Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaay Tsahaayyee: Kan gaafatamnus yoo tahe walumaan gaafatamna
Hundeessitoota ABUT (TPLF) keessaa tokko kan ta'an Obbo Abbaay Tsahaayyee, BBC Tigrinyaa waliin gaaffii fi deebii torban darbe keessa taasisan isiiniif dhiyeessuun keenya ni yaadatama. Har'aaf ammoo dhimmoota hafan qabannee dhiyaanneerra dubbifadhaa.
BBC: ABUT jijjiramaa ammaan tana biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru akka waan mormuutti ilaalamaa jira. Maal jettu?
Abbaay Tsahaayyee: Jijjiramni ammaan tana taasifamaa jirus kan dhaabbileen ADWUI balleesseera jechuu ummaticha dhiifama gaafachuun eegalameedha.
Akkasumas ramaddiin aangaa'otaa wayita taasifamu kanneen sadarkaa ministirummaa, aangoowwan hedduu kan akka ittigaafatamummaa sivilii fi raayyaa keessaa kaafaman hedduun ABUT irraayyi.
Kana tole jechuun fudhanneera. Biyyoota dimokraasii hordofna jedhan keessattis paartii ykn namni tokko aangoo irraa yoo kaafamu dallansuun meeqa akka uumamu beekamaadha. ABUT adeemsicha irratti sirreeffamni haa taasifamu jechuun gaafateera. Kanaafuu ABUT jijjirama kana eessarratti morme?
Rakkooleen raawwiirratti turan jiru. Isaan ammoo yaa sirreeffaman jedheera. Fakkeenyaaf seerri cabaa jira. Waggoonni 27 darban akka bara dukkanaatti ilaalamaa jira. Kunis oomtu akka waan hin hojjatamiiniitti ilaalu. Kuni sirrii miti. Walumaan hojjanna jechuun yaada dhiyeesseera. ABUTn qofaa isaa wanti raawwate hinjiru.
Dhaabbileen ADWUI arfan hunduu kan itti gatii kanfalaniidha. Kun yoo tuffatamu ABUT fi ummata Tigraayirratti komiin addaa fi dallansuun akka itti dhagahamutti kan fudhatan yoo jiraatan sirrii miti. Ofiidhuma keenya salphisaa jirra. Kun ammoo madaallii isaa yaa eeggatu yoo jennu ammoo jijjiramicha mormu keenyaa miti. Ummanni Tigraayis kan jedhe kanuma.
BBC: Fakkeenyaaf dhimma Itiyoo-Eeritraa irratti ABUTn komii dhiyeessee ture. Kana irratti maal jettu?
Obbo Abbaay: Haala hojiirra olamaa nageenya Itiyoo-Eertiraa irratti rakkoolee muraasatu jira. Osoo ummata jiddu gala taasifatee gaarii ture. Karri gama Tigraayi jiru yaa banamu, walitti dhufeenyi gama Finfinnee qofaan hin ta'iin, Asab qofas osoo hintaane Mitsiwaanis haa saaqamu. Daangaaleen Tigraay banaa yaa ta'an kan jedhu ture. Yaada kanneen dhiyeessu ammo mormuu miti.
BBC: Wayita hidhattoonni biyya alaa turan gara biyyaatti deebi'an gammadoo turtanii?
Obbo Abbaayi: Humnootiin mormitootaa biyya alaa turan yeroo gabaabaa keessatti akka deebii'an taasifamu isaa ABUT fi ummanni Tigraayi dinqisiifateera.
Irra caalaanis miira dhiifamaa fi jaalalaan tokkummaa fi dimokraasii cimsuuf deebii'an. Muraasni garuu haaloofi gadoo isaanii walii jiru. ABUt fi ummata Tigraayi irratti haaloo qabu. Walumaagalattis ADWUI irratti haaloo bahu barbaadu. Kun ammo dhaadannoo jijjiramichaa kan ta'ee jaalalaa fi dhiifamaan yaa adeemnu kan jedhu sanaan faallaadha.
Kanaafuu kun sirrii miti dhiisaa jedhamu qabaatu. Isaani garuu muraasa. Kanaafu kun yaa sirreeffamu jechuun rakkinni isaa eessarratti?
BBC: Kanaafuu ABUT jijjiramicha attamiin hubata? Irra deddeebiin heerri motummaa yaa kabajamu jechuu keessan maal jechuudha?
Obbo Abbaayi: Jijjirama jechuun harka yaa rukkunnu jechuu miti. Kan adeemsa gaarii qabatee adeemuuf harka haa rukunnu, xumuraanis yaa geenyu. Garuu maqaa jijjiramaatiin waanti biraa kan itti makamee adeemsifamu yoo ta'e ammo ''kun rakkina qaba' kun jijjiramicha gufachiisa.
Kaayyoo fi qabiyyee jiijjiramaa kana miti jedhee kan sirreessu fi jijjiramicha rakkina irraa bilisa taasisuuf ifatti akka sirreeffamuuf kan gaafatu jijjiramicha cimsa malee gufachiisuu miti. Kunis sirreefamu kan qabaatudha.
Sirriiyyuu jijjiramicha kan danqu osoo rakkina arganuu irra dibuun qaama hawaasa tokko qofatti quba qabuudha.
Kanaafuu kan darbeef ittigaafatamaa mummeen ADWUI dha. Olaantummaan seeraa yaa kabajamu yoo jedhamus dhalattoota Tigree qofarratti xiyyeeffachuun eessaanu nun hingahu. Olaantummaan seeraa naannoolee hundattu, dhaabbileefi waajjiraalee federaalaa hundatti haala loogii hinqabneefi seeraafi ragaa qabatamaan hojiirra yaa olfamuudha kan bulchiinsiifi ummanni Tigraay jechaa jiru.
