Tiraamp Ispeen 'dallaa Sahaaraa akka ijaartu' yaada dhiyeessan

Pireesdaant Traamp rakkoo godaantootaa Awuroppaa furuuf dallaan gamoojjii Saharaa qaxxamuruu akka ijaaramu yaada dhiyeessan jechuun ministirri haajaa alaa Ispeen Joosep Borooll dubbatan.

Pireezidantii Parlaamaa Awuroppaa kan turan Joosep Borel, yaada kanaan akka walii hin gallees dubbataniiru.

Yaadni kun kan dhiyaate, ministirichi ji'a Waxabajjii keessa wayita daawwannaaf Ameerikaa deemanii turanitti.

Karoorri daangaa Ameerikaa fi US gidduutti dallaa guddicha ijaaruu, Tiraamp duula na filadhaa irratti waadaa galan keessaa isa daran beekamaa tahedha.

Mr. Borel haasaa Tiraamp waliin taasisan kan ifa baasan, affeerraa laaqanaa Maadrid keessatti taasifameerratti ta'uu, ministirri hajaa alaa Ispeen BBC'f mirkaneesseera.

Tiraamp ''Dangaan Sahaaraa waliin qabdan, daangaa keenya Meeksikoo waliin qabnu waan caalu miti,'' naan jedhan jedhu Mr Borel.

Daangaan US-Meeksikoo km 3,145 dheerata. Dheerinni gammoojjii Sahaaraa ammoo km 5000'tti kan dhiyaatudha.

Ispeen waahee Sahaaraa irratti mirga abbummaa hin qabdu. Haa tahu malee iddoowwan xixiqqoo lama kaaba Afrikaa keessaa qabdi. Isaanis Ceuta and Melilla kan jedhaman yommuu ta'u, Morokoo waliin dallaa shiboo falmisiisaa taheen kan daangeeffamedha.

Iddoowwan kunniin godaantota jirenya gaarii barbaacha Afriikaarraa gara Awuropoppaatti godaananii fi kanneen waldhabdee fi dararama baqatanii biyyasaanii dhiisanii bahan hedduu kessummeessu.

Jalqaba bara 2018 kan irraa eegalee, yoo xiqqaate godaantota galmee hinqabne 35,000 tahan Ispoeen gahaniiru. Kunis biyyoota Gamtaa Awurooppaa (EU) godaantota lakkoofsa hedduu simatan keessaa Ispeeniin ishee jalqabaa taasisa.