Koloneel Rijaal Umar Abbaa Diimaa: 'Dargaggeessa' umrii 108?

Koloneel Rijaaluun umuriinsaanii 108 moo 80? Moo kanaa gadi? Gaaffii namoota hedduuti.

Qaamaan gaheessa fakkaatu, umriin koo garuu kan haraageessaati kan jedhan Koloneel Rijaaluu Umar Abbaa Diimaa dubbii ijoo sabaa-himaalee hawaasaa erga tahanii bubbulaniiru.

Biyya keenyatti waa'een umrii jaarraa tokko oli (100) yeroo hedduu mataduree falmiiti.

Waggoota muraasaan durattis miidiyaaleen biyya keessaa maanguddoo Dhaqqaboo Eebbaa jedhaman kan umriin koo 165 jedhan dhiyeessanii ture.

Dhuguma umriin dhala namaa, keessattuu kan gaheessotaa saayinsiin attamiin mirkanaa'a? Isa kana gara boodaatti itti deebina. Ammaaf garuu seenaa maanguddoo kanaa dursina.

Godina Jimmaa naannoo Toobbaatti kan dhalatan Kolonel Rijaal Umar, wayita ammaa magaalaa Jimmaa keessa jiraatu.

Nutis turtii isaan waliin taasisneen ajab! jenneerra. Gaaffiifi deebii isaan waliin goone keessaa muraasa akkasitti dhiyeessina.

BBC: Umriin keessan 108 waan jedhu dhageenye. Kun sirriidhaa?

Kol. Rijaal:Sirriidha. An bara Xaawonii (belaa) sanayyuu dhaladheera. Bara 1932 irraa jalqabee waraana biyyoolessaa (Xintaawi Itoophiyaa Jagnooch Arbanyooch) keessatti tajaajilaan ture. Ilmi koo inni angafaa umriisaa 75'n boqoteera.

Kan galmeerra argamu waggaa 108 haa tahu malee, isaa ol umriin koo.

BBC: Ijoollee meeqa qabdu?

Kol. Rijaal: Ijoolleen xixinnoon hin lakkaa'amanu. Namni hojii mootummaa qabatee, biddeena mana kootii dhiisee bahe 12.

BBC: Haadha warraa meeqa qabdu?

Kol. Rijaal: Du'aan nama sadidha anarraa kan adda ba'e. Warreen kaan ammoo gaduman dhidhiise. Gara nama 12 ol fuudheera.

BBC: Umriin dheeraan kan maatiiti moo?

Kol. Rijaal: Obboleessi koos dulloometi kan inni du'e. Abbaan koos waggaa 130 biyya duuniyaa taa'ee ka'etiyyii, 'an 130' otuma jedhuu gara waggaa 30 taa'ee, bara 1942 wayitan an Kooriyaa jirudha kan du'e.

BBC: Umriin koo 108 jettu, fuulli keessan ammoo kan gaheessaati. Sababani kanaa maal jettu?

Kol. Rijaal: Amma namni na dura fiigee bu'u yoo jiraate, Birrii Itoophiyaa 10,000 nan qabsiisa.

BBC: Fiigichaan moo?

Kol. Rijaal:humna isa kaminiyyuu yoo tahe. Yeroo ammaa yoo deebisanii na fudhatu yoo tahe, waraana keessatti hirmaadhee wanta guddaasaa hojjechuun barbaada.

BBC: Sabani isa kanaa maal?

Kol. Rijaal: Rabbi! Rabbituyyii ilmakoo jaarsa godheeti, anammoo dulloomaa godhe.

Ilmi kan koo inni jalqabaa magaalaa Jimmaa dhufee mana jireenyaasaa bituuf deeme. Achiis Abbaan seeraa Abdoo jedhaman, Tafarii Rijaal jedhanii yaaman, (ilmasaaniiti). Innis 'abeet' jedhe. Anaan ammoo Rijaal Umar naan jedhan, 'abeet' jedhe.

Achii 'kolfanii', maqaa keessan akka faranjii wal jala geeddartan moo? Eenyu abbaan? eenyu ilmi? kan jedhan na yaadadha.

BBC: Waa'ee umurii keessanii kana mirkaneessuu danda'u dokumentii nutti agarsiisuu dandeessuu?

Kol. Rijaal: Guutummaa isaan qaba. Isiniifan kenna.

BBC: Waraana Kooriyaa hirmaattanii dhageenye. Kun dhugumaa?

Kol. Rijaal: Dhugaadha. Irratti hirmaadheera. Waggaa shaniin taa'e. Namni si'a lama narratti geeddarame.

BBC: Waraanni Kooriyaa lameenii seenaa keessatti akka faranjootaa bara 1950irraa eegale. Akka biyyatti ammoo...

Kol. Rijaal addaan kutuun: Akka biyyaatti 1943 hanga 49tti.

BBC: Nama umurii meeqaa turtan wayita san?

Kol. Rijaal: Yeroon gara Kooriyaa deemu ijoollee afurin qaba.

BBC: Waraana kanaa keessaa wanti yaadattan?

