Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fincilaan Sudaan Kibbaa Riik Machaar karoora nagaan 'wal hingalle'
Finciltoonni Sudaan Kibbaa Riik Machaar pirezidantii Itti-aanaa gochuuf karoora nagaa dhihaate didan.
Mootummoonni Sudaan Kibbaa fi Sudaan waligalteen aangoo walqooduu gaafa Sambataa raawwateera jedhanii ture.
Haa ta'u malee, dubbi himaan Riik Machaar akka jedhanitti aangoo walii qooduun dubbiidhaan malee waan mallattoodhaan raawwate hin jiru.
Yaadni dhihaate namoota siyaasaa irratti xiyyeeffate malee riiformii jijjiiramaa fiduuf bu'uura kan godhate miti jedhaniiru.
Ummanni kuma hedduu ta'u waldhabdee kanaan kan ajjeefaman yoo ta'u ummata biyyattii keessaa tokko sadaffaan qe'ee irraa buqqa'aniiru.