Tiraampii fi pirezidaanti Buhaariin kallatti gaafii rakkisaa geeddaran

Waa'een dubbiin tuffii Pirezidaantiin Ameerikaa Tiraamp biyyoota Afriikaa irratti dubbatanii jiru jedhame haasawaa pireezidaantii Naayijeeriyaa waliin godhan keessatti akka hinka'in hoggantoonni lamaan dubbatan.

Muhaammad Buhaarii gaaffii gaazexxeessaan waa'ee arrabsoo ''Boola kosii'' jechuun biyyoota guddataa jiran ibsuuf Tiraampiin dubbatame irratti dhiyaateef gara cinaatti dhiisaniiru.

Ibsa gaazexisitootaaf godhan keessattis ''irratti hin mari'anne'' jechuun Tiraamp dubbataniiru.

Hoggantoota biyyoota Afriikaa Sahaaraa gajjallaatti argamaniif bulchiinsa Tiraampiin wayita affeerran godhamuu Naayjeeriyaan ishee jalqabaati.

Ibsa waloo Wiixatarra gaazixeesitootaaf godhan irratti, goodaantoota gara Ameerikaa gallaniin ''Biyyoota boolla Kosii'' irra warra dhufan jechuun keessattu Haayitii, El Saalvaadoor fi biyyoota Afriikaarra tokko tokkoorra kan dhufan irratti haasaan arrabaa isaan haasa'anii turan ilaalchisee gaafiin dhihaateefi ture.

Hogganaan Nayijeeriyaas haasawaa diploomaasii godhaniin: ''Himannaan pirezidaanticharratti dhihaate kun dhuga ta'uuf dhiisu isaa waanan sirritti beeku hin qabu,'' jechuun deebisaniiru.

''Kanaafuu anaaf waanti gaariin cal jechuudha.''

Tiraamp deebii isaanii keessatti jecha sana fayyadamuu isaanii hin haalle.

''Prezidaantichi Naayijeeriyaa na beeka eessa akkan dhufees ni beeka,'' jechuunis dubbataniiru.

'Biyyoota haala gadhe keessa jiraniifi keessa jiraachuun baay'ee cimaa ta'es ni qabdu.''

Tiraamp carra kanatti fayyadamuunis goodantootarratti seera Ameerikaan qabdu ''kan faayidaa hinqabne'', ''dadhabaa'' fi ''kan gahumsa hinqabne'' jechuun qeeqaniiru.

''Biyyi kun seera godaantoota manca'aa ta'e qabna,'' jechuun, ijaarsa dallaa daangaarratti godhamuu ilaalchisee bifa haaraan waamicha godhaniiru.

Naayijeeriyaan Hidhattoota Bookoo Haaraamiin waraanuuf kan gargaaru fi doolaara miliyoona 496 baasu xiyyaara farra lootee galtoota 12 Waayit Haawuus dhiheenyatti itti gurguurteetti.

Dhimma eegumsa mirga namoomaaf jecha, kanaan dura Ameerikaan xiyyaara waraanaa Naayijeeriyaatti gurguuru didde turte.

Angaawoonni Naayijeeriyaa ''amantii hundaa, amantoota Musliimaa fi Kiristiaanaa'' dabalate nageenya namoota nagaa ittiin tiksu jedheen abdadha, jechuun Tiraamp dubbataniiru.

Tiraamp waa'ee, haleellaa mana sagadaarratti murna tokkoon rawwatee fi luboota lama dabalatee lubbuu namoota 18 baduuf saba kan ta'ees kaasanii dubbataniiru.

''Kiristaanota ajjefaman ilaalchisee rakkoo haalaan cimaa ta'e qabna,'' kan jedhan Tiraamp ''Rakko kanarratti ni hojjenna, baay'ee baay'ee jabbaanne hojjenna,'' jechuun dubbataniiru.