Musxafaa Umaar: 'Daangaa sararuun furmaata isa dhumaa ta'uu hin danda'u'

Obbo Musxafaa Umaar

Pireezidantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafaa Umaar gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin rakkoo uummatoota Somaalee fi Oromoo gidduutti dhalatee tureef furmaatni dhumaa daangaa sararuu miti jedhan.

Waggaa tokko dura wayita biyyattiin jijjiirama siyaasaa keessa seenuun Ministirri Muummee Abiy Ahmad filataman qormaata isaan mudatee bulchiinsa isaaniif yaaddoo ta'e keessaa haalli naannoo Somaalee sadarkaa duraa irratti eerama.

Ministirri Muummee Abiy qormaata isaan mudateef fala kaa'an keessaa tokko caasaa bulchiinsa naannoo Somaalee jijjiiruudha.

Haala kanaan gara aangootti kan dhufan Pirezidantiin naannoo Somaalee Musxafaa Umar bulchiinsi isaanii jijjiirama akka biyyaatti mul'ate keessatti ga'ee olaanaa gumaacheera.

''Rakkoon naannoo Somaalee rakkoo hooggansaa waan tureef hooggansi wayita jijjiiramu furmaata argachaa dhufeera. Humnoonni hidhatan maqaa Somaaleetiin socho'aa turuu, waldhibdee uummata Somaalee fi Oromoo gidduu turee fi dhalattota biroorratti miidhaan qaqqabaa ture naannoon kun lammataa deebi'ee tasgabbii waan hin arganne fakkeesseera.

Garuu rakkoo uumame keessatti adda durummaa qooda fudhachaa kan turan hooggantoonni duraa kaafamanii hooggansi jijjiirama fedhu wayita bakka buufamu haalli duraan tures fooyya'eera, jijjiirama amma arginu kanas qabsoodhaan arganneerra.''

'Rakkoon lafa dheedumsaa fi daangaa miti'

Walitti bu'iinsa uummata Oromoo fi Somaleef rakkoon daangaa fi lafa dheedisaa yeroo baay'e akka sababaatti ka'u. Rakkoo kanneen furuuf mootummaan maal hojjetaa jira gaaffii jedhuuf obbo Musxafaan deebii kennaniiru.

''Waggoota sadan darban keessatti rakkoowwan nu mudutan lafa dheedisaa fi daangaadhaan kan walitti hidhatan miti. Mala malte warra fedhii siyaasaa guuttachuuf fiiguutu kanarraan nu ga'e. Rakkoo caasaa mootummaa keessaa maddetu uummatoota lameen rakkoof saaxile.''

''Yeroo ammaa jijjiirama keessa waan jirruuf'' waa'ee daangaa sararuu kaasnee furmaata itti gochuuf haalli mijataan waan jiru hin fakkaatus jedhu.

''Daangaa sararuun ammas furmaata isa dhumaa ta'uu hin danda'u. Uummatoonni lameenuu miira waliin jiraachuu yoo gabbifatanidha furmaati sirriin kan argamu.''

Dhimma gama bulchiinsaatiin jirru mootummoonni lameen waliin mariyatanii akka sirreessanis himan. Ammaa xiyyeefannoon isaanii daangaa sararuu osoo hin taane, hariiroo uummatoota lameenii cimsuu ta'uus beeksisaniiru.

Daangaawwan Oromoo fi Somaalee rakkoon itti heddummaatu keessaa tokko kan taate Moyaaleen haga yoomiitti haala kanaan turti, Uummatoonni lameen Moyaaleerratti gaaffii abbummaa kaasan haala kamiin nagaadhaan waliin jiraachuu danda'u gaaffii jedhus gaafanneerra.

''Dhimma rakkoo moyaaleerratti hojiin dursu nageenya mirkaneessuudha. Itti aansuun qaamolee dhimmi ilaallatu, Oromiyaa fi mootummaa federaalaa waliin mari'annee furmaata ni keenya. Ammatti garuu furmaati kana jedhee dubbachuu hin danda'u.''

Waggaa tokko dura rakkoo nageenyaa uumameen hedduun lubbuu dhaabaniiru, qabeenya saamamaniiru, qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru. Qaamoleen rakkoo kana uumuu keessatti qooda fudhatan hunduu seeratti dhiyaataniiru jedhu obbo Musxafaan.

''Haleellaa uummatarra ga'e kan qindeessanii hoogganaa turan hedduunsaanii to'annoo seeraa jala jiru. Kan miliqan akka to'atamaniifis hojjechaa jirra. Kanneen miidhamanis haga human keenyaa gargaarreerra. Amma kan irratti hojjechaa jirru ilaalchi rakkoo sana uume hawaasa keessaa akka ba'u gochuudha.''

