Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Africa Eye: Ajjeechaa durbartootaafi daa'immanii haqa malee taasifame
Adooleessa 2018 keessa viidiyoon sukkanneessa midiyaa hawaassummaa irra naanna’uu jalqabe. Dubartoonni lamaafi daa’imman lama gartuu loltoota Kaameeruuniin yeroo afaan qawweetiiin oofaman agarsiisa. Hidhamtoota kun iji isaani haguugamee, humnaan jilbeeffachiisamanii, si’a 22 dhiyeenyatti rasaasan rukutamani.
Mootummaan Kaameeruun jalqabarratti viidiyoo kana ‘oduu sobaa’ jechuun hale ture. BBC Africa Eye garuu, viidiyichaa gad fageenyaan xinxaluun, essatti, yoomiifi eenyuun akka ajjeechaan kun rawwatame mirkaneessu danda’a.