Manneen kadhannaa dhagaa: Faana Joorj Rojer kan hordofe

Kan ogeessa suuraa qaban yeroo baay'ee lafumaa ka'ani hin hojjetan, kaka'umsa namoota kanaan dura hojjetanin eegaluu.

Kanneen keessaa 'Temples of stone' jedhamuun ogeessi suuraa Istuwaart Firaankilin 'Magnum'f hojjetu tokko. Istuwaart isa Biriton Joorj Rojer waggaa 60 dura imala Kaaba Afrikaa Gibxii fi Morokootti taasise faana bu'eera.

Hojiiwwan Joorjif jaalalaafi kabaja guddaa akka qabu Firaankiliin dubbata.

''Haa ta'u malee, hojiiwwan isaa Kaaba Afrikaatti hojjete daran nan caalsifadha. Sababni isaas, teessuma lafaa, inni akka gadi hin teenye, waa beekuuf akka dhamahu akkasumas akkamin uumamni fi hawaasni Afrikaa keessatti akka waliin jiraatan baruuf yaaliin taasisan ragaadha.''

Hundeessitoonni 'Magnus photos' afran addunyaa wal hiranii naanna'aa suura kaasaniiru. Rojer Afrikaa irratti xiyyeeffate. Keessumaa bara 1957 gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuruun maayilii 4,000 ji'a sadii keessatti keessa baheera.

Suurri yeroo kaase bareedina teessuma lafaa, ta'eewwan seenaa akkasumas namoota karaatti arge of keessaa qabu. Addunyaan hedduu jijjiirameera, teessumni lafaa asii garuu akkuma yeroo Rojer konkolaataa Laand Roovarin qaxxaamure sani jiru.

''Joorj Rojer gammoojjicha jaalateera, daandii ture, teessuma lafaa hin beekamne, ummata ammayyuummaan bira hin geenye mara jaalata,'' jedha Firaankilin. ''Kan hafe, akkuma inni bara 1950'tti dhiisee deeme argeera.''

Rojer bara ogeessoni suuraa ji'oota muraasaaf fagaatanii yeroo hojiidhaa deebi'an immoo fiilmiiwwan shaanxaa guutuu fidani dhufuun ergasii gaazexaa fi barruuleef qixeessan ture. Amma barri jijjiirameera.

''Bara suura kaase ilaaluuf torban ykn ji'oota muraasa eeguu sana keessan guddadhe. Keessumaa yeroon 'National Geographic' jalatti hojjedhu,'' jedha Firaankilin.

''Maxxansaaf illee yeroo dheeraa fudhata. Kanaafuu, mirkaneessuu akkasumas yerootti deebisanii waraaban illee ni ture. Bara si'anaa suura daddafanii maxxansaaf itti fayyadamuun rakkoos faayidaa ofis ni qabaata.

Suurri wanat yeroo yerootti jijijjiiramu galmeessanii kaa'uudha. Faakkeenyaaf akka akkaataa uuumama dhagaaa kanaa yeroo dheeraaf tura. Yoo hammana turuu danda'u ta'e suura kaasuun maaliif barbaachise?

''Suurri - fakkiin - waan addunyaa guutuutti ta'aa jiruufi jechaan ibsuu nama rakkisu danda'u ibsa.''

Suurawaan dabalataa Joorj Roger bara 1957 imala taasise marsariitii 'Magnus photo' irraa daawwachuu dandeessu. Abbaan mirgaa © Stuart Franklin / Magnum Photos and © George Rodger / Magnum Photos