Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Haleellaa shororkeessitootaa Naayiroobiitti

Magaalaa guddittii Keeniyaa Naayiroobii, daandii Riverside Drive'rra kan argamu hoteelli abbaa urjii shanii Dusitd2 shororkeessitootaan haleelame. Hanga ammaattis yoo xiqqaate namoonni 15 lubbuu dhabaniiru. Gabaasa kallattii hordofnee isin biraan geenyu asii hordofaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattii haleellaa hoteela Keeniyaa, Naayroobii xumurreerra.

    Odeessaalee biroo biyya keessaa, Afrikaafi addunyaaf nu hordofaa.

  2. 'Namootni 50 achi buuteen isaani hin argamne'

    Fannoon Diimaa Keeniyaa, haleellaan hoteelaa erga dhumee booda ammayyuu namootni 50 achi buuteen isaanii hin argamne jedha.

    Baay'innii lakkoobsa namoota ajjeefamanii kan mirkanaa'e 14.

    Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa namootni 700 ol baraaramuu isaanii dubbataniiru.

    Daawwattoota biyya biraarraa dhufaniif Keeniyaan naga-qabeessa ta'uun kan itti fuftu ta'uusheefi namootni haleellaa kana karoorsuu irratti hirmaatan seeraan akka barbaadaman dubbataniiru.

  3. 'Haaleeltonni shan turani'

    Hogganaan poolisii Keeniyaa Jooseef Boonet haleellaa Kibxata Naayrobitti taasifame irratti kan hirmaatan haleeltota shan ta'uu AFP gabaaseera.

    Vidiyoon kameeraan eegumsaa yoo xiqqatee hidhatoonni afur dallaa keessa galanii yeroo dhukaasan ni agarsiisa.

    Duula sa'aatii 20'f tureen namootni dhibbaan lakkaa'aman baraaramanii, namoota 14 kan ajjeesan haleeltoti shanan kun immoo ajjeefamuu isaanii Jooseef Boonet dubbataniiru.

  4. Ibsa gaddaa MM Abiy Ahimad irraa

    MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gochaa kana ni balaaleeffanna jedhaniiru.Maatii warra jaalatan dhabaniifi uummata Keeniyaa maraaf jajjabina hawwina jedhaniiru.

  5. 'Haleeltota keessaa isa tokko nan beeka'

    Hojjetaan mana dhugaatii saatii hedduuf hoteela keessatti erga danqamee booda kan oolchame, haleeltota keessaa tokko akka beeku AFP'tti himeera.

    "Isaan keessaa isa tokko nan beeka, sababiinsaa harkasaarraa goodaannisa guddaa qaba," jedha.

    "Argeeraani. Hiriyyootakoo ja'a rasaasaan rukutaani, afur lubbuun isaani oolee lama garuu du'aniiru."

  6. Lammiin US ajjeefame, amma dura haleellaa walfakkaataa jalaa miliqee ture

    Lammiin Ameerikaa Jeesan Ispindilar kan haleella Naayroobiin lubbuun isaa darbe, kanaan dura haleellaa shororkeessaa bara 2002/9/11 Ameerikaatti taasifame jalaa lubbuun miliqee ture.

  7. Dubartii haleellaa shororkeessummaa si'a lama jalaa baate

    Dubartiin halleellaa shorokessitootaa Kibxata hoteela Dusit naannoo Westlands magaalaa gudditti Keeniyaa Naayiroobii keessatti qaqqabsiisan nagaan jalaa baate halleellaa shorokkeessitoonni magaaluma kana keessatti bara 2013 galma gabaa Westgate jalaallee akka nagaan baate miidiyaaleen biyya keessatti himte.

    Haleellaa waggoota ja'a dura hidhattoonni galma gabaa sana seenanii qaqqabsiisan sanaan yoo xiqqaate namoonni 67 ajjeefamanii turan.

    “Yeroo warri hallellaa sana raawwatanitti ani achi keessaan hojjechaa ture, akka har'aa kana salphaa hin turre. Waantan jechuu danda'u Waaqayyoof galanni haa ta'uu qofa," jchuun halleellaa Kibxataa kana Nairobi News'tti himte.

    Aadde Waanjiruu, hoteelicha keessatti gaggeessituu gola bareedinaa kan taate, dho'insa cimaa yeroo dhageessu maaltu akka ta'aa jiru baruuf gara diidee ilaalte.

    "Deebiyeen gara gola bareedinaattin utaale, namoota warran waliin hojjedhutti haleelamaa jirraa of eegadhaa jedheen itti hime. Yeroo jalqabaa na hin fudhanne, yeroo iyyaafi boo'icha dhaga'an garuu dhokkachuutti ka'an,” jette.

    Aadde Waanjiruu waanta uumame feesbuukii irratti maxxansuun gargaarsa waamte.

