Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Omaar al Bashir marsaa sadaffaaf akka dorgomuuf yaadni heera jijjiiruu dhiyaate
Pireezdaant Omaar al- Bashir filannoo 2020 irratti marsaa sadaffaaf dorgomuu akkaa danda'aniif miseensonni mana maree Sudaan heeraa biyyittii jijjiiruu yaadaa jedhu deeggaran.
Heerri biyyattii yoo geeddarame malee, Al-Bashiir kan fonqolcha mootumman bara 1989tti gara aangoo dhufan lammata gara aangootti akka dhufan hin hayyamamuuf. Sababiinsaammoo biyyattiin bara 2005 turtii aangoo pirezedaantummaa waggaa lamatti waan daangeessiteef.
Dubbii Himaan Paarlaamaa Ibraahim Ahimad Omaar xalayaaa seera baastonni geeddarumsa seera bara aangoo irra turuu murteessu sirreessuu irratti malleetteesan na qaqqabeera jedhan.
Paartiilee 33 keessaa bakka buutoonnii 294 irratti hirmaataniiru jedhan.
''Jijjiiramicha taasisuuf Murtoo kamiyyuu murteessuuf heeraafi sadarkaa seeraa hundumaa hordofuun mana maree waliin nan mari'adha," jechuu isaa Reuters gabaaseera.
Jijjiiramni heera haaraa kun pirezdaantiin angoo ittiin bulchitoota filataman hojii irraa gaggeessuu danda'u ni kennaaf.
pirezedaanti Bashir Mana Murtii Yakka Idil Addunyaatiin (ICC) yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii kutaa biyyaa lixa Darfuur keessatti raawwaateera himannaa jedhuun barbaadamaa jira. Himannaa kana garuu innii haaleera
Bara 2020tti aangoo akka gadhiisu bara 2016tti BBCtti himeera.