Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Sudaan Kaabinee isaanii diigan
Sudaan mormiiwwan riifoormiin Siyaasaa fi Diinagdee akka gaggeefamu gaafataniin jeeqamaa baate.
Gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuuf jecha pireezidantiin biyyattii Omaar Albashiir Kaabinee isanii diiganiiru. Rakkoo diinagdee isaanii miidhe furuu akka barbaadaniis himaniiru.
Murtee Al Bashiir kanaan waajiraaleen sadarkaa Ministeeraatti hundaa'anii tura 31 gara 21 gadi hir'ifamu.
Gatiin daabboon itti gurguramu deegarsi maallaqaa mootummaan gama kaanaan kennu adda cituu hordofuun dachaan dabaluu sababeefachuun mormiin kan eegale Mudde darbe ture.
Sharafni maallaqaa biyyattii, paawundiin Sudaan, gadi bu'uun meeshaalee alaa bitamanii galan akka qamadii rakkisaa taasiseera.
Xiinxaltootni kan jedhan bara 2011 erga Sudaan Kibbaa tokko sadaffaa qabeenya bob'aa naannichaa fudhachuun biyya of dandeesse erga taateen booda diinagdeen Sudaan rakkoo keessa galeera.