Fakkiin miseensota paarlaamaa Ingiiliiz Chiimpaanzii fakkeessuun kaafame birrii miil 353'tti gurgurame

Fakkii miseensota paarlaama Ingilizii kan fakkii chimpaanziitiin fakkeefame

Madda suuraa, Sotheby's

Fakkiin miseensota paarlaamaa Ingiliizii fakkii chimpaanziitiin kan gosa jaldeessaaa taniin fakkeefamee kaafameefi dheerina meetira afur qabu calbaasiidhaaf dhihaachuun birrii miiliyoona 353'tti gurgurameera.

Fakkiin kunis aartistii eenyummaan isaa hin beekamneen tokko bara 2009'tti Biristool keessatti kaafame.

Fakkichi yoo guddate kan birrii miiliyoona 75'tti gurguramuu danda'a jedhamee kan tilmaamame yoo ta'u, haala adda ta'een qarshii dachaa shaniin caaluun abbaan fakkichaa kan ta'e namni Baankiis jedhamu tiwitararratti barreesseera.

Innis ''gatiin fakkii kanaa rikardii qabateera, haa ta'u malee fakkiichi ammayyuu kan kiyya miti' jedheera Baankiis.

Caalbaasii daqiiqa 13'f turerratti maallaqni hamma kana ta'u argamuusaa raajii jechisiiseera.

Dhaabbanni caalbaasicha geeggesse gama isaatiin akkas jedheera,"namoonni karoora 'Brexit' deeggaranis ta'e hin deeggarre fakkii kana erga argan booda shakkii tokko malee yeroo kamuu caala kan ol bahee mul'atu aartii akka ta'e hubachuu danda'u" jedheera.

Ingiliizii Gamtaa Awurooppaa keessa baatuu kan godhu 'Brexit' kan ilaalatu murteen ummataa booda paarlaamaan Ingiliizii murtoo tokkorratti walii galuu dhabuun isaaniitiin ji'oonni heddu darbaniiru.

Mm Ingiliizii duraanii Tireezaa Mey karoora 'Brexit' walii galteerra gahuu dhabuun isaaniitiin aangoorraa akka bu'an yaadannoo yeroo dhihooti.

MM haaraan gara aangoo dhufuutiin walqabatee turtii aangoo kanarratti taasisaniin wanni dursa kennan dhimma 'Brexit' dhuguumsuu, biyyatti walitti fiduu fi hoggannaa paartii Leebar kan ta'an Jarmii Koorbiin injifachuu akka ta'e dubbatanii turan.