Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoggantoota Afrikaa bara dheeraaf aangoorra jiran jaha
Afrikaa keessatti anga'oonni fincila uummataan malee ofiin aangoo yoo gadi dhiisan arguun hin baramne.
Kanaafis Roobarti Mugaabee kan Zimbaabwe, Mu'amar Gadaafii Libiyaa akkasumas Omaar Al Bashir kan Sudaan kan kaleessa aangoorraa kaafaman eeruun ni danda'ama.
Aangoo'anni Afriikaa bara dheeraaf aangoorra jiran eenyu fa'ii?
Tiiyoodor Gu'emaa Baasoog,Iquwatoriyaal Giinii
Tiiyoodor Gu'emaa Baasoog bara 1971 irraa qabee hanga har'aatti biyya isaanii hogganaa jiru. Kunis waggoota 40'f jechuudha.
Gara aangootti kan dhufanis erga eessuma isaanii irratti fonqolcha raawwataniin booda ture.
Eessumni Tiiyoodor yakka tibba aangoorra turan raawwataniiru jedhameef murteen du'aa itti murtaa'eera.
Hogganaan kun mormiitoota mirga namoomaa idil-addunyaatiin hogganaa 'garaa jabaataa' jedhamuun eeramaniiru.
Qabeenya biyyattii saamuun biyya Faransaayiitti mana ijaarrattaniiru, konkolaataa gatiin baay'ee qaalii ta'e bitatan jedhamuunis motummaan qoratamaa jiru.
Ilma isaanis pirezidaantii itti aanaa biyyattii taasisuun mudaniiru.
Ilma isaas qabeenyaan maqaasaatiin galmaa'e hundi qabeenya biyyattii hatameedha jechuun mootummaan Ameerikaa dhimmicha gara mana murtiitti geessuulleen, ilmi Tiiyoodor garuu qabeenyicha kanan horadhee karaa seera qabeessa jechuun mormaa jira.
Pool Biiyaa,Kaameeruun
Pool Biiyaa bara 1975 irraa kaasee waggoota 44'f pireezidantii biyyattii ta'uun hogganaa jiru.
Tibba sanatti pirezidantii biyyattii kan turan Ahimad Ahidijii waliin walitti dhufeenyaa garii qabaachaa kan turan Biyaan osoo akka pirezidaantiitti hin filatamiin dura Ministira Mummee ta'un biyyattii tajaajilaa turan.
Seerri biyyatti yeroo sana tures ministirri mummee pirezidaantii itti aanu ta'a jedha ture.
Haaluma kanaanis pireezidanti Ahiidijoon haala hin eegamiin aangoo waan gadhiisaniif Biyaan gara aangootti dhufan.
Biyaa irratti bara 1976 yaaliin fonqolchaa irratti yaalamu illeen osoo hin milkaa'iin hafeera.
Hoggansi Biyaa osooma mormiin biraa hin hafiin yeroo 7ffaaf filannoo mo'achuun biyyattii bulchuu itti fufaniiru.
Yuweerii Museevenii,Yugaandaa
Yuweerii Kaagutaa Museevanii bara 1976 irraa kaasee waggoota 43'f pirezidantii biyyattii ta'uun hogganaa jiru.
Museeveniin gara aangootti kan dhufan hogganaa biyyattii gara jabiinaan beekaman Idiyaamiin Daadaa aangoorraa arii'achuun ture.
Tibba gara aangootti dhufan tarkaanffiiwwan fudhataniin biyyoota Awurooppaa biratti fudhatama argatanii turan.
Bu'aan gama dhukkuba HIV Eedsii ittisuun galmeesisaniif jajamaniiru.
Gareen 'Loord Reziztaansi Armii' jedhamuun beekamuufi Kaaba biyyatti dabalatee biyyoota akka Sudaan fi Kongoo keessa bal'iinaan sochu'u Museeveniitti danqaa ta'ee tureera.
Gareen nama Jooseef Konee jedhamuun hogganamu kun Yugaandaan sirna dimokiraasii fi ajajawwan kitaaba qulqullu 10niin akka hogganamtuuf kan qabsaa'uudha.
Loltoonni Museevenii fi Ameerikaas hogganaa garee kanaa kan ta'e Jooseef Konee ajjeesuuf yaalii hedduu taasisanis garuu eessa akka jiru hin beekamu.
