Suuraan: Aanga'aan ol-aanaa Gamtaa Awurooppaa duula mormii miidhaa saalaatti makaman

Yeroo namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman mormii miiidhaa dubartoota irra ga'u mormuutti makamuuf jedhaa jiranitti, aanga'aan ol-aanaa Gamtaa Awurooppaa tokko yaa'ii dhimma 'Brexit' irratti deggersa duula kanaaf qaban agarsiisan.

Akka waltajicha irratti dubbatetti, Pirezidantiin Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Tajaanii, ija isaanii gajjallaatti wayii dibatan. Kana dibachuun isaanii ammoo miidhaa mana keessatti dubartoota irra gahu yaadachuuf mallattoodha jedhan.

"Miidhaan dubartoota irra gahu fudhatama hin qabu. Ani kana hadha koo irraan baradhe ijoollee koo ammoo nan barsiisa," jechuun booda fuula tiwiitara isaanii irratti barreessan.

Obbo Tajaaniin duula Biyyoota Gamtoomanii Guyyaa Addunyaa Miidhaa Dubartoota irra Gahu Dhabamsiisuu kanaaf deeggarsa qaban agarsiisuu isaaniiti.

Guyyaan kun waggaa waggaan Sadaasa 25 kan kabajamu yommuu ta'u, guyyaan kunis waamicha namootaafi dhaabbileen garaa garaa walitti aansuudhaan guyyoota 16f miidhaa dubartoota irra ga'u akka balaaleffatan itti taasifamudha.

Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, akka guutummaa addunyaatti dubartoota harka sadii keessa harka tokkorra miidhaatu gaha.

Guyyoota lamaan darban, Sambataafi Dilbata namoonni hedduun daandiitti ba'anii mormii agarsiisaniiru. Isaan keessaa suurawwan muraasni kunooti.

Suuraawwan hunduu mirga abbummaa qabu.