Yuunivarsitoota dhaabbilee barnoota olaanoo jedhuuf rakkisan

Yeroo garagaraatti hanqina qulqullina barnootaatiin walqabatee, mootummaan Itoophiyaa qulqullina barnootaa caalaa yunivarsitoota babal'isuun barattoota heddumminaan eebbisiisuuf xiyyeeffannaa olaanaa kenna jedhu qeeqxxoonni.

Yuunivarsitiiwwan haarawa dabalatee wayita ammaa kanatti Itoophiyaa keessa yunivarsitoonni gara 50 ta'u jiraachusaanii ragaaleen ni mul'isu. Kanneen keessaayis 11 kan bara kana hojii eegalaniifi kanneen yunvarsitii dhaloota arfaffaati (fourth generation) jedhamaniidha.

Yunvarsitoonni duraan ijaaramanis rakkoolee misooma bu'uuraa qabaatanilleen, kanneen haaraa ta'an irratti ammo akka hammaatu dubbatama.

Yunivarsitiiwwan osoo hojii ijaarsaa isaanii hinxumuramiin, dallaa osoo hinqabaatneefi haalloonni kan fakkaatan hingutamneef hojii eegalan barsiistootaafi hawaasa yunivrsitichaa walii galatti rakkoo ta'aa jiraadhu dubbatama.

Dhiheenya kanas Yunivarsitii Miizaan Teeppiitti barattoota shamarranii irraatti yaaliin dirqiin gudeedu gahuunsaa ni yaadatama.

Rakkinichis kan qofa miti. Guutamu dhabuun bu'uuraalee misoomaa haala baruu barsiisuu yunvarsitootaa irratti dhiibbaa taasisaa jiraachusaa ni himama.

Barattoota Yuunivarsitii Poppoo fayyadaman

''Manni fincaanii bakka bulmaata barattootaa irra fageenyaatti qorqoroonni kan ijaarame waan ta'eef, barattoonni alkan bahuun mana fincaaniitti fayyadamuuf ni rakkatu. Kanaafuu poppoo kan bitatn jiraachusaanii nan beeka'' jechuun BBC'tti kan hime, Yuunivarsitoota haaraa banaman keessatti kan ramadamu Yuunivarsitii Wollootti digiriisaa jalqabaa hanga lammaffaa kan barate Iyyaasuu Amaaree dha.

Akka Iyyaasuun jedhutti, manni fincaanii barattoota dhiiraafis ta'e kan dhiirootaaf kan mijatu miti. Sadarkaan qulqulinna isaanii baayyee gadaanaadha. Kunis haala waggoota torban darbaniif osoo hinfooyya'iin jirudha.

''Kan nama dhibu lafa nyaata barattootaatti bishaan hindhiyaatu ture,'' jedha Iyyaasuun.

Kanaan dura Yuunivarsitii Finfinnee jala kan tureefi amma kan of danda'ee Yuunivarsitiin Salaalee waggoota lama dura hojii baruufi barsiisuu eegale. Barsiisonni yuunivarsitichaa maqaansaanii akka eeramu hinbarbaanne tokkos, rakkoon bishaanii mooraasaanii keessatti yaaddoo hamaa ta'uu dubbatu.

''Rakkoon bishaanii waan jiruuf bootteedhaan fidanii boolla bishaanii doormii barattootaa jala jirutti guutu. Barattoonni bishaan haala kanaan dhiyaatu kana dhuguus akkasumas huccuu miiccatu, qaamas dhiqatu'' jedha barsiisaan kun.

Haaluma walfakkaatunis Yuunivarsitiin Maqdalaa Hambaa naannoo Amaaraatti bara kana barattoota 1,500 ni simata.

Yuunivarsitichatti barattuu damee barnoota saayinsii mukeenii kan taate Abbabach Masfin, yuunivarsitichi haarawaafi dallaa illeen akka hinqbne dubbatti.

Kana malees daandii keessoo yunivarsitichaa ijaaruuf lafti qotamusaaniitn walqabatees, yeroo bonaa awwaara tibba roobaatti ammoo dhoqqeesaatiif socho'uuf baayyee rakkataa jiraachu dubbatti.

Oromiyaattis Yuunivarsitiin Danbi Doolloo bara 2010 baatii Sadaasa keessa barattoota 1,500 simatee barsiisuurratti argama.

Barattoonni BBC'n dubbisees gama barnootaatiin wanti gaariin jiraachuu isaa himanii, hanqinni laaboraatoorii, manneen kitaabaafi bishaanii jiraachuun isaa barnoota isaaniirraan dhiibbaa taasisaa jiraachuu dubbatan.

Barattuu Damee Saayinsii Kompitaraa kan taate Meetii Tashoomee, ''Hanqinni kompitaraa waan jiruuf barnoota nu barbaachisu sirriitti argachaa hinjirru'' jetti.

''Kompitara tokkorratti heddummaannee baranna, gaaffii yoo dhiyeessinus, yuunivarsitii biroos haalli walfakkaataan jiraachuu nutti himuurraan kan hafe deebiin quubsaa hin argannu'' jetti Meetiin.

