Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoteelli al-Shebaab haleelee ture alaabaa olkaafate
Hoteelaa Keenyaa magaalaa guddoo Naayirootti argamu dusitD2 hidhattoonni al-Shebaab jalqaba bara kana ji'a Amajjiitti haleellamee booda kaleessa deebi'ee banameera.
Sirna hoteelicha deebisanii banuu kanarratti alaabaan biyyattii ol kaafamee mirmirfameera. Wayita seensa balbala hoteelichaa irrattis alaabaa fannifame arganis namoota hedduu irratti miirri miidhaa darbe sana yaadachuun gaddi itti dhaga'ames turan.
Hidhattoonni al-Shebaab haleella kana wayita moora hoteelichatti bananitti hojjattoota hoteela dusitD2 jaha dabalatee namoota 21 turan kan ajjeefaman.
Hojii-gaggeessaan hoteelichaa Misheel Metaas deebi'ee banamuun hoteela kanaa deebine bayyanachuufi harka kennuu diduu keenyaaf mallattoodha jedhan.
Hoteelli dusitD2 kun hoteela abbaa urjii shanii (Five Star) yommuu tahu, warri sooreessaa ta'aniifi anga'oonni mootummaa garagaraa kan itti walgahaniifi walgahiiwwan garagaraa itti gaggeessanidha.
Hoteelli kunis bulchiinsa Naayiroobii Westland keessa daandii Riverside Drive jedhamurratti argama.
Haleellaan kun waggaa sadaffaa guyyaa haleellaan looltoota Keeniyaa magaalaa El Addee irra ga'etti akka turetu himame.
Al-Shabaab eenyu?
Al-Shabaab, Afaan Arabaatin, Dargaggoota jechuudha.
Jihaadistoonni biyyoota alaarraa al-Shabaab gargaaruuf gara Somaaliyaa akka dhaqan, hedduu gabaafameera. Biyyoota ollaa jiran dabalatee, Amerikaa fi Awuroppaa irraas kan dhaqan jiru.
Ameerikaa fi Ingiliizin garee shororkeessaa ta'uun ramadameera. Loltoota 7,000 hanga 9,000tti qaba jedhamee amanama.
Al-Shabaab gosa Islaamummaa Saawudii Arabiyaa, Waahaabii ennaa leellisan; Somaalonni hedduun Suufiidha.
Naannoowwan to'atettis seera Shariyaa hojiirra oolcheera. Dubartii sagaagalummaan himatamte, dhagaan reebanii ajjeesuu fi hattuu harka irraa kutuu dabalata.