Umuriin dhalli namaa lafarra jiraatu dabalaamoo gabaabbachaa deemaa?

Umuriin keenya kan durii caalaa maaliif gabaabbatee?

Madda suuraa, YURI_ARCURS/GETTY

Giddu-galeessaan umuriin dhalli namaa lafa kanarra jiraatu jaarraa lamaan darbanii asitti kan isaan dura turerra foyyaa'aa dhufeera.

Yeroodhaa gara yeroottis foyya'iinsa agarsiisaa dhufeera jedhama.

Bara 1840 keessa umuriin namni tokko lubbuun lafarra jiraatu giddu-galeessaan waggaa 40 ture.

Sooranni madaalawaa, qulqullinaafi manni jireenyaa baballachaa yeroo dhufutti umjriin dhala namaa lafarra jiraachuu bara 1960 keessa gara waggaa 60tti guddateera.

Jaarraan 20ffaan Waraana Addunyaa lama keessumeessee darbeera. Baroota Waraanni addunyaa itti gaggeeffaman kanaan alattis, umurii namni jiraatu dabalaa dhufe malee hir'ataa hin dhufne.

Keessumaa ammoo baroota 1970 keessa wallaansi dhukkuboota tasaa akka onneefi dhiigni sammuutti dhangala'uu argamuun isaa jijjiiramni akka dhufu taasiseera.

Gara dhuma jaarraa 21ffaatti umuriin dubartoonni lafa kanarra jiraatan giddu-galeessaan waggaa 80 galeera. kan dhiirotaa ammoo waggaa 75 ga'eera. Haata'u malee, bara 2011 booda duuba deebiyun hir'achuu jalqabe.

Bara 2015 keessa ammoo bara du'aatiin hedduun ture ta'ee darbeera. Haalli qilleensaa bara sana keessa ture jireenyaaf mijataa kan hin taanedha jedhamee dubbatamaa ture.

Umuriin giddu-galeessaan namni lafarra jiraatuu kun duubatti deebiyee hir'achaa deemuu kana qorattoonni yeroo qoratan, tarii umurii giddu-galeessaa namni lafarra jiraatu isa dhumaarra geenyeerra ta'a jechuun tilmaamu.

Lafarra umurii dheeraa jiraachuudhaan kan galmoofti dubartiin lammii Faransaay Jiin Kaalmeent yeroo duutu waggaa 122 turte. Erga boqottees amma wagga 20 darbeera.

Dubartiin lammii Faransaay kun waggaa 122 jiraatteetti

Madda suuraa, copyrightALAMY

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin lammii Faransaay kun waggaa 122 jiraatteetti

Qorannoon tokko namni jiraatee yoo jiraate waggaa 115 jiraachuu danda'a malee akka dubartii Faransaay kana 122 jiraachuu hin danda'u jedhuyyu, namoonni yaada kanarratti walii hin galle ammoo hedduudha. an.

Qorataan lammii Ameerikaa qaccee sanyiirratti qoratu Daaviid Siinkilar, kitaaba isaa "Laayiifispaan" jedhamurratti qanyee sanyii namootaa wailitti makuudhaan nama waggoota dheeraa jiraatu uumuun ni danda'ama jedhee falma.

Addunyaa kanarratti biyyi namoonni umurii dheera jiraatan keessatti argamtu Jaappaanidha. Umurii dheeraa jiraachuun Jaappaan biyya Ingiliizirra foyyooftuudha. Ingliiz ammoo xiqqoo Ameerikaarraa foyyooftuudha.

Umuriin namni lafarra jiraatu giddu-galeessaan waggoota muraasa darban kana keessa deebiyee xiqqachaa dhufuu isaatiif namoonni tilmaama gara garaa kennu.

Isaan keessaa dhukkuboonni gosa gara garaa uumumuun isa tokkodha.

Lakkoofsi namoota dhibee onneefi dhiigni sammuutti dhangala'uudhaan du'an hir'achaa dhufullee, dhukkuboonn dulluma waliin walqabatanii dhufan [akka Dimeenshiyaa warri ta'an] du'aatiif sababoota biroo ta'auu jalqabaniiru.

Akka Maatusaalaa waggaa 969 jiraachuu dadhabnullee waggaa 100 akka hin guutne maaltu nu dhorkee?

gaaffii namoota hedduudha. Gaaffiin kun deebii argachuu baatullee qorannoon itti fufeera.