Dhiyeessiitii barattootaaf barbaachisan kanneen akka bishaanii, mana yaalaa, suuqiifi iddoowwan bashannanaa jiraachu dubbata. Kana malees dallaan yuunivarsitichaa sirriitti ijaaramuu dhabuufi nageenya naannootiin walqabatee rakkoowwan jiraachuus dubbatti Meetiin.

''Dhugaatiif bishaan alaa bitanna. Kan ittiin uffata miiccannu ammoo bootteedhaan torbeetti al tokko nuuf fidu. Isayyuu sa'atii daree seennufaatti waan fidaniif nu jala darbuufaa danda'a. Mooraanis magaalaarraa fagaatee waan argamuuf waan barbaannu baanee bitachuufillee baayyee rakkanna'' jetti.

Yuunivarsitiin Danbi Doolloo Yuunivarsitiiwwan toora tokko jiran kan maqaa 'Fourth Generation' jedhaman 11 keessaa sadarkaa fooyyee qaburra jiraachuusaa kan dubbatan Hoogganaan Quunnamtiii Hawaasaa Yuunivarsitii Danbi Doolloo Dr. Waaqtolaa, hanqinoota yuuniversitichi qabu durumaanuu wayita eebba isaa bakka Ministira muummee fi Pirezidaantiin naannoo akkasumas, ministirri barnootaa argamanitti meeshaaleen hanqatan akka nuuf guutaman gaafannee turre. Garuu ammallee abdii hin kunnee jedhu. Sababa hanqina meeshaaleetiin hojiin baruu fi barsiisuu akka hin gufanneef hojjechaa jiraachuus dubbatu.

Barachuuf ba'anii balaarra bu'uu

Iyyaasuun rakkoon hojii baruu fi barsiisuu miidhaa jiru hanqina bishaanii qofa osoo hin taane wantoonni guutamuu qaban hedduun jiru jedha.

Gamoowwan ijaaramaa jiran bishaan obaasuuf jecha boolla bishaanii bakka bakkatti qotamee ture, ija barattootaa duraa waan haguuganiif, barataan tokko boolla akkasitti qotame seenee yeroo dheeraa booda du'ee dhagaa gidduudhaa argamuus ibseera.

Rakkoowwan akkanaa furamaa waan hin jirreef har'allee barattoonni boolla haala kanaan qotame keessa seenanii cabaa jiru jedha Iyyaasuun.

Yuuniversitii Maqdalaa Ambaatti dhimma tajaajila barattootaarratti hoogganaa kan ta'an Birhaan Shimallis manni shaayee barattootaallee akka hin jirre dubbatan.

Barsiisonni Yuunivarsitii Salaaleerraa dubbisne rakkoon misoomaawwan bu'uuraa jireenya barattootaa qofa kan miidhu osoo hin taane hojii baruu fi barsiisuullee gufachiisaa jira jedhan.

Hanqinni meeshaalee barnootaa, barnoota gochaan deggerame akka hin kennine taasieera kan jedhan barsiisonni kunneen kunimmoo qulqullina barnootaarratti dhiibbaa qabaachuu eeran.

Deebii Ministeera Barnootaa

''Yuunivaritiiwwan barana ijaaramanis ta'e, walumaagalatti kanneen 'Fourth Generation' jala jiran haaraa ta'uusaaniirraa kan ka'e guutummaatti misooma bu'uuraasaanii guutuun hindanda'amu'' jedhan Ministira Barnootaatti Daarekatarri Daarektoreetii Kommunikeeshinii Aadde Haraguwaa Maammoo.

Yuunivarsitoota tokko tokkotti akkuma guutamaa jiran, isaan kaan keessattis irraa jalaan wantoonni barbaachisan akka guutamaniif mootummaan hojjechaa jira jedhan.

Yeroo darbe yakka gudeeddii barattoota shamarranii Yuunivarsitii Miizaan Teeppii irra ga'e ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef, ''Naannoo sana bishaan akka hinjirree fi yuunivarsitichis rakkina walfakkaataa waan argamuuf rakkoo bishaaniif saaxilameera. Haa ta'uutii rakkoon walfakkaatu irra deebiin akka hin mudanneef hooggantoonni yuunivarsitii hubannoo ga'aan akka hojjetan walii galameera'' jedhan.

Yuunivarsitiiwwan haaraan hedduun barattoota muraasa simatanii hojii eegalan, maaliif hanga xumuramanitti barattoonni yuunivarsitii biraatti akka ramadaman hin taasifamne gaaffii jedhuuf, ''Yuunivarsitiiwwan haaraa hojii eegalsiisuuf barattoota simanneerra. Isaanis hedduunsaanii of danda'anii haala gaariin barnootasaanii hordofaa jiru. Bakka rakkoon jiruttimmoo xiyyeeffannaan hojjennee furra'' jedhan.

Yuunivarsitiiwwan hedduun erga eebbifamanii hojii eegalanii booda, ministeera barnootaas ta'e qaamni dhimmi ilaalu hundi itti fufiinsaan hordofuu irratti rakkoon akka jiru irra deddeebiin ni ka'a.

Aadde HAraguwaan ammoo dameen dhaabbilee barnootaa olaanoo waggaa guutuu yuunivarsitootaa irratti hordoffii akka taasisuufi kan tajaajilaa jiruudha jedhu.