Fayyisaa Lalisaa: ganna lama booda badhaasa Olimpiika Riyoo fudhate

Madda suuraa, PM OFFICE
Sirna affeerraa irbaataa masaraa mootummaatti kaleessa galgala qophaa'een MM Abiy Ahimad atileetota, leenjistootaafi hoggantoota garee shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa 43ffaa irratti hirmaatan galateeffatan.
Atileet Fayyisaa Lellisaanis injifannoo Riyoo irratti argateef kabaja addaan badhaafameera.
Fayyisaan badhaasa kana fudhachuu koon otoo hin taane kaayyoon ani baheef galmaan gahee biyyatti deebi'ee kana arguu kootti gammachuun guddaa natti dhagahame jechuun BBCtti himeera.
Badhaasni atileetota biroof waggaa lama dura yeroo kennamu maatiinsaallee ilaalcha yeroo sana jiruufi sababa garaagaraan fudhachuu akka hin dandeenye dubbata.
Atleetichi badhaasa qarshii 500,000 akka argate himuun, qarshichi otoo inni hin yaadiin kan dhufe yoo taheyyuu, ammaaf maalirra akkan oolchu hin barre jedheera.

Madda suuraa, PM OFFICE
Affeerraa irbaataa kanarratti Ministirri Muummee Abiy ''Rakkoo biyyaa ilaalchisee sona xiyyeeffannoon wal-dhaggeefatanii hojjechuufi obsaan dorgommii mo'achuu atileetota irraa barachuu qabna,'' jedhaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa barii Dilbata yeroo hundas daandii naannoo isaanii qulqulleessuun faalamarraa akka eeganiifi eenyummaa isaaniis hamminarraa fageessanis yaadachisaniiru.
Haala addaan kan badhaafame Atileet Fayyisaas, MM Abiy Ahimad waliin masaraa mootummaatti kana durallee akka wal argan dubbata. Marii addaa garuu akka hin taasifne himeera.
Masaraa mootummaatti, ministira mummee dabalate, pireezidaantii biyyattiifi atileet Daraartuu Tulluu wajjin harka wal qabachuun injifannoo argame akka kabajan dubbateera.
Erga biyyatti deebi'ee sababa dhukkubaafi qilleensa wajiin wal baruu dhabuun, dorgommiiwwan garaagaraa irratti hirmaachuu akka hin dandeenye dubbateera. Dorgommii Maaraatoonii sadiis haquusaa dubbateera.
Hanga Fulbaana dhufuutti dorgommiin maaraatoonii waan hin jirreef, hamma qaamni koo naa fayyuutti boqonnaa fudhadheen leenjiitti deebi'a jedha.
Karoora shaampiyoonaa atleetiksii addunyaa irratti maaraatooniidhaan figuuf qabus ulaaagaa guutuu waan hin dandeenyeef akka hin dorgomne dubbateera Fayyisaan.














