Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Garaa lama eegadhee lachuu dhiira taanaan dubartii biraatti amartii naa hidhanii fuudhe"
Garaa lama eegadhee lachuu dhiira taanaan dubartii biraatti amartii naa hidhanii fuudhe, jedha miseensi warra ja'an Jiillee.
Gosti Oromoo Jillee Shawaa Bahaa Aanaa Booraa Aadaa Amartiin fuudhuu maal akka ta'e BBC Afaan Oromootti himu.
Oromoon akkuma saba bal'aa ta'e aadaa nyaataa dhugaatii, fuudhaafi heerumaa akkasumas ibsituuwwan aadaa gosa hedduu qaba. Gosti Oromoo jahan Jiillees aadaa fuudhaafi heerumaa dhalootarraa ittifufee har'a gahe qabu.
Isa keessaa aadaan Amartii hidhachuu isa tokko. Obbo Miidhaksoo Jaaloo jiraataa aanaa Booraa ganda Maallimaa Bariiti. Isaanis gosa jahan Jiilleeti.
Warri jahan jiillee fuudhaafi heeruma aadaadhaan raawwatan kabaja guddaa qabaafis jedhu. Kanaafis gosaafi sanyii filatanii akka walfuudhaniifi jaalala fakkaattii ofiitii qaban kana ibsuufis aadaa 'Amartiin' osoo daa'imni hin dhalatin kaadhimatu jedhu.
"Intala takka warri nafakkaatu har'a yoo fuudhe, abbaan daa'ima warraa san barbaadu suni gaafuma cidhaa sana barii deemee misirittiitti amartii kaahata," jedhu.
Kunis warri walfuudhe kuni gaafa daa'ima dubartii godhatan mucaa kiyyatu fuudha jedhanii kaadhimmatu jechuudha. Mana warraa dhaqaniis," mucayyoo magartuu mucaa keenyaaf nuuf kennaa," jedhanii gaafatu.
Amartiin qubatti kaahamu kunis waan geengoo akka qubeelaa fakkaatu quba misirrittiii irratti hidhatu jedhu obbo Miidhaksoon. Amartii kaa'annaan intalli suni waggaattis wagga shanittis deessu ishuma eeggatan jechuudha.
"Gaafa deesse yoo kan dhalate dhiira ta'emmoo ammas garaa lammataatan eeggadha jedhu. Kan lammataas dhiira yoo ta'e kan sadaffaa eeggatu. Warra jaalatan yoo ta'e hanga dhala shaniittiyyuu eeggatu malee amartii irraa hin baafatan"jedhan.
Obbo Hulluuqaa Lataa, maanguddoo Jiillee aadaa Amartiin kaadhimachuu Kanaan bultii ijaarratani. Isaanis aadaa kanarraa muudannoon qabachuu BBC tti himan.
"Dur abbaan kiyya yeroon ani xinnoo ture misirroo tokkotti Amartii naaf hidhan. intala ishiin deessu akkan fuudhuf jechuudha. Isheenis ulfooftee yeroo deessu dhiira ta'e."
"Ammas garaa lammataan eegadha jedhaniinii eegne. Kan lammataas dhiira deesse. Boodarra abdii kutannee amartii sana baasanii durba biraatti naaf hidhaniitan fuudhe" jedhan.
Dubartiin amartii itti hidhatan suni milkooftee gaafa daa'ima deesse warri osoo hin dhalatiin amartiidhaan kaadhimate suni dhaqanii aannaniin dhanga'u (aannan afaanitti qicu).
"Aannan afaanitti qicanii haati mucaa kaadhimate saniis dhuftee, dhadhaa deessuu sana muuddi. Gumaata aannanii fidanii maatiin lamaan wajjin dhugu. Sana booda gara gumaata guddichaatti cehama" jedhu Obbo Miidhaksoon.
Gumaatni guddaan ammoo warri mucichaa haadha deessuu kanaa akkuma humnasaatti maseena yookan tumaalessa qaluufi.
Akka Obbo Miidhaksoon jedhanitti, gumaatni guddaan kuni hanga intalli dhalatte suni guddattee heerumaaf geechutti warri ilmaa hammuma haatii amartii itti hidhatan suni deessu bara baraanuu inuma qaluufi.
Aadaa Amartiin fuudhuu kana keessatti warri irraa kaadhimate suni walitti fufanii yoo dhiira dahan, carraan umuriidhaan walirraa fagaachuu ijoollee lamaan gidduutti uumamuu mala. Kanaafis aadaan jiillee fala kaa'era jedhu obbo Miidhaksoon.
"Haati Amartii itti hidhatan waan daftee hin dahiniif yoo intalli xiqqoo kan taatu ta'e, akkuma daa'imattiin jabaattee harma dhiisteen intala Rakkoo godhatu" Jedhan.
Intalli Rakoo maali?
Rakoo jechuun hoolaa murma muranii intala xiqqoo sana dhiiga afaaniin tuqu. Saniin booda intala sana rakkoon itti qalameera jedhama. Kan warra osoo ishiin hin dhalatin kaadhimate saniiti jechuudha.
"Intalli rakkoo itti qalan hamma dhumaatti kan maatii kaadhimate saniiti jechuudha. Yoo intalittiin daa'ima taatee mucaan guddaa ta'e mucaan akka dubartii biraa fuudhu ni heyyamamaafi."
"Gaafa intalli rakkoo geesse garuu intalli rakkoo jaartii hangafaa taati. Mucaan isheen deessus meeqaffaarratillee dhalatu mucaan hangafaa isuma taha," jedhu.
Aaadaa Amartiin fuudhuu kana keessati yoo akka tasaa intalli rakkoo duutes garaa lammataa eeganii warra sanatti heerumsiisu malee warra jaalatan sana hin buqqisan.
Akka aadaa warra Jiilleetti, yoo akka tasaa mucaan kaadhimate sunis intala osoo hin dhalatin kaadhimate tana osoo hin fuudhin tasa du'es, intala sana obboleessa isaa quxusuutu fuudha malee nama biraatti hin heerumsiifamu jedhu obbo Miidhaksoon.
Ilmi Amartiin kaadhimameef kuni warra soddaa isaa kana ni tajaajila. Yoo horiidhaan godaanan wajjin godaana, yoo jigii qabaatan bahee qofaf waan hundaanuu isaan bira dhaabbata.
Gaafa intalli geessee mucaatti heerumtu abbaan intalaa olmaa mucaa intala kaadhimate kuni isaaniif ooleef gaafa cidhasaanii hanga loon dhibbaattillee kan kennu jiraachuutu himama.
Aadaan Amartiin fuudhuu kuni garuu durirraa eegalee aadaa dhalootatti darbaa dhufe ta'ullee qaroomina amma dhufe waliin haphachaa dhufeera jedhu obbo Miidhaksoon.
"Ijoolleen amma barumsa barattee fedhii keenyan heerumna malee kan aadaa kuni garbummaadha jedhu. Aadaan tunillee amma buburree taatee ciccitaa jirti" jedhan.
"Ilmummti kiyyaa dhihoo kana intala tokko fuusisuu barbaadee jennaan 'minew Father maal taate' naan jedhe. Maali jennaan kanin ofii barbaaden fuudha jedhe' nan dhiise" jechuun mudannoosaanii BBC'tti himan.