Barnoota hidhamtoota Keeniyaatiif carraa lammataa uumaa jiru

"Yeroon mana amala sirreessaa kana dhufu waa'ee kompiitara hin beekuun ture. Amma garuu, waan fedhe hojjechuu nan danda'a. Kompiitara siif uumuu nan danda'a yoo feete," jetti dubartii Dorkaas jedhamtu mana amala sirreessaa Keenyaa keessa jirtu tokko.

Doorkas dubartii umrii waggaa afurtamii-afuriiti. Meeshaa Kompiitarri akka hojjetu taasisu Siipiiyuu (Central processing unit) kompiitara qabeenya mana sirreessaa tokko addaan hiiktee faayidaa meeshaalee elektirikaa kompiitaricha keessaa michuuwwan ishii haaraadhaaf ibsiti.

Doorkas sirreeffamtoota seeraa mana amala sirreessaa eeggumsa cimaa Laangaataa laakkofsaan dhibba-shan caalan keessaa ishii tokko.

Manni amala sirreessaa dubartootaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayroobii keessa jiru isa kana qofa.

Sirreeffamtoonni muraasni hidhaan hanga waggaa lamaa kan itti murtaa'eef meeshaaleefi omishoota adda addaa kan akka lawuuzii yookaan ocholoonii fa'a qarqara daandii irratti otoo gurguran too'annaa jala waan oolaniif.

Kanneen biroo ammoo yakkoota gurguddoo akka ajjeechaa, saamichaafi hookkara keessatti hirmaatan jechuun himatamanii hidhaan umrii guutuu warra itti murtaayeedha.

Yakki isaanii yakka gosa kamiiyyuu ta'us, qorannoon istaatistiksii Manneen Amala Sirreessaa Keeniyaa bara 2014 bahe akka ibsutti, sirreeffamtoota hundumaa keessaa dhibbeentaan jaatamaa hanga saddeettamaa yoo gadi lakkifamanis kanneen yakka hojjetanii deebi'anii mana sirreessaa galaniidha.

Agree Mokaayaa dargaggeessa umrii waaggaa soddomii-tokkooti. Kutaa mana amala sirreessaa tokko fuuldura dhaabbateera. Sirreeffamtoonni kompiitaroota marsanii koodii walxaxaa iskiriinii kompiitaraa gurraacha irratti barreessu.

Inni teeknoolojii sagantaa bayyanachiisuu irratti xiyyeeffatee hojjetu Cheenj Hab(Change Hub) jedhamu nama hundeesseedha. Yuunivarsiitii Qonnaa Joomoo Keeniyaataa keessatti ammoo barattoota deeggaruuf barsiisaa (tutorial fellow) ta'ee hojjeta.

"Dhimmichi dhimma namootaaf carraa lammaffaa kennuuti," jedhe. "Dhimmichi faayidaa isaan kanaan dura diinagdee keessaa otoo hin argatiin turan diinagdee keessa galanii akka argatan carraa kennuufi kan ilaallatuudha."

Cheenj Hab, koodiingii hojjechuu fi marsariitii (website) uumuu irraa hanga kompiitara suphuutti dubartoota kanneen barsiisa.

Teeknoolojii akka baran gochuun kuni Keeniyaa keessatti sirreeffamtoonni mana amala sirreessaatii bahanis yeroo biroo yakka hojjetanii sadarkaa gara mana amala sirreessaa ittiin deebi'an ni xiqqeessa jedhee amana Agreen.

"Namni kanaan dura itti murtaayee hidhamee bahee fi kan kanaan dura gonkumaa yakka rawwatee hin beeknes, ija seeraatiin lameenuu tokkuma," jedhe.

"Kanaafuu, ija diinagdeetiin, ija hojii uumuufi ija carraatiinis akka tokkotti ilaalamuu qabu jedheen yaada".

"Waan isaan ofiif hojjetachuu danda'an keessa akka hin galle carraafi hiree yoo dhoowwanne, akka isaan hin milkoofneef daandii kan mijjeessine nuyi jechuudha."

Doorkas forjidii hojjechuun himatamtee hidhaan waaggaa sadii itti murtaawee ture. Waggaa tokkoo fi ji'a jaha erga hidhamte booda Onkoloolessa bara 2018 kana keessa ni baati.

"Abbaan manaa koo narraa du'eera. Ijoollee shan qaba. Kanaaf,anaaf wanti guddaan gara ijoollee sanneenii deebi'ee deemuu caalu hin jiru,"jette.

Hojii daldalaa ishii haaraa uffataa tolchuu (New dress making business) yeroo mana amala sirreessaatii baatu jalqabuuf yaaddeef qaata marsariitii (website) uumatte.

"Waan konkolaataa hin qabneef jecha dhukkee yookiin awwaara keessa asii fi achi abadan lafoo hin deemu," jechuun dubbatte.

"Kuni jiruu koo ni jijjiira.Yeroo fi maallaqas ni qusadha.".

Akka Abokaatoon Mana Murtii Olaanaa Achiyeeng Oreeroo (Achieng Orero) jettutti, sirni haqaa Keeniyaa, bayyanachiisuu caalaa baay'innaan adabbii irratti kan xiyyeeffatuudha. Kanaaf jecha haalli kun geeddaramuu qaba.

"Carraaqqiin tokkummaa fi hubannoo gahaa bu'ureeffate sirreeffamtoota seeraa bayyanachiisuuf taasifamaa jira jedhee hin yaadu," jette.

"Hojii bayyanachiisuu itti eda'uu yoo hin taane ammoo ilaalcha adabbii bu'ureeffate irraa fagaachuun baayyee barbaachisaa dha. Sababni isaa immoo; hammamuu turus namoonni mana amala sirreessaa turan bahuun hin hafu waan tayeef, haala kanaan deeggaruudhaan namoota hawaasa isaaniitiif baay'ee fayyadan akka ta'an ijaaruu fi cimsuun dansaa waan ta'eefi."

Magaalaa Naayroobii bakka wayiitti, alwada yookiin kushiinaa xinnoo ho'ituu keessatti dubartiin umrii waggaa soddomii-shanii Rahaab Niyaawiiraa of eeggannoon keekii mi'aawaa kireemiin irra dibame hojjetti.

Sababa saamicha humnaatiin himatamtee erga itti murtaa'e booda waggoota jahaaf mana sirreessaa Laangaataa keessa turtee bara darbe gadi lakkifamte.

"Wanti fokkisaan mana amala sirreessaatiin wal madaalchisuu dandeettu tokkollee hin jiru.Manni amala sirreessaa bakkee hamaa eenyullee seenuu hin malleedha. Garuu,anaaf iddoo itti of hubadhee kallattii jijjiiramaa itti qalbeeffadhe naaf ta'eera," jette.

Rahaab amma daldala nyaata tolchuu(baking business) qabdi. Intala ishii fi ilmaan ishii lameen gara kaampaanichaa fiduuf karoora qabdi.

"Marsariitiin koo,daldala kootiif humna olaanaa (superpower) naaf ta'eera jechuu ni danda'a. Keeniyaa keessatti essattiyyuu maamiltootaa haaraan toora intarneetii irratti akka walqunnamu na gargaareera." jette seeqachaa.

Marsariitii ishii kan uumatte waytii mana amala sirreessaa turteedha. "Karaa Cheenji Habiitiin wantoota heddu baradheera. Akkaataa fayyadama kompiitaraa kanneen akka HTML, CSS fi Jaavaa iskiriiptii (Javascript) fa'a irratti beekumsa argadhee jira. Marsariitii kootiif wantoota hundumaa ofii kootii koodii isaa hojjedhe."

"Amma wogguu mucayyoon too akkanatti na argitu,baay'ee booninsi natti dhagahama."

Teeknoolojii kanaan walbaruun kuni yeroo dubartoonni mana amala sirreessaatii gadi lakkifaman jireenya isaanii bu'urarraa akka jijjiiruu danda'u amana, Agreey.

"Teeknoolojiin walqabatees garaagarummaan koorniyaa jidduu ni jira," jedhe dubartoota sirreeffamtoota seera irratti maaliif akka xiyyeeffate wayta gaafatametti.

"Jireenyaa dubartii takkaa fooyyessuu irratti dhiibbaa fiduu danda'e taanaan, miiraa dammaqiinsaa dadammaqsuudha garaagarummaa fiduudha jechuudha. Ijoolleen ishiis daa'imummaadhaan pirogiraamiingiidhaan akka wal baraniif carraa bayeessa ta'a."

Itti fufiinsa isaa

Agreey Dubartoota sirreeffamtoota seeraa Keeniyaa tilmaamaan kuma saddeet ta'an dhaqqabee fayyadamtoota gochuuf jecha Cheenj Habiin babal'isuuf madda maallaqaa barbaadaa jira.

Hanga ammaatti sirreeffamtoonni seeraa diigdamii-tokko mana amala sirreessaa Laangaataa keessatti barnoota sagantaa isaa kana keessa darbaniiru.

Kaampaaniiwwan sirreeffamtoonni seeraa koodii akka hojjetanii fi piriintaroota garsadee(3D) fayyadamuun wantoota adda

Sana booda,Cheenj Habii gara manneen amala sirreessaa biyyattii mara keessaan gahuufis yaada qaba.

"Pirojektii teeknoolojii irratti hojjechuu akka barbaaddu yeroo ati dubbattu,namni martuu 'maaliif mana amala sirreessaa dhiirotaa yookiin mana amala sirreessaa daa'immanii bira hin deemne?' siin jedhu.

"Anis erga dhageeffadhe booda,sirriidha barbaachisaadha ,garuu kan dursi kennamuufii qabuu otoo hin taane sadarkaa lammaffaadha jedhaan.Mana Amala Sirreessaa dubartootaa keessatti takkaa waan milkaawaa hojjechuu dandeenyaan,isaan kaan bira ni geenya."

Qophiin BBC kuni deeggarsa maallaqaa Faawundeeshinii Biiliifi Meeliindaa Geetisiin hojjetame.