Ibsa waa'ee viidiyoo, Rakkoo Somaalee fi Oromoo gidduutti dhalateef furmaatni daangaa sararuu miti jedhame.

Uummanni Yaaddoo fi soda baroota darbanii keessaa ba'ee sammuu nagaadhaan soda tokko malee bilisummaadhaan akka jiraatu gochuun cimullee amma garuu namni kamuu naannoo keenya keessa akka fedhetti jiraachuu danda'a jedhan Obbo Musxafaan.

''Uummanni naannoo keenyaa dhiphina tokko malee amantaa barbaadan hordofaa akka jiraatan Mootummaan naannoo keenyaa kutannoodhaan ni hojjeta, dirqama fudhanneerra.''

Qormaataa fi hojii dursi kennamuuf

Naannoo caasaa mootummaa tasgabbaa'aa fi dimokiraatawaa hi qabne akkanaa keessatti jijjiirama barbaadamu yeroo gabaabaa keessatti fiduun waan hin yaadamneedha jedhu Pirezidaanti Musxafaan.

Keessattuu rakkoon nageenyaa waggoota sadan darban keessa daangaa fi giddu galeessatti mudate dargaggoota hedduu carraa hojii malee hambiseera jedhan. Kana keessa darbuun qormaata cimaadha jedhan.

''Rakkoowwan biro kanneen akka nageenyaa, diinagdee fi siyaasaa mariidhaan furaa deemuun ni danda'ama. Rakkoo cimaan salphaatti hin furamne garuu rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaati. Naannoo keenya dargaggoonni hedduun hojii malee jiru.''

Dargaggoota hojii hin qabne qaamni barbaade iddoo fedhasaatti oofuu danda'a kan jedhan Obbo Musxafaan, rakkoo kana keessaa hatattamaan yoo ba'uu baanne ammas dargaggoonni madda jeequmsaa ta'uu malu jedhan.

Qormaati biraan ammoo caasaa mootummaa naannichaa hooggantoota duraa harkatti bade sirreessuudha jedhan.

Keessattuu hooggantoonni aangoo mootummaa olaanoorra turan uummata daka jiru waliin akka wal hin argine gochuun paartiin naannicha bulchu maallaqa guddaa qisaasessaa ture.

Aadaa siyaasaa babbade kana sirreessuun qorumsa cimaadha.

Waayee Poolisii Humna Addaa fi loltoota Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen(ONLF)

Rakkoo naannoo Somaaleetti mudate kan raawwataniiru jedhamanii komataman Poolisiin Humna Addaa Naannoo Somaalee 'Liyyuu Haayil' fi qabsoo hidhannoo booda qabsoo karaa nagaa filachuun biyyatti kan deebi'an loltoonni Adda Bilisummaa Biyaalessaa Ogaaden qindoomina uumuun magaalaa keessa socho'aa jiraachuun akkamiin danda'ame jennees gaafanneerra.

''Caasaa poolisii humna addaa keessatti rifoormiin gaggeeffameera. Kanneen rakkoo uuman keessaa baasnee warra naamusa qabaniin ijaarreerra. Heera mootummaa beekanii akka ittiin bulanis leenjisneerra.''

Jijjiiramni jiraatus garuu wanti hundi sirrateera jechuun hin danda'amus jedhu obbo Musxafaan.

''Ammas darbee darbee uumata nagaarraan miidhaa geessisuun guutummaatti hin hafne. Haleellaan itti yaadamee qindaa'ee raawwatu garuu hin jiru.''

Waraana Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden ilaalchisee waraanni hidhatee humna addaatti makame hin jiru. Waraanni gale hundinuu leenjii fudhatee karaa nagaan qabsaa'uuf hawaasatti makameera akka jirus nutti himan.

Egeree Poolisii Humna Addaa 'Liyyuu Haayil' fi ejjennoo pirezidaantichaa

Qaamolee nageenyaa naannoleen biyyattii of danda'anii ajajuun nageenya naannoosaanii ittiin eegsifatan keessaa tokko poolisii humna addaati.

''Haala qabatamaa amma jiruun poolisiin humna addaa 'liyyuu haayil' naannoo keessa socho'uu itti fufa.

Ejjennoon keenya kan naannolee biroodhaan adda miti'' jedhan.

Gara fuulduraatti tarii haala caaseffamasaarratti qaamolee nageenyaa mootummaa federaalaa waliin akkamiin qindomina uumnee tokko taanee hojjenna kan jedhurratti mari'achuu dandeenya.

Ammaaf garuu hojiin hatattamaa isaaniin hojjetamuu qabu waan jiruuf poolisii humna addaa balleessuun ni cima.''