Gumaata Kaampaasii 5: 'Hojii humnaan of barsiisuu kutaa 8 irraan eegale'

"Ani dubartii ta'uu kootiin baay'ee miidhameera. Magaalaa xiqqoo ani keessatti dhaladhee guddadhe keessatti dubartootni baay'ee yeroo cunqurfaman ilaaleera."

"Umrii isaanii malee heerumanii yaadni isaanii karaatti yeroo hafus argeera. Kanaaf ammoo obboleettin koo butamtee barnootashee addaan kutte ragaa dha."

Dubistoota keenya yunivarsiitii Madda Walaabuutti barattuun mummee barnootaa seeraa waggaa lammaffaa shamarree Haagaree Tasfaayee seenaa jireenyaa fi turtii kaampaasii isheetin qophii gumaata kaampaasiif nu gumaachiteerti. Dubbisa gaarii!

Daa'imummaafi hojii humnaa

Jireenyi koo gaddaaf gammachuu akkasumas rakkoo fi miidhaa heddu itti arge godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaa magaala Hereroo jedhamtu keessatti eegalte.

Maatin keenya daa'imman sadi horatan. Amma sadeen keenyayyuu haala jireenyaa garaagaraa keessa jirra.

Yeroo daa'imummaatii hanga ammaatti waggootni jireenya kootii hojii fi barnootaan darban.

Maatin koo kununsanii na guddisuuf hanga humna isaanii tattaafatanis hojii humnaa hojjadhee ofin of gargaaruu kanin eegale barattuu kutaa saddetaffaa umriin koos waggaa 16 ta'eeti.

Yeroo kana iddoowwan ijaarsaatti hojii humnaa 'baarreellaadhaan' dhagaa deddeebisee of barsiisaa ture.

Hojiin humnaa kun cimaa waan ta'ef guyyaa hojjechaa oolee galgala barnoota koo qo'achuun baay'ee natti ulfaataa ture.

Barnoota koo kutaa 11ffaa fi 12ffaas sanbattan irratti uuffata namoota biroo miiccun maallaqa argadhuun of barsiise.

Haa ta'u malee qorumsa kutaa 12ffaa darbee yoon yunivarsiitii seene namni na gargaaru waan hin jirreef qorumsicha miira abdii kutachuun qorame.

Waadaa cabe

Hojii guyyaa hojjechaa wayitan turetti hojii ijaarsaa ogeeyyii irraa ilaalaa barachaan ture.

Sababiinsaas yunivarsiitii seenuuf yaada hin qabu ture. Yaadni kun immoo nama na gargaaru dhabuu irraa madda.

Haa ta'u malee qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa miira abdii kutachuun qorame qabxii yunivarsiitii na seensisu argadhe.

Namootni ollaa yunivarsiitii seenee barachuu akkan qabu fi baasiiwwan yunivarsiitii keessatti na barbaachisan akka na gargaaran waadaa naaf seenanii gara yunivarsiitii Madda Walaabuutti imale.

Haa ta'u malee namootni waadaa heeddu galanii gara yunivarsiitiitti na gaggeessan, namootni abdii godhadhee magaala dhalootaa koo dhiisee itti imale yunivarsiitii ergan seenee booda na cinaa dhaabbachuu hafee bilbila na jalaa kaasuu didan.

Kanaafuu akkuma yeroo daa'imummaa koo kaampaasiittis hojjedhee of barsiisuun dirqama natti ta'e.

Manneen buna jabanaa naannoo yunivarsiitiitti argaman keessaa isa tokko keessatti hojii buna danfisuu qacarame hojii eegale.

Guyyaa barnootaa yeroo hunda ganama barnoota akkuman xummureen gara mana bunaa deemun buna danfisaa maamiltoota keessumeessa.

Sa'aa laaqanaatti namootni buna dhugan waan baay'atanif yeroo baay'ee laaqana osoo hin nyaatiin gara barnootaa deebi'a.

Barnoota waaree boodaa ergan xumuree booda laaqana nyaadhee gara hojii buna danfisuutti deebi'a. Galgala sa'aa sadi boodammoo qo'annaa koo eegala.

Kophummaa

Yunivarsiitii keessatti hiriyoota hin qabu. Yeroo hunda kophaa kooti. Kanaaf sababni koos wanta wayitan barattuu waggaa tokkoffaa turetti na muddate dha.

Barattootni barumsa waggaa tokkoffaa yeroon baradhu hiriyaa godhadhe alkoolii waan dhuganif ani dhuguu baadhus yeroo baay'ee isaan walin dabarsuu kootin barumsa koo miidhee ture.

Kanaafis kophummaa filadhe. Kophummaan koos natti hin ulfaanne.

Abdii

Jireenya koo keessatti rakkoo heddutu na qunname, yeroo baay'ees abdii kutadheera. Wantootni jireenya koo keessatti dabarses waa heddu na barsiisaniiru.

Barnoota kaampaasii waggaa tokkoffaa akkuman xummureen ganna hojii koo buna danfisuu hojjechuun dabarse.

Haa ta'u malee guyyaa tokko balaan konkolaataa na mudatee ana fi dubartii biratti hojjedhu irratti miidhaan qaqqabe.

Taaten kun lubbuun killee harka namaa keessa jirtu akka taate na barsiise. Jireenya koo rakkoo heddu itti arge na yaadachiisee abdii na kutachiise.

Haa ta'u malee rakkoo ani keessa jiruufis ta'e dubartoota ganda dhalootaa koo keessa jiranif barachuun koo furmaata akka ta'u abdiin qabu olaanaa dha.

Barnootni seeraa ani baradhus gara fulduraatti mirga shammaraniif akkan falmuuf akkasumas dubartoota ganda kootiif hamilee akka ta'u yaadachuun barattuu cimtuu na taasiseera.

*Odeessi Gumaata Kaampaasii, jiruufi jireenya barattoota yunivarsiitii hirmaachisuun BBC Afaan Oromoo irraa torbaniin altokko kan isinii dhiyaatudha. Seenaa keessanis nuuf qoodaa.

Odeessaalee dabran