Kalaqxoota BBC: Barattuu Haannaa aadaa loon irraan utaaluu warra Hamar, aappiitti geeddarte

Dhaabbanni idil addunyaa 'UN Women' barattoota shamarranii biyyoota afriikaa 33 irraa walitti qabuun dhaadannoo 'African Girls Can Code' jedhu jalatti akka teknooloojii koodiingii keessatti hirmaatan taasiseera.

Kunis ''Ijoolleen durbaa Afriikaa kood gochuu danda'u' yaada jedhu qaba.

Barattoota barnoota sadarkaa lammaffaa carraa kana keessatti hirmaatan keessaa BBC'n barattuu Appii tapha loon irra utaaluu agarsiisu kalaqxe tokko dubbiseera.

Isheenis maqaasheerraa kaasuun hojii kalaqa ishee maaal akka fakkaatu nuu qooddee jirti mee dubbifadhaa.

Maqaankoo Haannaa Waasihuun jedhama. Umuriin kiyyaa waggaa 18 yoo ta'u, kanan baradhu ammoo mana Barnootaa sadarkaa lammaaffaa Kokoba Tsi'atti. Kanan barataa jiruus kutaa 12ffaadha. Qormaata biyyaaleessaa fudhachuufan deema jechuudha.

Jalqaba bulchiinsa mana barnootaatii filatameen gara kaampii koodii 'African Girls' Camp Code Initiatives' jedhamu deeme. Koodii gochuu maal akka ta'e, bu'aa inni qabaatuuf kkf irratti hubannoo akka argannuus erga taasifameen booda waan itti gamadneef itti makamne. Maqaan Kaamipichaas 'African Girls' Camp Code' kan jedhamu yoo ta'u, ijjoollee shamarranii biyyoota Afriikaa 33 irraa babahan waliitti fideera.

Akkuman achi galeenis torban tokkoof akka hubannoo argannu erga taasifamnee booda, torbee lammaffaa irratti damee fedhii keenyaa keessatti akka hirmaannu taasifamne. Isaan booda ture egaa hundumtuu waan hojjachuu barbaadu irratti koodii kan hojjate.

Ani carraa kana nan argadha jedhee yaadee hin beeku. Ani mataan koo waa'ee yaad-rimee koodiingii baayyee gadi fageenyaan hin beekun ture. Garuu carraa kana wayitan argadhettis maatiin kiyya na jajabeessaniiru.

Koodiigiin maali?

'Coding' jechuun afaan sagantaa kompitariiti. Anis wayitan achi turetti tapha baayyee waanan jaaladhuuf kutaa tapha kompiitaraa (Gaming class) gale. Achiinis hundumti yaada mataa isaa erga dhiyeesseen booda yaadni inni mo'ate gara appii taphaatti geeddarame jechuudha. Taphichis loon irraan utaaluu 'cattle jumping' kan jedhudha. Yaad-riimeen isaas aadaa Afriikaa irratti kan hundaa'eedha.

Akka aadaa uummata tokko tokkootti namni tokko haadha warraa argachuuf loon irraan utaalee mo'achuu qaba. Yaada kana ergan dhiyeesseen booda gara taphaatti akka geeddaramu taasifamee jechuudha.Taphichaa fi asxaa dhaabbata nu leenjisee anatu hojjate. Dhaabbatichi asxaa mataasaa waan hinqabneef hundi keenya dorgomnee kan kiyya sadaffaa ba'eera.

Ani carraa kana argachuu kiyyatti baayyee gammadeera. Isaan boodas akkan ofitti amanu na taasiseera. Muuxannoo gaarii ture. Yaadni isaani nuu kennaa turan baayyee kan nama jajjabeessuudha.

Ergan waan fooyya'uu qaban hunda sirreesseen boodas wal jalaan gabaaf nan dhiyeessa jedheen yaada.

Namni hojii koodiingii hojjachuu barbaadu maal baruu qaba?

Namni tokko koodiingii hojjachuuf hunda dura fedhii qabaachuun murteessaadha. Namni fedhii qabaatee jennaan wanti hin danda'amne tokkolleen hinjiraatu. Isaan booda waan itti gamadaa hojjataniidha. Ittaansees, afaanoonni koodingi hedduun waan jiraniif isa beeku qabaata. Fakkeenyaaf, afaan ani ittiin hojjadhu 'scratch coding' kan jedhamuudha.

