Filannoo 'Brexit': Paarlaamaan UK waliigaltee 'Brexit' filannoof dhiyaate kuffise

Teresa Mey wixineen sagantaa Brexit dhiyeessan sagalee guutuu hin arganne

Madda suuraa, UK PARLIAMENT/MARK DUFFY

Wixineen sagantaa Brexit Teresa Mey dhiyeessan miseensota Mana Mareen sagalee caalmaan fudhatama osoo hin argatiin hafe.

Miseensota sagalee kennan keessaa waliigalticha kan hin deeggarre sagalee 230 yoo tahu walumaagala sagaleen 432 tahu wixinee dhiyaate hin deeggarre.

Brexit sagantaa UK'n miseensummaa Gamtaa Awurooppaa keessaa bahuuf raawwachaa jirtudha.

Sagantaa kana dhugoomsuuf Teresa Mey waggoota lamaaf iratti hojjechaa kan turan yoo tahu, Caamsaa 29 guutummaatti UK'n gamticha keessaa bahuu ishee kan mirkaneessu irratti ture sagaleen kan kenname.

Har'a ibsa erga kennaniin booda filannoon wal amantaa kan gaggeefamu taha. Jeromii Korbiin garuu kanas mormaa jiru.

UK'n gamticha keessaa erga bahuu ishee mirkaneessitee booda dhimma daldala bilisaa ilaalchisee yeroo ce'umsaa ji'oota 21 keessaatti kan murtaa'u taha.

Filannichi kan gaggeefamuun irra ture ji'a Muddee keessa yoo tahu Teresa Mey deeggarsa guutuu argachuuf jecha lafarra harkisaa turan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Gamtaa Awuroppaa (EU) gadhiisuuf uummanni Biriteen (UK ) waggaa lama dura filate.

Pirezidaantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Doonaaldi Taski erga sagantaan Brexit Ministirri Muummee dhiyeessan mana mareen kufee UK'n gamticha keessa turuu qabdi jedhan.

Yoo waliigaltichi hin danda'amu tahee fi namni kamiyyuu hin barbaadu tahe furmaata kan tahu murteessuun gaariidha jedhan.

Miseensonni Mana Maree sagalee 432 fi 202'n agalee caalmaa seenaa UK keessatti mul'atee hin beekneen kuffiisan.

Ogeessonni siyaasaa fi qondaaltotni Gamtaa Awurooppaa karaa garaagaraa sagalee kenname irratti yaada kennan.

Miseensonni paartii biyya bulchaa jiruu Konzervaatiiv 118 tahan sagantaa Teresa Mey dhiyeessite hin deeggarre.

Teresaa Mey filannoo biraan saganticha milkeessuuf yaaluu dandeessi jedhamus dursaan paartii Labor [Labour] Jeroomii Korbiin filannoon gaggeeffamu biraa hin jiraatu jechuun morma.

Filannoon waliigalaa UK waggoota shaniin kan gaggefamu yoo tahu kan itti aanu ammoo 2022dha. Manni marichaa bulchiinsa Mey irratti amanamummaa guutuu hin qabu jedhama.

Filannoon yoo gaggeefames murtoo haaraan darbu yeroo qaban waliin waan hin deemneef dhiibbaa keessa galuun isanii waan hafu miti jedhama.

Miseensonni paarlaamaa UK hedduun filannoon riferendamii haaraan gaggeefamuu qaba, gama biraan ammoo sagantaa kana dura dhaabbachuun sagalee tokkoon dhaabsisuu qabna jechuun mormu.

Osoo waliigaltee guutuu irra hin gahiin Gamtaa Awurooppaa keessaa bahuun ammoo dhibbaa biraa qabaachuu akka danda'us irratti waliigalu

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa Jiin Kilaawud Jaanker UK'n waliigaltee irra gahuuf yeroon dhumaa jira jechuun akeekkachiise.

UK'n yeroo gabaabaa keessaatti murtoo ishee nu beeksisuu qabdis jedhan. Ministeerri faayinaansii fi Itti Aanaan Chansilera Jarman Olaaf Iskoolzi guyyaan Facaasaa Awurooppaaf guyyaa hadhooftuudha jedhan.

''Nuyi baayee qophoofneerra garuu sagantaan Brexit ulfaataan gaggeeffame Gmataa Awurooppaafi UK'f filannoo hin barbaachisne ture jedhe.