Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen hiree ofii ofiin murteeffachuu irratti mootummaa Itoophiyaa waliin walii galuu hime

Madda suuraa, Getty Images
Ummanni Ogaadeen karaa nagaa hiree ofii ofiin murteeffachuu akka danda'aniif mootummaa Itoophiyaa waliin walii galleera jechuun Barreessaan Dhimma Alaa ABBO [ONLF] Obbo Ahimed Yaasin Sheek Ibiraahim BBC Somaaleetti himaniiru.
ABBO [ONLF] ammas karaa nagaan kaayyoo isaa akka itti fufsiisuu danda'us himaniiru. Kunis mirga ofiin of bulchuu akka dabalatu eeruun.
Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden, ONLF, qabsoo isaa karaa nagaa itti fufuudhaaf mootummaa Itoophiya waliin waliigaltee irra ga'uu isaa Dilbata darbe Ertiraa, magaalaa Asmaraatti aanga'oonni Itoophiyaa dubbataniiru.
Minisirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Warqinaa Gabayyoo Onkololeessa 21tti fuula feesbuukii isaaniirratti akka maxxansaniitti, ONLF maree mootummaa Itoophyaa waliin yeroo gara garaatti taasiseen waliigalteerra ga'amuu dubbatan.
Waggoota hedduudhaaf kutaa biyyattii gama Bahaatiin qabsoo hidhannoo gaggeessaa kan ture ONLF kun gara biyyaatti deebiyuun qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf waliigaltee kana fudhachuun isaa nagaa biyyattiifi keessattii naannoo Somaaleetiifi faayidaa guddaa qabaatas jedhan.
ONLF qabsoo foxxoquuf taasisu kan eegale bara 1984 erga hundeeffameeti. Addi kun kootummaa Itoophiyaatiin hanga yeroo dhiyoo kanaatti garee shorokkeessisootaa keessatti tarreeffamee ture.
Haa ta'u malee erga MM Dr Abiy gara taayitaatti dhufaniin booda, ONLF dabalatee gareewwan siyaasaa sadii tarree shororkessummaa keessaa akka bahan taasifameera. Kanumaan walqabatees kanneen biyya alaa turan gara biyaatti deebbi'unsaanii ni yaadatama.
ABBOn ka'umsa isaa irraa kaasee waggoota 14 booda Liigii Dimokraatawa Somaalee itoophiyaa waliin makamuun paartii dimokiraatawa Ummata Somaalee hundeessanii turan.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa ONLF/ABBO baroota dabarse keessatti (Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti)
Ebla 1996፡ Raadiyoo Natsaanat kan jedhu kan warra mormitootaa kan ta'erratti ABBOn humoota mootummaa Itoophiyaa irratti haleellaa geessiseen loltoota hedduu ajjeesuu gabaase.
Bitootessa 1998 ፡ Gaggeesitoonni ABBO aanga'oota mootummaa Denmaark waliin wal arganii sarbamuu mirga namoomaa Somaalota Itoophiyaa keessa jiranirra ga'aa jiran jedhan ibsaniif. Aanga'oonni Denmaarkis bulchiisni jiru dimokiraasii hojiirra kan oolchu waan hin taaneef gargaarsa kennuu addaan kutee ture.
Amajji 2001፡ ABBOn Sheek Sheriif Sheek Ahimad Pirezedaantii Somaaliyaa ta'anii filatamuu isaaniif ergaa baga ittin isin ga'ee dabarsaniiru.
Onkoloolessa 2002፡ Dubbi himaan ABBO bulchitoonni Puuntilaandiifi Somaaliilaandillee Somaalota Itoophiyaa irraa baqatanii deeman qabanii mootummaa Itoophiyaaf dabarsanii kennu jechuun himate.
Agayyaa 2002 ፡ Gabaasa ABBOn mootummaa Itoophiyaa waliin waliigalteerra ga'uuf dhiyaateera jedhame waakkate.
Amajji 2003፡ Miseensonni oggantoonni Addichaa 400 ta'an mana hidhaatii gadi dhiifaman.
Waxabajji 2003፡ ABBOn shorokkeessaadha jedhamee mootummaa Itoophiyaan farrajame.
Amajji 2004፡ Addichi ibsa biyya Ingilizitti baaseen mootummaan haala waliigalaafi bakkaa qaamni sadaffaa araarsu jiruttiifi bakka walaba ta'etti araaraafi waliin dubbachuuf fedhuu akka qabu beeksise.
