'Oolmaa manni barnootaa keenyi nuuf oole ni deebisna'

Isin waa'ee mana barnootaa itti barattanii of duuba deebitanii yaaddanii beektuu?

Namoonni duraan mana barumsaa Garba Gurraacha Sadarkaa 2ffaatti baratan mana barumsaa itti barataniif kompitara 40 fi maashina printii fi footoo kooppii bitanii kennan.

Godina Shawaa Kaabaatti kan argamu manni Barumsaa Garba Gurraachaa,

Namoonni kunneen marii karaa miidiyaa hawaasummaatin walii taasisaniin yeroo ji'a tokko keessatti birrii kana kan walitti qaban yoo ta'u, kanneen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatanidha.

Namoota gumaacha kana qindeessan keessaa tokko kan ta'e obbo Balaay Baayyisaa, yaanni kuni hiriyaa isaanii biyya Kaanaadaa jirurraa akka madde hime.

''Mucaan hiriyaa keenya kan biyya Kaanaadaa jiraatu Kaffaaloo Kabbadaa jedhamutu yeroo biyya dhufe mana barumsichaa seenee ilaaleetu, manni barumsaa kuni rakkoo baayyee akka qabu argee nutti hime," jedha.

Suura ijoollee hedduu kompitara tokko irratti walgahaniifi kan biroo rakkoo mana barumsichaa mullisu kaasees miidiyaa hawaasummaa kanarratti akka gadhiifamu godhe.

Sanaan booda achumarratti waliin mari'achuun herreegni gumaachi itti walitti qabamu banamee ji'a tokko keessatti namoonni 50 kennaa kana binnee mana barumsaa keenyaf gumaachine jedhan obbo Balaay.

Namoota gumaacha kanarratti hirmaatan keessaa tokko kan tahan Obbo Taayyee Danda'aa gamasaanitiin rakkoo qindoominaa yoo ta'e malee humni barate hawaasa isaatiif badhaadhina kana caalu fiduu ni dandaha,'' jedhan.

''Manni barumsaa kuni hayyoota, abbootii qabeenyaa fi namoota gurguddoo hedduu omishe.

Garuu sababa qindoominaa fi waldubbisa dhabuutin olmaasaatif waan malu hin arganne. Humni barate waldubbisee hojjennaan waan xixiqqaa kanaa olitti waan ummata keenya fayyadu guguddaa hojjechuu ni dandeenya," jedhan.

Daayirektara mana barumsa sadarkaa 2ffaa Garba Gurraacha kan tahan Obbo Ayyalaa Aannoo, manni barumsichaa rakkoo kompitaraa cimaa akka qabuu fi kennaan amma argatan kuni qulqullina barnootaa dabaluuf ni gumaacha jedhan.

"Amma dura barattoota dhiisii barsiisaanuu kompitara fayyadamu hin qabu. Amma kompitara arganne kana barsiisonnis barattoonnis irratti waan fayyadamaniif qulqullina barnootaa dabaluufuu nu utuba. Baayyee itti gammanne," jedhu.

Mana barumsichaatti kutaa 9ffaa barachaa kan jiru Hundeessaa Bacharee, yeroo barnoota ICT kompitara tokkorratti nama 15 hanga 20 taanee waan barannuuf hubannoo gahaa ta'e argachaa akka hin turre hima.

"Yeroo dabaree ICT namuma dura teessoo qabatetu kompitara tuttuqee waan jedhame hojjeta. Barataa garri caalu dhaabbateetuma ijumaan ilaalee baha malee carraa tuttuqee shaakaluu hin argatu," jedha.

Kompitarri amma manni barumsa isaanii argate kunis carraa itti fayyadaman waan isaaniif uumuuf hedduu akka gammades hima.

Barattoonni mana barumsichaatti dur baratan har'a deeggarsi nuuf godhan boru nutis mana keenya kanaaf akka yaannee gargaarruuf fakkeenya gaarii nuu ta'eeras jedhe barataa Hundeessaan.

Namoonni mana barumsichaatiif kompitara gumaachan kunneenis deeggarsi kuni kan jalqabaa akka ta'ee fi fuula duratti namoota hedduu hirmaachisuun mana barumsichaa akka deeggaruuf karoorfatan BBCtti himaniiru.