Suuraan: Aanga'aan ol-aanaa Gamtaa Awurooppaa duula mormii miidhaa saalaatti makaman

Pirezedaantiin Paarlaamaa Awurooppaa Antoniyoo Tajaanii fuula isaanii irratti wayii dibatan

Madda suuraa, EVN

Ibsa waa'ee suuraa, Antooniyoo Tajaaniin yaa'ii 'Brexit' irratti deggersa duula UN miidhaa tuttuqqaa saalaa taasisaa jiru deggeruu isaanii agarsiisan

Yeroo namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman mormii miiidhaa dubartoota irra ga'u mormuutti makamuuf jedhaa jiranitti, aanga'aan ol-aanaa Gamtaa Awurooppaa tokko yaa'ii dhimma 'Brexit' irratti deggersa duula kanaaf qaban agarsiisan.

Akka waltajicha irratti dubbatetti, Pirezidantiin Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Tajaanii, ija isaanii gajjallaatti wayii dibatan. Kana dibachuun isaanii ammoo miidhaa mana keessatti dubartoota irra gahu yaadachuuf mallattoodha jedhan.

"Miidhaan dubartoota irra gahu fudhatama hin qabu. Ani kana hadha koo irraan baradhe ijoollee koo ammoo nan barsiisa," jechuun booda fuula tiwiitara isaanii irratti barreessan.

Obbo Tajaaniin duula Biyyoota Gamtoomanii Guyyaa Addunyaa Miidhaa Dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu kanaaf deeggarsa qaban agarsiisuu isaaniiti.

Guyyaan kun waggaa waggaan Sadaasa 25 kan kabajamu yommuu ta'u, guyyaan kunis waamicha namootaafi dhaabbileen garaa garaa walitti aansuudhaan guyyoota 16f miidhaa dubartoota irra ga'u akka balaaleffatan itti taasifamudha.

Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, akka guutummaa addunyaatti dubartoota harka sadii keessa harka tokkorra miidhaatu gaha.

Guyyoota lamaan darban, Sambataafi Dilbata namoonni hedduun daandiitti ba'anii mormii agarsiisaniiru. Isaan keessaa suurawwan muraasni kunooti.

Biyya Turkii, magaalaa Istaambul keessatti, quuqamtoonni mirgoota dubartootaa yeroo gara adabaabaayii Taaksimitti yaa'aa jiranitti poolisii kora bittineessaa waliin walitti bu'an

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Biyya Turkii, magaalaa Istaambul keessatti, quuqamtoonni mirgoota dubartootaa yeroo gara adabaabaayii Taaksimitti yaa'aa jiranitti poolisii kora bittineessaa waliin walitti bu'an
Rippablika Dominikaan Saantoo Domingoo keessatti Guyyaa Miidhaa Dubartoota irra Gahu kana Dhabamsiisuu irratti seera biyyattii isa ulfa baasan akka yakkaatti ilaalu mormanii hiriira ba'an

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Rippablika Dominikaan Saantoo Domingoo keessatti Guyyaa Miidhaa Dubartoota irra Gahu kana Dhabamsiisuu irratti seera biyyattii isa ulfa baasan akka yakkaatti ilaalu mormanii hiriira ba'an
Faransaay keessatti, Sanbata darbe namoonni 50,000 ta'an mormii kanatti makamaniiru, kunoo dubartii kan Maarsiil keessatti akkasitti kan baate dabalatee

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Faransaay keessatti, Sanbata darbe namoonni 50,000 ta'an mormii kanatti makamaniiru, kunoo kana kan Maarsiil keessatti gaggeeffame dabalatee
Sadaasa 24, 2018 Kibba Firaansitti, Guyyaa Addunyaa Miidhaa dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu irratti warra hiriira bahan keessaa dubartiin tokko kan qabatee baate

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Sadaasa 24, 2018 Kibba Firaansitti, Guyyaa Addunyaa Miidhaa dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu irratti warra hiriira bahan keessaa dubartiin tokko kan qabatee baate
Sadaasa 24, 2018 namoonni Faransaay magaalaa Liyon keessatti Guyyaa Addunyaa Miidhaa Dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu irratti hiriira bahan waan adii uffatanii barreeffamoota ergaa dhaadannoo isaanii qabu qabatanii yeroo bahanitti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Akka aanga'oonni jedhanitti namoonni 12,000 ta'an Faransaay magaalaa Liyon keessa jiraatan hiriiira kanatti makamaniiru
Biyya Siiriyaatti dubartiin warra Kurdii miseensa loltootaa taate yeroo dubartoonni biroon Guyyaa Addunyaa Miidhaa Dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu irratti hiriira ba'an ilaalaa jirtutti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Biyya Siiriyaatti dubartiin warra Kurdii miseensa loltootaa taate yeroo dubartoonni biroon Guyyaa Addunyaa Miidhaa Dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu irratti hiriira ba'an ilaalaa jirtutti
Biyya Ispeen magaalaa Baarseloonaa keessatti Guyyaa Addunyaa Miidhaa dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu irratti dubartiin barreefama ergaa "Nuti warra dhoksaatti gidirfamaa jiraniif sagaleedha" jedhu qabatte

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Biyya Ispeen magaalaa Baarseloonaa keessatti Guyyaa Addunyaa Miidhaa dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu irratti dubartiin barreefama ergaa "Nuti warra dhoksaatti gidirfamaa jiraniif sagaleedha" jedhu qabatte
Ameerikaa Kibbaatti dubartoonni Ikuwaadoor dhibbaan lakkaa'aman barreeffama "Nuti jiraachuu barbaanna" jedhu qabatanii daandiitti bahan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaa Kibbaatti dubartoonni Ikuwaadoor dhibbaan lakkaa'aman barreeffama "Nuti jiraachuu barbaanna" jedhu qabatanii daandiitti bahan
Dubartiiin biyya Xaaliyaanii magaalaa Room keessatti mallattoo koorniyaa agarsiisu halluun dibattee yeroo sagalee ishee itti dhageessifataa jirtu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiiin biyya Xaaliyaanii magaalaa Room keessatti mallattoo koorniyaa agarsiisu halluun dibattee yeroo sagalee ishee itti dhageessifataa jirtu
Mormitoonni kun biyya Giriik magaala Ateensi kessatti mormii isaanii agarsiisuudhaaf adabaabayiitti bahanii yeroo ciisan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni kun biyya Giriik magaalaa Ateensi kessatti mormii isaanii agarsiisuudhaaf adababaayiitti bahanii yeroo ciisan

Suuraawwan hunduu mirga abbummaa qabu.