Guyyaa Hiyyummaa Addunyaa: Dhuguma hiyyummaan hir'achaa jiraa?

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti labata tokkon gaditti, namoonni biliyoona 1.1 ta'an hiyyummaa keessaa akka ba'an taasifameera.

Kun jaarraa kana keessatti oduu hunda caalaa gammachiisuu badhaadhina addunyaa kanaati.

Bara 1990 fi 2015 gidduutti lakkoofsi namoota addunyaa kanaa sarara hiyyummaa gadi jiran (guyyaatti U$ 1.90 ykn isaa gadi) argatan biliyoona 1.9 irraa gara miliyoona 735tti xiqqaateera.

Kana jechuun hangi namoota akka safartuu kanaatti hiyyeeyyiidha jedhaman duraan %36 irraa gara %10tti xiqqaateera.

Seenaan hiyyummaa hir'isuu kun garuu bakka hundaatti walqixxaataa miti. Ogeessi dinagdee safartuu sarara dinagdee kana tolche BBC'tt akka dubbatetti, imaammatawwan yeroo ammaa hojiirra jiran "hanga barbaachisu warra hundaan ol hiyyeessota ta'an bira akka ga'utti qaqqabaa hin jiru," jedha.

"Carraaqqii hiyyummaa hir'isuu fuulduratti deemsisuufi hawaas-dinagdee foyyaa'aatti ba'uudhaaf taasifamu sababii walqixummaa dhabuun ykn walbuusuun baayyee dabalaa deemuuf rakkoo guddaa mudataa jirudha," jedha Baankii Addunyaatti qorataa buleessaafi Pirezedaantii Itti-aanaa duraanii Maartiin Raavaaliyoon.

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti, guddinni dinagdee hunda qabatee deemu dhibuu, dinagdeen qaqabbanaa'uufi erga dhiyeenya kanaatii ammoo walitti bu'unsi biyyoota tokko tokko keessatti uumaman hojii hiyyummaa hir'isuu kana tarkaanfachuu dhowweera.

Yeroo ida'amni uummata Chaayinaafi Indiyaa biliyoona tokko ta'an ramaddii hiyyummaa keessaa bahaa jiranitti, biyyoonni Afrikaa Sahaaraa gadi jiran ammoo kan waggaa 25 dura ture caaleera.

"Waggoota kurnan darban keessa saffisa karaa lamaa addunyaa kanarratti argineerra," jetti, Baankii Addunyaatti Daarekterri Dhimma Hiyyummaa Hir'suufi Walqixxummaa mirkaneessuu Karoolinaa Saancheez Paramoo.

Kanaaf sababiinni ammoo waan afuritu jira.

1. Saffisni guddina dinagdee garaa garummaa qabaachuu ykn kan walbuuse ta'uu

"Sadarkaa bu'uuraarratti, guddinni dinagdee biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiraniifi Ameerikaa Kibbaa kan Baha Eeshiyaa gaditti baayyee tirataadha. Kana ammoo baayyina uummataa dabalaa jiru waliin ilaaluun haala biyyoota baayyee keessa jiru ilaallu galiin namni tokko argatu gadi bu'aadha," jetti ogeettiin kun.

"Biyyoonni guddataa kan jiran yoo hin taane, yaaliin hiyyummaa hir'isuu rakkisaa ta'a. Sababiin isaas yeroo dinagdeen guddataa deemu carraan inni lammileef qoqqoodamuu bal'achaa deema."

2. Guddina hammataa taasisuurratti

Guddinni dinagdee walitti fufinsa qabu hiyyummaa hir'isuu keessatti "haala barbaachisaa" ta'ullee garuu "dhimma tokkicha barbaadamu miti" jetti Daarekteerittiin.

Biyyoota baayyee keessatti guddinni dinagdeen galmaa'u "kan sirriitti hunda hammatu miti".

Akka ogeettii kanaatti "Hojiin humnaa madda galii warra hiyyeesotaati. Kana waan ta'eef, carraan dabalataa hojjetootaaf hin jiru taanaan, hiyyummaan hir'atee arguu hin dandeenyu."

3. Misooma bu'uuraa argachuu

Badhaadhinni dinagdee kan jiraatu galii callaa argachuu qofaan miti garuu carraan barnootaa, maallaqaafi bu'uuraaleen misoomaa guutamuu feesisa.

Wantonni barbaachisan kunneen hin guutaman taanaan, "guddinni jirullee akka inni hunda hammatu taasisuuf rakkisa," jetti Aadde Saanchees Paraamoo.

4. Walitti bu'insa

Bara dhiyoo kana keessa, siyaasniifi walitti bu'insi uumaman guddina kanaan dura biyyoota tokko tokko keessatti argamaa turan balleesseera.

"Hiyyummaan ammoo biyyoota tasgabbii hin qabneefi walitti bu'insaan miidhama keessatti hammaata."

Bara 2015 keessa hiyyeessonni addunyaa kanaa biyyoota addunyaa shan keessatti heddumaatu. Isaanis, Indiyaa, Naajeeriyaa, Rippabilika Dimokiraatawaaa Koongoo, Itoophiyaafi Baangilaadish.

Bara 2030tti biyoonni Afrikaa hiyyummaa hir'isuudhaaf tarkaanfii bareedaa fudhatanille, namoota 10 guyyaatti $1.90 ykn isaa gadi argatan keessaa salgan isaanii biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadiidha.

Bara 2030tti hiyyummaa balleessuun galmawwan Biyyoota Gamtoomaniidha. Garuu gabaasni jaarmiyaa kanaa Adoolessa keessa bahe akka tilmaametti bara jedhame kanatti uummanni addunyaa kanaa %6 ta'u hiyyummaa keessa jirachuun isaa waan hin oolledha.

Kanaaf, falli jette ogeettiin dinagdee Aadde Raavaliyoon, biyyoonni guddataniifi jaarmiyaaleen addunyaa uummata addunyaa hunda caalaa hiyyeeyyii ta'an bira ga'uudhaaf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechu qabu.

Kana malees, garaa garummaa guddina jiru ykn guddina tokko akka malee badhaadhaa taasisaa kaan ammoo akka malee hiyyeessa taasisa deemu walitti araarsuurratti hojjechuu feesisa, jette.