Itoophiyaan 'CHAN bara 2020 keessummeessuuf qophii miti'

Madda suuraa, Getty Images
Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa biyyattiin dorgommii kubbaa miilaa Chaampiyoonshiippii Biyyoota Afrikaa (CHAN) bara 2020 keessummeessuuf qophii ta'uu ishii shakkii akka qaban himan.
Pireezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa qophiin biyyattii boodatti harkifateera jedhan.
"Istaadiyeemonni qophii miti, ammoo bara dhufu bara filannoon biyyaalessaa gaggeefamu waan ta'eef tapha kana keessummeessuun nutti cima" jechuun BBC Sport'tti himaniiru.
"Akka pireezidantiitti yaaddoon qaba, keessummeessuuf fedha qabaanullee qophii barbaachisuu yeroo xumuruu danda'uu keenya nan shakka."
Obbo Isaayyaas jira bara darbe erga CAF Itoophiyaan tapha kana akka keessummeesitu murteessee booda gara aangootti dhufan.
Gareen CAF haala qophii biyyattii xiinxalu baatii tokko dura gara Itoophiyaa dhufee ture kan jedhan Obbo Isaayyaas, bu'aa xiinxala isaanii gadi hin dhiisne jedhu.
Dorgommiin CHAN kan taphattoonni biyya keessatti taphatan qofti irratti morkatani.












