Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gumaata Kaampaasii 6: Kalaqa foormulaa haaraa hanga pirojektii Oroonjiituu
Barataa Kennasaa Dastaa Godina Gujii Bahaa magaalaa Shaakkisootti dhalate. Barnootas achumatti jalqabe. Jalqabumarraa maatiin kiyya akkan karooraan qo'adhu na barsiisaniiru jedha.
Barnoota kiyyarratti xiyyeeffadhee qo'achuu kutaa gadiirraa eegaleen aadeffadhe. Barsiisonnillee haalaan nu qo'achiisaa turan, akka ofiin qo'annuufillee haala nuuf mijeessaa turan. Haala kanaan daree keessatti barnoota kiyyaan cimeen qorumsa ministirii kutaa saddeettaffaa qabxii gaarii fide.
Qabxiin ministirii akka barnoota bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaa dorgomee seenuuf na gargaare.
ALI bara 2006 Mana Barumsaa Waldaa Misooma Oromiyaa seeneen barachuu eegale. Achittimmoo akka qara baratame otoo hin taane, barataan hundinuu collee waan ta'eef dorgommii jabduutu jira.
Hunduu kitaaba haalaan dubbisee of qopheessa. Dorgommiin ture akka nuti waan haaraa argannuufillee nu kakaase.
Foormulaa Herrega haaraa
Duraan waan barreeffame dubbisee hubachuuf yaaluu malee yaada waan haaraa uumuutuu hin qabu.
Dorgommiin walbira darbuuf mana barumsaa bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaatti taasisnuu fi to'annoo fi hordoffiin barsiisotaa waan haaraa akka kalaqnuuf nu kakaaseera.
Dubbisa cimsaa wayita deemnu yaadi haaraan naaf dhufuu jalqabe, wanti hunduu naaf ife. Kitaaba herregaa Kutaa 9ffaa gara jalqabaarratti foormulaa herregaa sirna ittiin garaarummaa laakkofsaa baran bifa haaraan argadheera.
Foormulicha kutaa sagal boqonnaa jalqabaa wayita barannun argadhe. Ergasiillee foormulaan haaraan an argadhe Yuuniversitii saayinsii fi teekinooloojii Adaamaatiin beekamtiin naaf kennameera.
Anillee foormulaa koo haarawa irratti ibsa kenneera. Ittiinis barsiifameera.
Foormulaa haarawa dhiyeessee erga haaraa ta'uunsaa baramee mirga abbummaasaa argadhus, hojiin maxxansuu ykn publication na hafa.
Ta'us garuu ammallee hojii waan haaraa uumuu fi kalaqa mataa kootii Yuuniversitiittillee itti fufeera.
''Addunyaan waan haarayaan guutamtee jirti, yoo nuti fedhii qabaanne''
Barnoota wayita jennu waan barreeffamee fi waan dursee argame hunda dubbisnee fi qorannee bira ga'uun hubachuu qofa osoo hin taane karaa biraatiin hojjechuuf yaaluullee barachuu qabna.
Addunyaan keenya waan haarayaan guutamtee jirti. Waan haarayaa argachuuf garuu nuti fedhii hin qabnu, hin tattaafannullee. Wayita barannu waan uummata fayyadu hojjechuu qabna.
Uummati barataarraa waa eega. Waan barannerraa ka'uun akkaataa ummata keenya fayyaduu danda'utti mijeessuu qabna.
''Barattoota ciccimoo na waliin turan waliin dorgomuuf jecha haalaan dubbisaa waanan tureef qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa gosa barnootaa hunda 'A' fideen qabxii olaanaa argadhe.
Waldorgommiin ittuma fufee qormaata seensa Yuuniversitiillee qabxii olaaanaa fideen darbe.
Imala gara Yuniversitii Jimmaa (Kittoo Furdisaa)...
Ammaan tana Yuuniversitii Jimmaa Mooraa Kittoo Furdisaatti Muummee Barnootaa Makaanikaal Injinariingii barachaan jira.
