Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barsiisaan dokumentarii BBC Africa Eye irratti mul'ate yunivarsiitiirraa hari'ame
Yunivarsiitiin Leegos barsiisaa dokumentarii BBC waahee qoccollaa saalaa keessatti mullate hari'uusaa beeksise.
Kana malees barsiisaan kun waldaa Kiristaanaa paastarii tahe tajaajilu keessaas hari'ameera.
Erga dokumentariin qorannoo BBC Africa Eye gadhiifamee kaasee miidiyaalee hawaasummaa Naayijeeriyaa, Gaanaa fi Keenyaatti dubbii ijoo tokkoffaa ta'eera - keessattuu Twitter gubbaa.
Gabaasa kana keessattis Dr. Igbeneghu'n gaazexeessituu dhoksaatti barattuu fakkaattee itti dhiyaatte qoccollaa saalaa wayita irraan gahu kaameeraan dhoksaa waraabeera.
Waldaan Foursquare, barsiisaan kun iddoo paastarummaan itti tajaajilu ibsa baaseen, gochaan akkasii tasumaa fudhatama akka hinqabnee fi hojii Dr. Igbeneghu irraa akka of fageessu dubbateera.
Gabaasni qorannoo BBC kun hojii amanta tokko fudhate yogguu tahu, qoccollaa saalaa piroofesaroonni yunivarsiitii Leegos fi Yunivarsiitii Gaanaa irratti kan xiyyeeffatedha.
Yinivarsiitiin Leegos (UNILAG jechuunis ni beekama) akka jedhetti, qoccollaan saalaa tasumaa fudhatama akka hin qabne imaammata 'zer-tolerance' akka qabu beeksiseera.
Hojjetaan kamuu dhimma kanarratti balleessaan irratti argame akka hojiirraa hari'us himeera.
Gama kaaninis Yunivarsiitiin Gaanaa hojjettootaa fi barattoota qoccollaa saalaa keessaa harka qaban kamiifuu eegumsa akka hin taasisne haaleera.
Kana malees kanneen gabaasa BBC keessatti maqaan eerames nan qoradhaa jedheera.
Dr. Igbeneghu'n waahee odeessa viidiyoo bahee wanti jedhe hinjiru.