Museeveniin tibbanas turtii aangoo pirezidaantii heera motummaa biyyattii irratti kaa'amee ture geeddaruudhaan aangoorra turuuf yaaliin taasisan mormii cimaan mudate ture.
Idiiriis Deebii,Chaad
Idiriis Deebii Itiinoo waggoota 29 darbaniif pirezidantii Chaad ta'uun hogganaa jiru.
Pirezidaant Idiriis gargaarsa Ameerikaa fi Faransaayiin gara aangootti kan dhufan, pirezidantii biyyatti ka yeroo sanaa Haayiseene Yaabiree aangoorraa buusuun ture.
Gara aangootti dhufanii waggoota jahaan booda paartilee ijaaruun filannoo biyyaaleessaa mo'ataniiru.
Deeggarsa uummataa gadi aanaa akka qaban kan himamu Deebiin, biyya caalaa goosa ofii dursuu jedhamuun qeeqamu.
Dhukubni tiruu gara biyya Faransaayiitti kan deddeebisu pirezidant Deebiin dhiheenya kanas seera olaantummaa isaanii dabalu labsaniiru.
Isaayyaas Afawarqii,Eertiraa
Turtii gaazexessitoota waliin taasisaniin gonkumaa waa'ee ofiisaanii dubbatanii kan hin beekne pirezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, waa'ee isaanii kan beeku namoota muraasa qofadha jedhama.
Isaayyaas Afawarqii bara 1936'tti magaalaa Asmaraatti dhalatan.
Barnoota isaanii sadarkaa lammaaffatiin qabxii olaanaa galmeessuu isaanitiin Yunivarsitii Kolleejjii Hayila Sillaase kan amma Yunivarsitii Finfinnee jedhamutti barnoota Injinariingi eegalan.
Bara 1958'tti barnoota isaanii adda kutuun Adda bilisa baasaa Eertiraatti makamuuf gara Sudaan imalan.
Isaayyaas Afawarqii miseensa addichaa kan turan Saabaa Hayilee waliin gaa'ila dhaabbachuun ijoollee dhiiraa lamaa fi intala tokko godhataniiru.
Hogganaa Afrikaa aangoorra bara dheeraaf turan qofas osoo hin taane, aanga'oota hojjaadhaanis dheeraa jedhaman keessaa tokkodha.
Murtee hawaasaa bara 1985 booda pirezidantii fi barreessaa muummee Mana Maree Biyyaaleessaa Eertiraa kan jalqabaa ta'an.
Kunis qaamoolee haqaa fi hojii raawwachiftuu aangoo isaanii jala akka olfatan gargaareera.
Addi pirezidanti Isaayyaas Afawarqii hogganan dhaaba siyaasaa biyyattii keessatti argamu isa tokkicha.
Bara 1989'tti heerri mootummaa raggaasifamee tures osoo hojiirra hin olfamiin hafeera.
Mootummaan Eertiraa Isaayyaas Afawarqii hogganamaa jiru yeroo adda addaatti mirgoota namoomaa cabsuufi biyyattii keessatti jijjiiramni dimookiraasii akka hin dhufne gochuun komatamu.
Deeniis Saaso'u Naagu'eesoo,Rippabliika Dimokiraatawaa Kongo
Deeniis bara 1970 keessa ture akka pirezidantii biyyatiitti waraana biyyattiin kan muudaman.
Ergasiis filannoo waggoota 14 booda gaggeefameen mo'ataman.
Haalli kunis fudhatamuufi kan dide Deeniis Saaso'u waggoota shaniin booda wal waraanaan gara aangootti deebii'an.
Filannoo waggoota sadiin dura gaggeefameenis yeroo 7ffaaf mo'adheera jechuun aangoosaanii qabachuun taa'aniiru.
Gara waggoota 38'tiif aangoorra kan turan Deeniis ammas bara aangoosaanii dheereffachuuf jecha heerri mootummaa biyyattii akka fooyya'uu taasisuun isaanii baay'ee qeeqaaf isaan saaxileera.
Koloneelli kuni warreen Awurooppaa boba'aa akka baasaniif hayyamuun beekamu.
Kana qofaas osoo hin taane Deeniis malaammaltummaan hamatamaa jiru.
Manni murtii Faransaayis Deeniis biyya Faransaayiitti mana viillaa fi konkolaataa qabuu jechuun himannaa irratti dhiyaate akka qoratuuf ajajni kennameera.