Abbaay Tsahaayyee: 'Jijjiirama jiru deggerus rakkoo jiru ABUT qofaatti qabachuu garuu nan morma'

Obbo Abbaay Tsahayyee gaaffifi deebii BBC Tigirigyaa waliin taaisaniin, akkaataa gamagama ADWUI'n taasiseen hir'inoota mootummaafi kan ADWUI'tiif itti gaafatamni guddaan kan hoji-raawwachiiftuu Addichaati jedhan.

"ADWUI'n hir'inoota jiraniif hunda caalaa kan itti gaafatamuu qabu hojii raawwachiistuu ADWUI dha jedhee gamagame malee kan ABUT ykn gaggeessitoota ABUT jenne."

Kuni maaliif ta'a? jedhanii gaafatan Obbo Abbaay Tsahaayyee. Federaala kan gaggeessaa ture Ministeera Muummeedha. Ministeera muummeetti aanee ammoo Ministeera Ittisaadha, isatti aansees Itaamaajor Shuumiidha, jechuun itti gaffatamani kan ABUT akka hin taane ibsaniiru.

"Kanaafuu, kan ministeera muummee ture nama ABUT yoo ta'e isa ta'a kan itti gaafatamuu qabu. Muummichi ministiraa kan ture paartii biraarraa yeroo ta'e ammooisa ta'a itti-gaafatamu jechuudha," jedhan.

Lammaffaa irraatti, waa'ee baajataa, waa'ee imaammataa, waa'ee seeraatiif ammoo paarlaamaafi mana maree ministirootaadha kan iti-gaafatamu jedhu Obbo Abbaay Tsahaayyee. Kanarratti ammoo, paarlaamaa keessatti teessuma caalaafi ministeerota caalaa kan qaban hojii gaariifis ta'e, hojii hir'ina qabuuf gahee guddaa qabu, jedhan.

Akka Obbo Abbaay Tsehaayyeetti, qaamolee haqaa, nageenyaafi poolisii keessatti akkuma akka ga'ee isaatti itti gaafatamuu qaba.

"Kanaafuu, waanti guddaan akka natti fakkaatutti, jijjiiramoonni amma taasifaman tokko tokko, kan yeroo gababaa keessatti taasifamaniha. Fakkeenyaaf, paartileen morkattootaa sababii adda addaatiin mufatanii, dallananii biyyaa bahan gara biyyaafi nagaatti deebisuun dursinee gochuu ni dandeenya ture. Gochuunis nurra jiraata ture kan jedhu ani nan fudhadha. ABUT illee ni fudhata," jedhu.

Namoota mana hidhaa keessaa baasuunis sirrii akka ta'e dubbatanii, "Jalqabumayyu namoota hanga kanaa hidhuun hin barbaachisu ture. Maaliif hanga gamagama ADWUI'tti tura? Maaliif hanga ministirri muummee filamutti tura?" jechuun hidhamtoonni hiikamuun barbachisaa akka ture dubbatu.

Walumaa galatti dursanii sirreessuun osoo isaanirra jiraatuu garuu kan hin taasisiin hafan akka jiru kaasan Obbo Abbaay.

Asirratti ABUT gahee mataa isaa ni qaba, warri kaanis gahee akka qaban nan fudhadha jechuun, "Waan hundumaaf ABUT qofa, ykn adda durummaan ABUT kan jedhu garuu ka'umsi isaa maalidha? Ol-aantummaan ABUT, ol-aantummaan Tigiraay ture kan jedhu irraa ka'a. Kun garuu kan maddu ragaafi haqa jirurraa miti."

Yaadni ol-aantummaan ABUT jira jedhu kan jiru yoo ta'e uummanni Tigiraay maaliif fayyadamaa hin taane jechuun kan gaafatan Obbo Abbaay, "Uummanni miliyoona tokko ta'u waggaa waggaadhaan midhaan gargaarsaa kennamaafii jira," jedhan.

ABUT bifa keessa deebiyamuu hin dandeenyeen of ceepha'uun tarkaanfii fudhateeras jedhan. "Sirreessuudhaaf, onnee isaa irraa akka Tigiraayittis akka sadarkaa Federaalaattis yaalii taasiseera."

Ammas jijjiirama taasifamaa jiru deggeraafi keessattis hirmaataa jiraachuu kaasanii adeemsa jijjiiramaa keessatti hir'inootaafi kan kararraa maqanii mul'atan tokko tokko ammoo yoo sirreessinedha caalaatti bu'a qabeessa kan ta'u jedhan.

Kun gara hin barbaachifnetti nu geessa jechuudhaan ifatti waltajjii ADWUI fiwaltajii mootummaa irratti karaa seeraafi naga qabeessa ta'een sirreessaa deemaa jiras jedhan.

Kanarraa kan hafe, waa'ee namoota dhuunfaa yoo ta'e kan ka'aa jiru, kan warra kaaniis haa ka'u jedhu. "Waa'een namoota dhuunfaa saba Amhaaraa, saba Oromoo, kan Kibbaa, Somaalee, Affaariifi kan biroo naannoosaanii bulchaa turan naannoo, inaannoon isaanii hin misoomne, yoo goolame, rakkoon bulchiisa gaarii yoo uumame, ABUT isaaf itti gaafatamuu qabaa? Walitti bu'insi kan babaayyate yoo ta'e ABUT ta'aa kan itti gaafatamu? Maaliif? Gatii maal ta'eef? Eessa turan?" jechuun itti fufuun gaafatan Obbo Abbaay.

Ammalle ittuma fufuun gaaffii gaafataa yeroo ibsanitti, Tigiraay irraa kan hafe naannoon biraa ABUT bulchaa ture jiraa? Kanaaf, achitti kan hir'ate gaaffiin misoomaa, bulchiinsa gaariifi nageenyaa yoo jiraate paartii bakka sana bulchaa jirudha jennee ture akka ADWUI'tti kan nuti gamamagamne jedhan ObboAbbaay.

"Maaliifi ABUT'tti quba qabuun? Hin fudhannu. ADWUI'n akkas jedhee hin gamagamne."

Rakkoo sadarkaa Federaalaatti uumameef ammoo waliin itti gaafatamna jechuun, isayyu ammoo itti-gaafatamni ol-aanaa kan hojiraawwachiiftuu ADWUI ta'a. Achirraa ammoo ministeera muummee ta'a jennee gamagamneerra jedhan.

Waanti amma jiru karaa tokko jalqabbii gaariidha kan jedhan Obbo Abbaay, Ertiraa, paartilee morkattootaafi warreen karaa meeshaadhaan qabsaa'aa turan waliin nagaa buusuun akkasumas, hidhamtoota hiikuun wantoonni hedduun namatti toludha, ABUT illee ni deggera jedhaniiru.

Gama biraatiin ammoo walitti bu'insi jiru, seera maleessuumma, seerri cabuun, wabii dhabuuniifi haalawwan jiran yaaddoo guddaa kan uumanidha jedhaniiru.

Namni nagaadhaan bahee galuun yaaddoo ta'eera kan jedhan Obbo Abbaay, kun ammoo yaaddoo nama tokkoo ykn qaama tokkoo qofa osoo hin taane, akka biyyaatti itti fufuuf dhimma gaaffii keessa galaa jirudha jedhan.