Fedhiin koo muummee barnootaa elektiroo makaanikaalaa hordofuu ture. Ta'us garuu amma Muummee barnootaa Mekaanikaal Injineriingii waanan seeneef hedduu walirraa hin fagaatu. Kanaafuu barnoota koo si'oominaa fi ciminaan hordofuuttin jira.
''Gara gaariittis ta'e gara badaatti lufuuf mooraan yuuuniversitii carraadha''
Barataan wayita yuniversitii seenu yeroo baayyee walabummaa mooraa keessa jiruun mirqaanee kaayyoosaa dagata. Kan carraa argatetti fayyadamee daranuu bu'a qabeessa ta'ulleen jira.
Mooraan Yuniversitii carraa lama baatti. Kan si to'atu waan hin jirreef salphaattillee baduu dandeessa. Ammoo yoo carraa jirutti fayyadamte milkaa'uuf carraa guddoodha. Waanti guddaan karooraan jiraachuudha. Waan ta'uuf deemtu beekuudha.
Carraa fi gufuu mooraa Yuuniversitii
Barataan mooraa haaraatti gaafa dhufu itti baruun yeroo fudhata. Keessattuu karooraan hin sochootu taanaan haalli jiru nama fudhatee bada.
Umurii dargaggummaa keessa waan jirruuf salphaatti dogongoruu dandeenya. Garuu barnoonni barannu akka yaadnuuf waan ta'eef kaayyoo keenya bira ga'uuf karoora qabaachuu qabna.
Mooraan yuniversitii bakka waan hawaasa keenyaaf barbaachisu itti dalaguu dandeenyuudha. Nuti dhaloonni barnootarra jirru jijjiirama fiduuf of qopheessuu qabna.
Osoo abdii hin kutatin uummata keenyaaf abdii ta'uu dandeenya.
Barnootakoof xiyyeeffannaa kennee wayitan xumuru akka ogeessa Mekaanikaal Injineriingiitti hojii narraa eegamu hunda hojjechuuf qophiidha.
Kana malees damee barnootaa amma keessa jiru keessatti qorannoo adda addaa geggeessuun barattoota boodaan dhufan cimsuun barbaada. Akkasumallee qorannoowwan rakkoo hawaasaa furaniif jiruu fi jireenya hawaasaaf haala mijeessan qorachuuf fedhii guddoon qaba.
''Foormulaa Herreegaa haaraa argachuu hanga pirojektii Oroonjiituu''
Hojiin waan haaraa uumuu sirna falaasama herregaa keessatti mana barumsaa bultii addaa waldaa misooma oromiyaa keessatti eegale yeroo mara yaada waan haaraa uumuu akkan qabaadhu na kakaaseera.
Barnoota kiyya fayyadamuun akkamiin jireenya uummataaf mijeessa, akkamiin rakkoo hawaasa mudatu fura kan jedhurratti wiixinee sadarkaa yaadaatti qaba. Pirojektii 'Oroonjiituu' jedhu wiixineesseera.
Maqaan pirojektii koo kanaa Oromiyaa fi jiituu irraa dhufe. Kan irratti hojjetuuf yaadellee misooma Oromiyaati. Barnoota kiyya akkuman fuulduratti deemsisaa deemu pirojektii kanallee gara hojii qabatamaatti geeddaraa deema.
Waan baratamaa duraan turerraa kallattii haaraa fi hin baratamneen akkasumallee haala salphaadhaan hojii hojjechuuf waanan itti jiruudha.
Yaadrimeen pirojektii koo fuulduratti ifa ta'a.
*Odeessi Gumaata Kaampaasii, jiruufi jireenya barattoota yunivarsiitii hirmaachisuun BBC Afaan Oromoo irraa torbaniin altokko kan isinii dhiyaatudha. Seenaa keessanis nuuf qoodaa.
Odeessaalee dabran: