Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin Raashiyaa Ameerikaatti basaasummaan himatamte
Mootummaan Ameerikaa dubartii ganna 29 lammii Raashiyaa taate, mootummaa Raashiyaa bakka bu'uun hojii basaasummaa hojjetteen gareewwan siyaasaa gidduu lixxe jechuun himate.
Akka miidiyaaleen Ameerikaa gabaasanitti, Maariyaa Buutinaan paartii warra Rippalblikaanotaa waliin walitti dhufeenya cimaa uumte, akkasumas mirgoota qawweef mormiti.
Ajaja ishees qondaala olaanaa Kireemlin irraa fudhataa turtes jedhameera.
Eenyusheen?
Butiinaan biyya Saayibeeriyaatti kan dhalatte wayita tahu, gara Ameerikaattis barnoota olaanoof dhufte. Akka himannaanshee jedhuuttis inumaawuu mootummaa Raashiyaa waliin hojjechaa turte.
Ameerikaa dhufuusheen dura garee Mirga Meeshaa Waraanaa Dhuunfachuu jedhu hundeessite. Miidiyaaleen Ameerikaas garee humna guddaa qabu kan meeshaa waraanaaf falmu NRA waliin hidhata qabdi jechuun gabaasanii turan.
Mootummaa Raashiyaaf hojjechuushee amma dura haaltee turte.
Akka gabaasa Washington Post'tti Butiinaan gargaartuu Aleeksaandar Torshin taate. Seenaataraa fi baankara kan tahe Aleeksaandar irrattis qoqqobbiin irra kaa'ameera.
Kana malees duula filannoo Tiraamp irrattis akka argamteefi Mr. Tiraampis waa'ee ilaalcha walitti dhufeenya alaa Raashiyaaf qabu gaafattettis jedhameera.
Akka gabaasa Washington Post'tti Tiraamp, ''Puutiin waliin walii galla,'' jechuun deebiseera.