    Booda irra garuu nagaan baate.

  8. Iddoo haleellaan kun itti raawwate

  9. Embaasiin Itoophiyaa Naayroobiitti argamu haleellaa Riverside balaaleeffate

    Haleellaa hoteela Dusitd2 tti raawwateen hordofee biyyoonni fi dhaabbileen idil addunyaa ergaa gaddaa dabarsaa jiru.Embaasiin Itoophiyaa Naayiroobitti argamus, haleellaa shororkeessitootaa kana akka balaaleeffatu ibsa baaseera.Dabalataanis ''Embaasiin Itoophiyaa Keniyaatti argamu, yeroo ulfaataa kanatti, mootummaa fi uummata Keeniyaa cina akka dhaabbatu ibsuu barbaanna,'' jedha.

  10. Namtichi abdii ergaa abdii kutannaa twiit godhe bilisa bahe

    Lammiin Keeniyaa kutaa qaama dhiqannaa keessaa abdii kutannaan, ergaa Twiitaraa maxxansaa ture bilisa baheera.

    Ronald Ng'eno dhukaasa akka dhagahaa turee fi maaloo na gargaaraa jechuun Twiit gochaa ture.

    Boodarra akka twiit godhetti ammoo humnoota nageenyaatiin baraarameera.

    A local news site has shared a picture of Mr Ng'eno with his family.

    Miidiyaan biyya keessaa tokko suuraa Ng'eno maatii waliin ka'e mulliseera.

  11. Maatiin namoonni jalaa badan ammas eeggachaa jiru

  12. 'Yoo xiqqaate namoonni 24 ajjeefamaniiru'

    Akka Dhaabbata Fannoo Diimaa Keniyaatti, haleellaa hoteela Dusitd2'n lubbuun namoota 24 galaafatameera.

    Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa, laakkofsi namoota du'anii 14 jedhanii turan.

  13. UBER warra dhiiga arjooman bilisaan deddeebisaa jira

    Dhaabbanni tajaajila geejjibaa appiirdhaan keennuun idil-addunyaatti beekamu UBER, haleellaa hoteela Dusitd2 walqabatee, namoota dhiiga arjoomuu barbaadaniif tajaajila geejjibaa bilisaa akka kennu beeksise.Nami tokko dhiiga arjoomuu barbaannaan gara hospitaalota tajaajila kana keennan eeramanitti bilisaan dhaquu fi deebi'uu danda'u.

  14. ''Opireeshinin hoteela Dusiit xumurameera''

    Pireezidaantiin Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaattaai ibsa kennaniin, haleellaan kun xumurameera jedhan.

    Namoonni 14 lubbuu dhabuus himan. ''Shororkeessitoonni hunduu dhabamsiifamaniiru.'' jedhan.

    Namoonni gamoo hoteelaa keessa turan 700 ol ta'an achi keessaa nagayaan akka bahanis ibsaniiru.

    Gama biraatiin, namoota ajjeefaman keessaa tokko lammii Ameerikaa tahuu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii beeksiseera.

  15. Al-shabaab eenyu?, Al-Shabaab Keenyaa keessaa maal godha?

    Al-Shabaab, Afaan Arabaatin, Dargaggoota jechuudha.

    Jihaadistoonni biyyoota alaarraa al-Shabaab gargaaruuf gara Somaaliyaa akka dhaqan, hedduu gabaafameera. Biyyoota ollaa jiran dabalatee, Amerikaa fi Awuroppaa irraas kan dhaqan jiru.

    Ameerikaa fi Ingiliizin garee shororkeessaa ta'uun ramadameera. Loltoota 7,000 hanga 9,000tti qaba jedhamee amanama.

    Al-Shabaab gosa Islaamummaa Saawudii Arabiyaa, Waahaabii ennaa leellisan; Somaalonni hedduun Suufii dha.

    Naannoowwan to'atettis seera Shariyaa hojiirra oolcheera. Dubartii sagaagalummaan himatamte, dhagaan reebanii ajjeesuu fi hattuu harka irraa kutuu dabalata.

    Al-Shabaab Keeniyaa keessaa maal godha?

    Al-Shabaab Keenyaa yeroo hedduu haleeleera. ALA Ebla 2, 2015tti ajeechaan Yunivarsiitii Gaarrisaa, dhiheenya daangaa Somaaliyaatti ta'e, kan yeroo kamiyyuu caalaa isa hamaadha.

    Haleellaa kanaanis namoonni 148 lubbuu isaanii dhabaniiru. Miseensonni garee kanaa qawwee qabatan, barii barraaqa mooraa yuniivarsiitichaa seenuun barattoota Kiristaana ta'an fixan.

    Kana dura ammoo, 2013tti, haleellaan inni hamaan wiirtuu daldalaa Westigeetitti raawwatame. Kanaanis namoonni 68 lubbuusaanii dhaban.

