Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Burundiin 'aangoo Nkurunziizaa dheereessuuf filatte'
Komishiniin filannoo Burundii waan jedhe, lammiileen biyyattii yeroo bulchiinsaa pireezidantii isaanii dheereessuuf filatan - kunis hogganaa biyyattii Piyeer Nkurunziizaa hanga ALA bara 2034tti akka bulchuuf kan karra saaqudha.
Bu'aan filannoo akka mul'isutti, namoonni %73.6 tahan yaadicha wayita deeggaran, %19.3 mormaniiru, sagaleen %4.1 ammoo dogongora waan qabaniif lakkoofsaan ala tahaniiru, akkasumas %3.2 kanneen gara lameenuu kan hin filannedha.
Namoota filachuuf galmaahan keessaa, rifarandama Kamisa taasifame irratti harki 96 sagalee keennaniiru.
Lammiileen Burundii filannoo rifarandamii kanaan ganna bulchiinsa pireezidantii waggaa shanii gara waggaa torbaatti akka guddatu dhiyaateef.