Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Omaar al-Bashiir deeggartoota isaaniin tasgabbii dhabuun akka Sooriyaa nama godha jedhan
Sudaanitti gareewwan wal-morman lamaan magaalaa guddoo Sudaan Kaartuumiifi magaala Omdurmaanitti daandiitti bahan.
Namoonni dhibbaan lakkaawwaman addabaabayii 'Green' jedhamutti walitti qabamuun pirezidantii biyyattii waggaa 30f bulchaniifi ammaa kana mormiin jabaa ummata irraa isaan mudachaa jiru Omaar al-Bashiiriif deeggarsa isaanii agarsiisaniiru.
Namooti walitti qabaman baay'een isaanii miseensota paartiifi hojjettota mootummaa hogganaa ganna 75 gammachiisuuf argamanii dha.
Erga mormiin magaalaa kaaba biyyatti argamtu Atbaaraatti Mudde 19 jalqabe as pirezidantiin kun ummatatti bahanii yeroo dubbatan kun kan jalqabaati.
Omaar al-Bashiir haadha warra isaanii Wedaad Baabkir waliin kan isaan wal-tajjiitti bahan.
Mormii adeemsifamaa jiru duuba qaamonni alaa harka keessaa qabaachuu himuun, qaamoti nageenyaa mormicha haala ''namummaa'' of keessaa qabuun tasgabbeessu isaaniif galateefataniiru.
Pirezidant al-Bashiir Siiriyaa akka fakkeenyaatti fudhachuun tasgabbii dhabuun gara baqattummaatti akka geessu himan.
Gama biraan, Naayiliin magaalaa Omdurmaan keessattii mormiin farra-mootummaa adeemsifamee jira.