Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Siiriyaa: US loltoota ishee Siiriyaa keessaa baasuufi
Ameerikaan loltootashee Siiriyaa keessaa baasuuf akka tahe qondaaltota ittisaa biyyattii wabeefachuun miidiyaaleen US gabaasaa jiru.
Teleevizyiniin Ameerikaa CBS jedhamu loltuun Siiriyaa jiru bahuuf hatattamaan karoorfachuu akka qabu ajaji White House irraa bahuu himeera.
Pireezidaant Donaald Tiraamp Gareen Islaamaa (IS) mo'amuu himuun sababiin waraana turses kanuma jedhan.
Loltoonni 2000 tahan ISIS naannoo Kaaba-baha Siiriyaa akka gadhiisu yoo gargaaran garuu ammas naannoo biyyatti garaagraatti kan hafan jiru.
Kana dura qondaalotni Ittisaa biyyatti gareen hidhataa kuni lammata akka hin ijaaramneef achi turuu akka fedhan himamaa ture.
Guyyoota muraasaan dura qindoomina idila-addunyaa IS n injifachuuf taasifamu irratti bakka bu'aan addaa pireezidaant Tiraamp Breet Maakgarki '' Loltoonni IS ni badu namni jedhe hin jiru. Namni akkanatti doofa tahe hin jiru. Kanaaf achuma turree naannichatti tasgabbiin akka mirkaneessina.
Tiraamp garuu ji'a bitootessaa dhufu kanatti loltoonni US Siiriyaa ''hatattamaan'' gadhiisu jedhan.
Waajjirri ittisaa biyyatti Peentaagoon dhimma kanarratti waayyuu hin jenne.