Ilaalcha: Qubeellaan waadaa attamiin namummaa duabrtootaa xiqqeessa?

Qubeellaa waadaa

Oggeettin tarsiimoo miidiyaa Matilde Suwesun, aadaan qubeellaa waadaa kennuu shamarraan kan midhuu akka ta'e amanti.

Shaakallii kun dhaabachuu qaba jechuun maaliif geddaramsi jiraachu akka qabu sagantaa 'BBC 100 Women' jedhamuuf barreesiteetti.

Short presentational grey line

Kana dura hoggaa lama heruumeera, kana boodas heerumu nan danda'a garuu qubeellaa waadaa barbaadees, qabaadhees hin beeku.

Qubeellaan waadaa yaadaa wal qixxummaa dubartootaa kan mormudha jedheen amana. Yaadaa dubartii of dandeessu ta'uu qabdi jedhu mormuun dubartiin qubeellaa kana qabdu kan namaa ta'uu ishee ibsa.

Dabalataanis qubeellaa waadaa gati jabeessa kaawwachuun dubartii tokkoof kabaja ykn ulfina kenna jedhamee yaadama.

Hiriyoonnikoo as Ameerikaa jiran yaadakoo kana ni mormu. Baayyeen isaani qubeellaa waadaa qabu, tokko isa kaan irra gati jabeessa.

Miidiyaa hawaassummaa irrattii qubeellaa isaaniii agarsiisfatu, yeroo wal agarrus natti qoosu.

Dhaloota umuriikoo ta'an qofa miti kan yaada kana morman- mucaankoo isheen durbaas natti qoosti. Qubeellaa waadaa bareedaa qabaachuu hawwiiti.

Aadaa isheen keessatti dhalatte waan ta'eef ishee hubachuu nan yaala, ta'uyyuu garuu yaada akka kanaa waliin tasa walii hin galu.

Matilde Suwesun

Madda suuraa, Matilde SuescĂșn

Ibsa waa'ee suuraa, Matilde Kolombiyaatti dhalatte

Yaadumti gaa'elaaf shamarree naqachuuyyuu naaf hin ta'u. Dhiirri jilbeenfate dubartiin akka itti heerumtuuf gaafachuun isa siirriidha hin jedhu.

Gochii kun shora isheen qabdu xiqqeessa, nama fulduratti yeroo taasifamu immoo isheen kan filannoo hin qabne fakkeessa.

Nama tokkotti heerumuun ykn fuudhuun jaalala ibsuurra kan darbeedha- waliigaltee lamaanidha. Waliigaltee dinaagdeefi seeraa of keessaa qaba.

Hawaasifi miidiyaan ijoolleen durbaa daa'immummaa irraa eegaluun dhiiraa qubeellaa isaaniif kennuu hawwaa akka guddatan barsiisaa jira jedheen yaadda'a.

Dubareen kun heerumuun rakkoo jireenyaa hunda nuu fura yaada jedhuun guddatu.

Heerumaafi qubeellaa abdachuurra ijoolleen dubaraa of danda'uu, barachuu, guddachuufi gammachuu ofiin ofii kennuu irratti hojjechuu qabu.