila baqaqsanii yaaluu lafee dugdaa isaaniif taasisan.
Tajaajilli baqaqsanii yaaluu akkanaa kun UK keessatti yeroo jalqabaaf gaggeefame.
Yaaliin kun Hospitaala Yuunivarsiiti kolleejjii Landanitti kan gaggefame yoo tahu ogeessonni 30 tahan irratti hirmaataniiru.
Dhimmichis akkas ture. Daa'imman lamaanuu gadameessa keessatti dhibee [Spina bifida] jedhamu, doguguruun lafee dugdaa haala sirriin akka hin guddanne dhibee godhuuf saaxilamanii ture.
Dhibeen kun doguguruun lafee dugdaa yeroo guddataa adeemu akka qaawwi gidduutti uumamu taasisa.
Dhibeen kun yeroo uumamu erga daa'imni dhalatee kan yaalamaa ture yoo tahu, yoo yeroodhaan yaalii gahaan kenname garuu fayya fi sochii qaamaa yeroo dheeraaf bu'aa guddaa qabaata.
Tajaajila baqaqsanii yaaluu ykn oppireeshinii daqiiqaa 90 fudhate kanaan ogeessonni hulaa gadameessaa kutuun ture, qaawwa lafee dugdaa daa'imman kana irratti uumame erga sirreessanii kan suphan.

Adeemsichi miidhaa kan qabu yoo tahu miixuu yeroo malees fiduu danda'a.
Haa tahu malee ogeessonni kunnen qaawwa murteessaa akka suphuu danda'an isaan taasisu adda baasuun ture kan hojjetan.
'' Haadhaaf dawwaa akka daa'immanis tahe isheen boqottu taasisu kenninef, kunis tahee garuu miidhaa qabaachuu danda'a,'' jedhan tajaajilicha waggoota sadiif gara UK fiduun hojjechaa kan turan, Pirofeesar Aanee Deevid.
Haatii fi daa'imman amma haala gaarii irratti argamu.
Haadholiin yeroo dhibeen akkasii daa'ima isaanii mudatu gara Ameerikaa, Beeljiyeem,ykn Swiizerlaandi deemuun ture yaalsisaa kan turan.
'' Tajaajila milkaa'aa ture, amma haadholiin gara biyyoota biroo deemuun hin barbaachisu,'' jedhan Pirofeesar Deevid.
Dhibeen Ispiinaa bifiida jedhamu maali?
Akkaataa dhaabbata gargaarsaa tokkootti waggaatti daa'imman 200 ol dhibee kana waliin dhalatu.
Kun gadameessa keessatti jalqabuma yeroo ijaarsi sammuu fi duguguruu lafeee dugdaa wal qabatee deemu gidduutti qaawwi uumamudha.
Tajaajila baqaqsanii yaaluudhaan qaawwichi kan dhiphatu yoo tahu dhibeen kun hanga naaffachuu miilaatti nama geessisuu danda'a.
Namootni dhibee kanaaf saaxilaman barachuuf illee haala ulfaataaf saaxilamuu danda'u.













