Dr. Abiyyi: MM Itoophiyaa Dr Abiyyifi kaadhiimamu badhaasa Noobeelii nagaa

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad erga aangoo qabatanii ji'oota muraasa keessatti deeggarsa guddaa argachuu qofa osoo hin ta'iin Badhaasa Nobeelii akka argatan duulli gaggeeffamaa jira.

Lammiileen Itoophiyaa fi biyya alaa Dr. Abiyy jijjiirama biyya keessaa fi biyyoota ollaa keessatti taasisaniif badhaasni Nobeel isaaniif mala jedhu.

Dhaabbilee siyaasaa, rogeeyyii miidiyaa hawaasaa fi namoota sabab garaagaraan biyyaa baqatanii turan biyyatti deebisuu, jalaalaafi waliin jiraachuu labsuun, namoota kumootan lakkaawaman siyaasan hidhamanii turan hiiksisuus akka sababaatti kaasu.

Hunda caala garuu waraana Itiyoo-Eertiraa gama lameeniinuu lubbuu kumoota heddutti lakkaawamu fi qabeenya doolaara miiliyoona hedduu gaaga'ee booda biyyoota lameen gidduu nagaa fi araara buusaniif badhaasichi ni malaaf jedhu.

Gorsaa haajaa alaa mootummaa Ameerikaa duraanii kan turan Ambaasaaddor Hermaan Koheen torbanoota muraasa dura Twiitar irratti eergaa barreessaniin ''jireenya koo keessatti yeroo jalqabaaf nama tokko badhaasa Nobeeliif kaadhimuufi. Innis Dr. Abiyy Ahimad,'' jedhaniiru.

Marsaalee miidiyaa hawaasummaa irrattis duulli deeggarsa waliitti qabuu namoota garaa garaatiin gaggeefamaa jira.

Dawwannaa torbee darbee Ameerikaa jila ministira muummee Dr. Abiyy irrattis Viidiyoon Ministirri muummee badhaasa kanaaf akka kaadhiman kakaasu agarsiifameera.

Ofii adeemsi filannoo badhaasa Noobeelii nagaa duula akkasiin raawwataa?

Adeemsa filannoo Koree badhaasa Noobelii Nagaa Noorweey

Akka odeeffannoon marsariitii Badhaasa Noobeeli www.nobelprize.org irraa arganne ibsutti namni kamuu kaadhimamaa badhaasa kanaa eeruu danda'a.

Haata'u malee sirna filmaata injifataa badhaasa kanaa keessatti tartiibni hojii fi yeroo hojiileen kun itti hojjetamanii ifatti kaahameera.

Fulbaana keessa koreen badhaasa Nobeelii Noorweey kaadhimamtoota simachuuf qophaa'a. Kaadhimamtootnis qaamolee mootummaa fi miti mootummaa garaagaraan dhiyaachuu danda'u.

Koreen kun Fulbaanaa hanga Guraandhalaatti ji'oota 6 jiran gidduutti kaadhimatoota simachuu itti fufa.

Guraandhalli ji'a xumuraa galmeen kaadhimamtootaa itti goolabamuudha. Namootnii fi dhaabbileen badhaasa kanaaf dorgomuu danda'an guyyaa jalqabaa ji'a Guraadhalaan dura koree Kanaan beekamuu qabu.

Haata'u malee miseensonni koree Noobeelii yeroon galmee erga xumuramee booda walgahii isaanii isa jalqabaarratti kaadhimamaa dabalataa dhiyeessuu danda'u.

Filmaatni yeroo kan booda dhiyaatu kamuus badhaasa bara sanaa keessatti waan hin ilaalamneef filannoo bara ittaanuuf dabarfama.

Guraandhalaafi Bitootessa keessa koreen badhaasa Noobeelii Noorweey, hojiilee kaadhimtootaa gurguddoo gamaagamuun maqaa kaadhimamtoota carraa mo'achuu qabani tarreessa.

Bitootessaa- Waxabajjiitti ammoo hojii gamaagama dabalataa ''adviser review'' jedhamutu dalagama.

Onkoloolessa bara itti aanuutti koreen Noobelii, injifataa badhaasa Noobeelii bu'aa gamaaggama hojii kaadhimamtotaarratti hunda'uun waliigalteen filata.

Koreen kun waliigaluu yoo baate sagalee lakkahuun kaadhimamaa sagalee caalmaa argatetu badhaasicha injifata.

Murteen kuni murtee isa dhumaa ol iyyannoo hin qabne ta'a.

Ji'a muddee keessas injifataan badhaasa Noobeelii nagaa addunyaa sirna ho'aan biyya Noorwaay magaala Oslootti meedaaliyaa Noobeliifi Dippiloomaa akkasumas maallaqa badhasaaf murtaa'e fudhata.

Dr. Abiyy badhaasa baranaaf kaadhimamuu danda'uu?

Dr. Abiyyi Ministira Muummee ta'anii erga filatamanii reefu ji'a afur guuta. Hojiileen hojjetan garuu kan yeroo gabaabduu kana keessatti ni hojjetama jedhamee yaadamu akka hin taane kan dhugaa bahaniif hedduudha.

Carraan badhaasa bara kanaaf kaadhimamuuf qaban garuu dhiphaa fakkaata. Sababni isaas ji'a Guraandhalaatti yeroon kaadhimamtoota dhiyeessuu goolabamu Dr. Abiyyi aangoo Muummee Ministirummaa hin qabanne.

Ji'a tokko duraa waliigalteen araaraa Itiyoo-Eertiraa yeroo mallatteefamu koreen Noobeelii Noorweey kaadhimamtoota carraa injifachuu qaban adda baasee yeroo gamaaggama dabalataa gaggeesu ture dha.

Gidduu kana duullii marsaalee hawaasummaarratti godhamaa jiru fi sagalee kennamaa jiruun Dr. Abiyy akka dorgommii cimaa keessa jiran haasa'amu akka adeemsa filannoo Koree filannoo badhaasa Nobeelitti dhugummaa waan qabu miti.

Dr. Abiyyi carraan badhaasa kanaaf kaadhimamuf qaban karaa miseensota koree badhaasichaan ta'a.

Innuu akka hojimaata korichaatti walgahii isaanii isa jalqabaa irratti yoo ilaalchi addaa kennamu jiraachuu baate.

Duulli miidiyaa hawaasummarratti qaama kamiinuu godhamu adeemsa filmaataa korichaa irratti dhiibbaa tokkoyyuu akka hin qabne korichi ibseera.

Haaluma kanaan Badhaasa Nobeelii nagaa bara 2018'f kaadhimamtootni 330 kan galmaan yoo ta'u kanneen keessaa 216 namoota dhunfaa fi kan hafan 114 dhaabbilee akka ta'an beekameera.

Lakkoofsa kaadhimamtootaa bara 2016 - 376 ta'ee galmaaheen booda lakkoofsi kaadhimamtoota bara kanaa baayyina isaatiin isa lammataati.

Badhaasni Noobeelii nagaa bara 1901 erga kennamuu eegalee si'a 96 kennameera.

Badhaasa kanas namoonni dhuunfaa dhiirri 86, dubartootni 16 fi dhaabbileen 23 injifataniiru.

Akka dambii ittiin bulmaata Koree Noobeelii Noorweeyitti eenyummaan kaadhimamtootaa fi qaamota isaan kaadhimee, injifattoota barichaan alatti, waggaa 50 boodadha kan ifa ta'uu danda'u.