Puutiin mootummaan muuziqaa raappii 'to'achuu qaba' jedhan

Mootummaan Raashiyaa akka itti muuziaan raappii sirbamu ofii to'atee karaa qabsiisuu qaba jedhan pireezidantiin biyyattii Viladimir Puutiin.

Mootummaan biyyattii kanaan dura konsartiiwwan raappii hedduu haqeera, gosa muuziqaa kana ugguruufis yaalii adda addaa taasisaa ture.

"Ega ugguruun dadhabamee, mootummaan to'achuu keessatti qooda olaanaa bahachuu qaba," jedhan.

Ministeerri aadaa biyyattii konsartiiwwan dargaggootaa karoorsuufi qindeessuuf mala dhahuu qabas jedhaniiru.

Pireezidantichi kana kan jedhan erga weellisaan raappii konsartiin isaa irra deddeebiin jalaa haqame hidhamee booda.

Weellisaa Dimitrii Kuzneetsoov - konsartiin isaa aanga'oota motummaan jalaa haqamnaan konkolaataa isaa gubbaatti bahee dinqisiifattota isaaf weellise. Kanaafis qabamee guyyoota 12'f hidhameera.

Dhimma kana of-eeggannoo guddaan ilaaluu qabna jedhu pireezidant Puutiin. Hariiroo sirbi raappii qoricha sammuu namaa hadoochu waliin qabu irratti yaaddoo qabanis ibsataniiru.

"Raappiifi gosootni aartii ammayyaa biroo utubaa sadii qabu - wal-qunnamtii saalaa, qoricha sammuu nama hadoochufi mormiidha" jedhan.

"Kanneen keessa kan qoricha sammuu namaa hadoochu baay'ee na yaaddessa. Biyya tokko kanatu diiga," jedhan.

Itti fayyadamni jechootaa badaa muuziqaa raappii keessa jirus akka isaan yaaddessuufi waa'ee kanaas ogeessa afaanii waliin haasa'uu himaniiru.

Ogeettiin afaanii isaan dubbisan itti fayyadamni jechoota badaa "qaama afaan keenyaati" jettee deebisteef.

Isaanis "gosa qaama hedduu qabna garuu hunda isaa namatti hin agarsiifnu," jechuun qaama namaan wal-qabsiisanii deebii kennaniiru.

Mootummaan Raashiyaa durii kaasee muuziqaafi ogeessota muuziqaa waliin hariiroo gaarii hin qabu jedhamee hamatama.