Kol. Rijaal: [Kokkolfaa] wantin yaadadhu keessaa, ijoollee Arbaa Minci'tuyyii foon jaallatanii. Horiin qalamee jennaan, foon nyaataa wayita jiranii, galaa gannee hin deemnu jedhan. Bokkaa cimaasaatu roobaa jira.

Isa jarri foon nyaataa jiran kana ilaalanii, namoonni nama nyaatan dhufan jedhanii baqatan. Injifannoo guddaasaatin galle, rasaasa tokko osoo hin dhukaasiin.

BBC: Waldaa duultota Kooriyaa Finfinnee jiru keessa miseensaa?

Kol. Rijaal: Eeyyeen miseensan ture. Bara mootummaa Dargii keessa haqamee jira. Ergasii garuu faayidaa addaa argachaan jira. Ijjoollee koof illee kaffalatii ni godhu. Waggaatti Doolaara Ameerikaa 10,000 naaf kennani.

BBC: Eenyutu kana isinii godhaa jira?

Kol. Rijaal: Mootummaa Kooriyaa.

BBC: Waldicha keessaa hiriyoota qabduu?

Kol. Rijaal: Jiru. Dadadhaboodha jarri. Gurri jaraa badaa hin dhagahu. Na arganii 'ati ilma Rijaali? naan jedhu. Anis 'anuma Rijaal' jedheen deebisaaf.

BBC: Namoonni baayyeen ni sobdu isiniin jedhu. Maal jettu kanaaf?

Kol. Rijaal: Waa'ee kanaatif hin dallanu. yeroo tokko kanin yaadadhu, bara 1968 [soorama] fudhachuuf Finfinnee demeen ture.

Buukii geeddarachuuf wayitan jedhu hidhameen ture, guyyaa torbaaf.

Bakka bu'insa Rijaal qabdaa? Rijaal nama waggaa 65ti,'' naan jedhan. Anumaa jedhee deebisnaan, fuudhanii na hidhan.

Kanaaf jennaan kun naaf haaraa miti. Rijaal du'eera naan jedhu. Garuu ani hin duune jira. Wantin ani godhu hinjiru. Uumama Rabbiiti.

Anillee yeroo yeroo ofan jibba, maaliifan jiraadha laata biyya duuniyaarra jedhee.

Yeroo yeroommoo nan gammada, teknooloji yeroo ammaa jiru kana arguudhaaf.

Waan namni jedhu silumaayyuu an wahiitti hin dabalu.

BBC: Facebook kanafaa qabduu?

Kol. Rijaal: [Okkokkokko!! Dhaadachaa] sitti himaan jira mitii, Facebook, Imo.... Waayifaayii mana keessaan qaba. Maal jetta ati? Amma durban fudha.

BBC: Fayyaa keessanirratti wanti jijjirame?

Kol. Rijaal:Wanti hir'ate hinjiru. Guyyaa qofa muguu jalqabeera.

BBC: Jimaa qaamaatuu? Dhugaatii keessaahoo?

Kol. Rijaal: Lakkii ani jimaa harkumaan qabee hinbeeku. Waammoo nan dhuga. Samii keessaa xayyaara hin nyaadhuu, lafaa biyyoo hin nyaadhu.

Saayinsiin maal jedha?

Koloneel Rijaal umriisaanii saayinsiin mirkanessuuf ogeessa fayyaa bira deemuusaanii gaafannee, ''Yeroo tokko mana jireenyaa naaf ijaaruuf jedhanii, jarri Kooriyaa ilkaan narraa muranii qoratameera. Lakkoofsaan amma himaa jiru ol tahee jennaan itti aaree dallanee biraa deeme,'' jedhu.

Walfakkaachuu dhabuu umrii fi fuula Koloneel Rijaal ilaalchisee ogeessa fayyaa ka tahe, Dr. Nuraddin Lukee dubbisneerra.

Itoophiyaa keessa dhimmi umurii wlafamisiisee gara dhaabbata fayyaatti dhufuu kan quba hinqabne tahuu kan dubbatan Dr. Nuraddin, dubartoota gudeeddiin irratti raawwatame mirkaneessuuf qorannoon akka taasifamu ni dubbatu.

Kanneen umriin isaanii 22 gadi naannoo ciqilee fi barruutti raajii (xray) kaasuun kan beekamu yommuu tahu, gaheessootaaf garuu adeemsi isaa adda jedhu.

Ogeessi fayyaa kun dabalanii waan jedhan namoota kanneen akka koloneel Rijaal, qorannoo qaccee sanyiin (DNA) ilaalamuu danda'a jedhu.

Kunis gulantaa dogongoraa waggaa shanii qaba jedhu.

Garuu qorannoon akkasii biyyattii keessa jiraachuusaa quba hinqabu jedhu.

Akka ibsa Dr. Nuraddiinitti, ilkaan irraa saamudni fudhatamee kan ilaalamus ni jira. Kunis qulqullina ilkaaniin walqabatee dogongora qabaachuu danda'a jedhu.

BBC'n umrii Kolonel Rijaal hangfa yoonaatti mirkaneffachuu hin dandeenye.

Tarii Kolonel Rijaaluun, umuriisaanii gama saayinsaawaa ta'een mirkaneeffachuuf biyya alaa deemuu qabu jechuudha.