Onkoloolessa 2005፡ ABBO Keeniyaatti jaarsummaa Ministira Ittisaa Keeniyaa Mohaammed Yusuufiin Naayiroobiitti mootummaa waliin waan araaraa waliin dubbachuu kan jalqabee ture addaan cite.
Amajji 2008፡ ABBOn jikita boba'aa naannoo Somaalee keessatti taasifamu kan fedhiifi faayidaa uummata naannichaa hin hirmachifne waan ta'eef tarkaanfii fedhii uummatichaa kabachiisu kubbaaniyoota biyya alaa jikita boba'aa barbaachuutti bobba'anirratti akka fudhatu beeksise.

Madda suuraa, Getty Images
Caamsaa 2009፡ ABBOn Arbanyooch Ginbota 7 waliin hojjechuudhaaf walii galuu isaa ibsa baasaniin gareen kun beeksisanii turan. Gareen kunneen Jarman Firaankifarti keessatti walga'ii guyyoota sadii gaggeessanii booda kan murtee kana fudhachuu beeksisan.
Hagayya 2009፡ Mootummaan biyya Somaaliyaa aanga'aa ol aanaa ABBO kan ta'an Abdiikariim Sheek Muuseetiin (Qalbii Dagaatiin) magaalaa Somaaliyaa Kaabaa kan taate Adaadoo keessatti qabanii mootummaa Itoophiyaatiif dabarsitee kennuu beeksifte.
Waxabajji 2010፡ Aanga'oonni Itoophiyaafi Ertiraa maree waliin jalaqabuu isaanii waliin walqabatee Itti-aanaan dura ta'aafi dubbi himaan ABBO Mohaammed Osmaan Adaanii mootummaa Itoophiyaa waliin akka marii jalqabuuf fedha qaan dubbatan.
Waxabajji 2010፡ Tarkaanfii walmormisiisaa mootummaa Pirezedaanti Farmaajootiin Itoophiyaatti dabarfamee kennamee kan ture ajajaan ABBO Abdikariim Muuseer (Qalbii Dagaa( gadi lakkifame.
Waxabajji 2010፡ Kaabineen Itoophiyaa Arbanyoochi Ginbot 7fi ABO akkasumas ABBO dabalatee paarlaamaan biyyattii akka galmee shorkkeessummaa keessaa isaan baasuuf yaada murtee dhiyeesse.
Hagayya 2010፡ ABBOn mootummaan federaalaa Somaaliyaa Addicha garee shorokkeessaadh murtee jedhu kuffiisee ajajaa waraanaa isaa mootummaa Itoophiyaaf dabarsee kennuu isaa ifatti akka dhiifama gaafatu yaada dhiyeesse.
Hagayya 2010፡ ABBOn walitti bu'insa Jigjigaa keessatti uumame balaaleffatee qaamni hundinuu tarkaanfii humnaa fudhachuu irraa akka of-qusatan waamicha dhiyeessee ture.
Hagayya 2010፡ Waamicha nagaa Minstira Muummee Dr. Abiy Ahimad waliin walqabatee batalumaan kan hojiirra oolu waraana dhaabuu labse.
Hagayya 2010፡ Aanga'oonni ol-aanoo ABBO kudhan ta'an giddu-gala Somaaliyaa bakka Gaalmudug jedhamutti poolisiidhaan to'annaa jala oolan.
Hagayya 2010፡ ABBOn Pirezedaantii eeggataa Somaalee ta'uun muudamuu Musxafaa Omaar guutummaan guutuutti akka fudhatu ibsee, mootummaan Itoophiyaa naannicha keessa akka harka hin galfanneef akeekkachiiseera.
Hagayya 2010፡ ABBOn pirezedaantiin duraan naannoo Somaalee Abdii Mohaammed Omar (Abdii Illee) to'atamuu akka deggeru ibsee tarkaanfii haqa mirkaneessuuf jalqabame jechuun beeksiseera.
Gaggeessitoota ABBO
Dura Taa'aa፡ utimaan Adim Mohaammed Umar (Onkoloolessa 2002 irraa kaasee)
Itti-aanaa Dura Taa'aa፡ Adaagii Mohaammed Osmaan, Omaar Mohaammed Ismaa'el
Dubbi Himaa፡ Nuur Huseen.