    Westigeetiifi haleellaawwan birootti, hidhatoonni kunneen, namoota Musliima ta'an ennaa hambisan, kanneen jechoota Quraana keessa jira jechuu hindandeenye ajjeesaniiru.

    Odeessa guutuu asii dubbisaa Al-Shabaab eenyu?

  16. Haleellaa Dusitd2 suuraaleen

  17. Haleellichi akkamiin eegale?

    Haleellaan kun kaleessa guyyaa Kibxataa naannoo sa'aa 9'tti eegale. Hidhattootni kunniin gara mooraa hoteelichaa osoo hin galiin dura boombii gara konkolaattota dhaabatanii turaniitti darbatan.

    Hidhattoota keessaa tokkos of dhooseera jedhuun hoogganaan poolisii keeniyaa Joseef Biyoonet himaniiru. Gamoo ollaa jiru keessa dubartiin turte Rooyitarsiif akkasiin waan argite himte. ''Sagalee dhukaasaa dhagahuun jalqabe, achiin namoonnii harka isaanii ol kaasanii osoo fiiganii gariin lubbuu isaanii olchuuf gara baankiitti yoo baqataniin arge.''

    Turtii boodas poolisiin bakka sana qaqqabe. Hojjetaan nageenyaa tokko '' haalichi gaarii miti. namootni du'aa jiru'' jechuun BBC'tti himera.

    Qondaalli haajaa biyya keessaa olaanaan mootummaa keeniyaa Freed Matiyaang ibsa galagala sa'aa afuritti kennaniin qaamoleen nageenyaa gamoowwaan hunda to'achuu ibsanii turan.

    ''Haalichi to'annoo jala ooleera, biyyiis nagaa dha'' jedhanii ''Shororkeessummaan yoomuu nu hin injifatu'' jechuun dubbatan.

    Sa'aa tokko booda sagaleen dhukaasaa itti fufeera. Midiyaaleen Keeniyaa akka gabaasanitti hospitaala Naayiroobitti namoonni 30 yaalamaa jiru.

  18. Yoo xiqqaate namoonni 15 du'uu maddeen poolisi eeran, Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuu aangawoonni himaniiru, lakkoofsi guutuun amallee ifa hin taane

    Qaamolee hidhattoota jedhamanii shakkamaniin haleellaan hoteela gatii mi'aa magaala Naayiroobii keessatti qaqqabeen yoo xiqqate namoonni jaha ajjeefamaniiru.

    Magaalaa Naayiroobii bulchiinsa Westilaand keessatti hoteela Dusiit D2 jedhamu kan haleelamuu eegale Kibxata sa'aa 9 irraa ture.

    Gareen hidhataan Somaaliyaatti madheefate al- Shabaaba haleellaa kana raawwachuu beeksiseera.

    Halkan sa'aa Afuritti mootummaan Keeniyaa ibsa kenneen, gamoowwan hidhattoota kanaan qabaman hunda to'adheera jedhus, dhukaasaa fi dhohiinsi ammaallee ni dhagaahama.

    Angawootniifi namoonni ijaan argineerra jedhan gamoo tajaajila hedduu kennu keessa mana nyaataa isa tokkotti namoonni shan ajjeefamuu, namni tokko ammoo hospitaalatti lubbuun darbuu himaniiru.

    Warreen du'an keessaa lammiin Ameerikaa tokko akka argamu waajirri haajaa alaa Ameerikaa beeksiseera.

    Hojjetaan kutaa reeffaa tokko Rooyitarsitti akka himetti namootni du'an 15 ni ta'u.

  19. Al-Shabaab itti gaafatamummaa fudhateera, Haleellaa Naayroobiin Al-Shabaab itti gaafatamummaa fudhateera

    Hoteelli DusitD2 kun hoteela abbaa urjii shanii (Five Star) yogguu tahu, warri sooreessaa fi anga'oonni mootummaa garagaraa kan itti walgahanii fi walgahiiwwan garagaraa itti gaggeessanidha.

    Hoteelli kunis BulchiinsaWestlandkeessa daandiiRiverside Drivejedhamu gubbaa argama.

    Seensa hoteela kana biraas aarri guddaafi koonkolaattonni hedduus gubachaa turan. Namoonni baayyeenis dhiigaan uwwifamanii gamoo kana keessaa yogguu bahanis mullataniiru.

    Haleellaa Naayrobiitti ta'e kana Al-Shabaab itti gafatamummaa fudhachuu isaa dubbii himaan hidhattoota Al-Shabaab Somaaliyaa bufatanii BBC'tti bilbilaan himeera.

    "Namootni keenya naannoo Westlaand keessatti dallaa barbaachisaa keessa galanii jiru," jedhu.

    Odeeffannoo dabalataa haleellan kun yeroo dhumu akka beeksisanis himeera.