Musxafaa Omar yeroof pirezidantii naannoo Somaalee ta'un filataman

Madda suuraa, Addis Standard
Obbo Musxafaa Omar pirezidantii naannoo Somaalee ta'uun koree giddugaleessaa Paartii Dimookiraatawaa Ummata Somaaleen filataman.
Obbo Musxafaan yeroof pirezidantii naannichaa ta'uun akka filaman koree giddugaleessaa dhaabichaa BBC'f mirkanesseera.
Obbo Musxafaan gahee naannicha bulchuu qofaa osoo hin taane dura-taa'aa itti-aanaa Paartii Dimookiraatawaa Ummata Somaalee ta'aniiru.
Akkamiin filaman?
Obbo Musxafaan miseensa dhaabichaa ta'u baatanis gara hoggansaatti dhufani naannicha bulchuu akka danda'an Ahmed Abdi Mahammad kallattiin viidiyoo Fesbuukii isaanii irratti gadhiisanin himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Obbo Musxafaan kan filataman, ''dhaabichi akka hin diigamne baraaruufi'' jedhaniiru.
Nannoo Somaaleef pirezidantiin yeroo filatamu torban lama gidduutti yeroo lammataatiifi.
Torban lama dura hokkaraa fi waldhabdee magaalaa Jigjigaafi magaalaalee kaanitti dhalateen rayyaan ittisa biyyaa gidduu seenee ture.
Boodarraa Pirezidantiin naannicha waggaa 10 oliif bulchan Abdi Mohaammad Umar aangoorraa ka'aniiru.
Bakka isaaniis Ahmed Abdi Mahammad yeroof muudamanii turan.
Ministirri waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa Federaalaa Obbo Ahmad Shidee dura-taa'aa paartichaa ta'un dhiheenya filatamuun isaanii ni yaadatama.
Obbo Musxafaa Omar dhimmoota siyaasaa naannichaa irratti miidiyaaleef yaada kennuun kan beekaman yoo ta'u yeroo hangamif naannicha akka bulchan wanti beekame hin jiru.
Pireezidantiin haaraa kuni bulchiinsa pirezidantii duraanii qeequun ni beekamu.