Akkuman duraan jedhe barana qormaata biyyaalessaa waanan fudhadhuuf kana kanan hojjadhu yeroo boqonnaa kiyyatti malee qo'annoo kiyya najalaa hin miidhu. Ganna keessa garuu xiyyeefannaa olaanaan hojjachuun barbaada.

Haaluma kanaanis marsariitii mataa kiyyaa ijaarachuun (web develop) jochuun barbaada. Gara fuula duraattiis damee qorannoo 'cosmology' ykn saayinsii qorannoo umamaa fi guddina hawaa qo'achuun barbaada.

Yaada kanas kitaaboota dubbisuu irraan argadhe. Akka kennaa ta'ees umama dinqisiifachuun jaaladha. Waan haaraa baruun barbaada. Kanaafuu adunyaa amma irra jiraanuun alatti addunyaa biyaa arguun barbaada.

Filmiiwwaniin waa'ee hawaa kan agarruu jira. Ani isaan caalaa qabatamaatti arguun barbaada. Kanaafan damee qorannoo kanas filadhee.

Akkasumas gara fuula duraatti xaba qillee gannaa biyya keenyatti bal'inaan beekamuus gara xaba koompirataati geedaruun barbaada. Byya keenya keessa xabiiwwan haadaa hedduun jiraatan illeen haala ammayyaa'aan kan qophaa'an hinjiran. Kanaafu ani gama kana irratti xiyyeeffachuun irratti hojjachuun barbaada.

Kanaafis hojiin koodingi baayyee kan na gargaaru natti fakkaata. Kanaafu ammaaf xiyyeeffannaan kiyya guddaan barnoota kirra irrati.

Eenyutu siif fakkeenya?

Akka carraa ta'ee, nammoonni naannoo kiyyatti argaman baayyee isaanii kan ICT keessatti hirmataniidha. Ergan kaampii kana keessatti hirmaadheen boodas itti himnaan attamiin carraa kana argattee jechuu naaf dinqisiifataniiru. Nas jajabeessaniiru.

Haa ta'u malee gama teknolojii ilaluun haalli biyya keenyaa baayyee cimaadha jechuun danda'a. Hawaasni mataansaa kan hinfudhanne ni jiraata. Haa ta'u malee barattoonni carraa akka kiyyaa kana yoo argatan simachuun leenjii'anii aadaa biyya keenyaa beeksisuu keessatti kan gaheesaanii bahachu danda'u jedheen amana.

Akka carraa ta'ee jaarraan nu keessati argamnuuf kan teknolojiin keessatti baballate waan ta'eef, koodiingi beekuun odeffannoo haala ammayyaa'aa ta'een bakka tokkoo gara biraatti dadabaruuf nu gargaara.

Fakkeenyaaf feesbuukii fi marsariitiiwwan itti fayyadamaa jiru kunneenis bu'aalee koodiingiiti.

Wantiin ani cimsee barttoota akka kiyyaatiif dabarsuu barbaadu, murteessaan fiixaan bahiinsa keenya numadha. Fakkeenyaaf, waan hojjachu ni dandeenya jennee keessa keenyatti amannee hunda dhugaatti ni dandeenya. Garuu kan yaadaan mo'amnee, lakkii hindanda'u jechuun dursiinee ofi dadhabsiifne yoo ta'e dhugaatti hindandeenyu.

Kanaafuu sodaa keenya hunda dhiisuun waan hojjachu qabnu irratti xiyyeeffachuun fiixaan bahiinsa nuu kenna.

Akkasumas, hawaasni jechuunis abbaa, haatii fi hawaan waliigalaa shamarran carraa akkasii yoo argatan jajjabeessuu qabuun jedha.

Gama motummaatiinis, carraan akkasii yoo dhufuu, crraan kenname jechuuf qofa guyyaa tokko ykn lama qofaaf osoo hintaane, iti yaadamee haala shamarran magaalaan alatti argaman hammatuun beeksiifamee, yeroo gahaa keessatti dhiyaachu qaban jedha.

Wantoonni barbaachisan yoo dhiyaate kan geedaranmu natti fakkaata.