Kun ammo jijjiramicha mormuu miti. ABUT fi Tigree qofarratti xiyyeeffachuun kanneen biraa irra qabuun kan raawwatamu yoo ta'e, kun olaantummaa seeraa miti. Kuni hirina sirreessu miti. Eessayyu mana hingeessu. Tarii waldhabdee biraa uumuufi ummaticha kan dalansiisu yoo ta'e malee.
Lammaffaa irratti ammo ummanni dallane, kan shakku fi haala walqixa ta'een hinfayyadamne yoo jiraate biyyi kan diigamtu. Jijjiramni hunda hammataafi biyyaalleessa kan jedhamu yoo kan saba, hordoftoota amantaa, korniyaan osoo hinloogiifamiin hunda kan hammatu ta'eedha. Kan ta'u yoo baate ammo ummanni dalane ni fincila. Kun ammo deebisee gara jeequmsaatti nu geessa.
Mootummaan ummata tokko looguu eegale ammo yeroo fudhata malee kanneenis looguunsaa hinolu. Nuti ummanni Oromoo akka jeeqamu hinbarbaannu. ABUTn aarsaan sana hunda kan kanfalame ummata Oromoo, ummanni Amaaraa, ummattootii Itoophiyaa hundi bilisa akka bahaniif ture.
Kanaaf sababii maaliitiif rakkoole amma bakkeewwan garaa garaatti umamaniif ABUTn akka maddaatti kan eeramuuf? Kun balaa qaba. Biyyas ni diiga. Biyyoonni akka Yugozilaaviyaas haala akkasiitiin diigaman.
Qaamni hawaasaa ykn sabni quba itti qabnu jiraachuu hinqabaatu. Ofitti yaa qabnu maal si jala hir'ifne jennee yaa gaafannu. Kana ta'u baannaan walitti bu'insi bakka hundatti baayyataa jiru kun baayyee sodaachisaadha.
BBC: Akkuma beekamu sirnicha ogganuudhaan ADWUI keessatti olaantummaa kan qabate ture ABUT ture. Kanaafuu dogongora raawwatameef ABUTn ittigaafatamaadha jedhamuun kan eegamu mitiree?
Obbo Abbaayi: Faranjiinni dhimmi 'double standard' jedhan tokkotu jira. Tokkooffaan misoomni dhufe, nageenyi argame, sirni Dargii kufeeera. Biyyi keenyas biyyoota addunyaa biratti beekamtii argattee jirti jedhu namoonni baayyeen. Egaan gahee olaan kan qabu ABUT yoo ta'e, kaafis motummaa galateenfamu qabaata. Kan irraa yaa eegalu mee. Yoo rakkina ilaalatu kan dursaan ittigaafatamu ABUT ta'ee, fiixaan bahiinsaaf nutis waliin ture kan jedhu dhufaa jira.
Dadhabiina ABUT jiraachusaa, kan yeroo hidhannoo sanarra amma amataan ummanni irratti qabuu gadii bu'aa adeemuusaa, ummata Tigraay qofa osoo hintaanee, ummanni Ittoophiyaa guutuun miidhamu isaa gamagameera. Dadhabiin keenya ammo dadhabbii sirnichaatiif gumaata olaanaa qabaachu amana.
Kana jechuu garuu, ABTU waan hunda kan umuufi diigu jechu miti. Aangoo hunda walitti qabuun kan qabate ABUT qofa jechu miti. Mana maree Ministirootaa kessatti ministiroota sadii ykn afur, paarlaamaa keessatti parsantaa jaha ykn torba qaba. Qaamoolee kanneen kan imaamata baasuu fi seerota ragaasisan.
Asirratti kanneen sagalee fi teessuma caalmaa qaban jiru. Kanneen ministiroota baayyee qaban gahee olaanaa qabu gama gaariinis ta'ee dadhabiitiin. Gama qaamoolee haqaatiinis akkasuma Tigree baayyeen keessa hinturre.
Oggansa Poolsiifi Ittisa biyyaa keessa garu eeyyeen turaniiru. Tika biyyaa keessaas akkasuma. Waggoota torbaafi sadeettan darban keessa garuu irra caalaan saba gara biraa turan. Itaamajor fi ittigaafatamaan tika nageenya Tigree yoo ta'e baqqaa waanti hundi isumaa madaalama. Rakkina ADWUI biraatti umameef eeyyeen gumaati ABUT olaanaadha.
Garuu waan hundaaf ABUTn ittigaafatamu qabaata kan jedhu garuu sirrii miti, sababii ABUTn sagalee gadaan qabuuf. Paarlaamaa keessatti sagaleensaa 10n gadiidha. Mana maree ministrootaatiis akkasuma.
Kanaafuu, ADWUI mataansaa ittigaafatamaa mummeedha jechuun ture hojii raawwachiiftuudha kan gamagameera. ABUT jechuun hingamagmne. Sababiinsaa motummaa Federaalaa, Ittisa biyyaa fi tikaafi nageenya ogganaa kan ture Ministira mummeeti. Kanaafuu itti gaafatamu kan qabnu walumaan malee ABUT qofa irratti quba qabuun hin ta'u.
Kanaafuu ministira mummee kan ture ABUT yoo ta'e wayita ture sanatti ittigaafatamu qabaata. Kaan irraa yoo ta'es ammoo akksuma ittigaafatamu qabaata.